Jeneraal Taaddasaa Warradaa 'hidhaa mana keessaarra' jiruu?

Madda suuraa, Amensisa Ifa/BBC
Akkaataa waliigaltee Piritooriyaatti Bulchiinsa Yeroo Tigraay hundaa'e waggaa tokkoof kan hoogganan Letenaal Jeneraal Taaddasa Warrada aangoorraa erga kaafamaniiti haala akkamii keessa akka jiran odeeffannoon qabatamaa hin baane.
Aangoon Janaraal Taaddasaa waggaa tokkoof dheerachuu kan morme TPLF filannoo waggaa jaha dura taasifameen ''mana maree mootummaa Tigraay'' hundaa'e ''hojiitti deebiseera.''
Manni maree kuni Dura Taa'aa TPLF kan ta'an Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'eliin pirezidantii naannichaa filuun isaa hin dagatamu.
Kaabineen Dr Dabratsiyooniin hoogganamu guyyaa walgahii isaa jalqabaa taasisetti Janaraal Taaddasaan ''aangoon bulchiinsa yeroo humnaan qabamaa'' akka jiru dubbataniiru.
Gaafas fuulli Feesbuukii Waajjira Pirezidantii ibsa gabaabaa baaseen qaamoleen ''filatamneerra'' jedhan ''galma walgahii kaabinee bulchiinsa Yeroo keessatti walgahii kaabinee'' eegaluu isaanii ibsaniiru.
Qaamoleen kuni hooggansaan kan filataman ''rakkinichi mariifi waliigalteen akka furamu waamicha dhihaate dhiisanii'' akka ta'e eeruun qeeqaniiru.
Guyyaa walgahiin kaabinee eegale ''guyyaa daandiin balaafamaa eegale'' akka taasisu ibsuun ''sababa kanaan rakkoo dhalatuuf kan itti gaafatamu aangoo bulchiinsa yeroo humnaan qaama qabataa jiru akka ta'e ibsuun barbaada'' jechuunis akeekkachiisaniiru.
Ergaa isaanii xumuraa kana erga dabarsan booda yeroo ammaa haala akkamii keessa akka jiran gaaffii namoota baay'ee ta'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC Afaan Tigriffaan haala kana adda baasuuf carraaqqii gochaa tureera.
Gaafa Roobii Itoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Masiingaa gara Maqalee imaluu isaanii hordofee Lt. Janaraal Taaddasaan haala akkamii keessa akka jiran yaaliin taasifameera.
Yeroo jalqabaafis namoota dhimmicha itti dhiheenyaan beekanirraa ragaan qabatamaa argachuun danda'ameera.
Maddi yaaddoo nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan akka jedhanitti, Ambaasaaddar Masiingaan Lt. Taaddasaa waliin wal arguuf beellama qabatanii Finfinneedhaa gara Maqalee imalan.
''Dhugaa dubbachuuf Ambaasaaddar Maasingaan Janaraal Taaddasaa dubbisuuf kan yaalan amma qofa miti.
''Kana duras yaalanii hin milkoofne,'' kan jedhan firri dhihoo janaraalichaa beellamni kana dura qabame haqamuu dubbataniiru.
Torban kana gaafa Roobii beellamni qabame carraaqqii lammataa akka ta'es himan.
''Beellamni erga qabame booda abdiin 'walargu' jedhu qabna turre. Beellamni ganama sa'aatii shanitti ture.
''Isaaniis beellama akka qaban beeku ture. Ambaasaaddarichi Maqalee akka seenanis beeku ture. Booda garuu naannoo sa'aatii afurii hogganaan nageenyaa isa ijoof bilbilamee ajajni darbeera'' jedhaniiru.
Odeeffannoo kana mirkaneessuuf biiroo nagaafi tasgabbii naannichaa irraa ibsa dabalataa argachuuf yaaliin taasifame hin milkoofne.
Ajajni kuni maal ture?
Beellamni Lt. Janaraal Taaddasaafi Ambaasaaddar Maasingaa sa'aatiin tokko yeroo hafu bilbila hogganaa eegduu VIP irraa bilbilameen haalichi akka jijjiirame maddi BBC dubbatu.
''Hin dabaaliinaa, sochii homaatuu hin godhiinaa, konkolaattonni akka hin sochoone, kanas isaaf [Janaraal Taaddasaaf] beeksisaa'' ajaji jedhu akka kenname ibsaniiru.
Dabalataanis, ''ajajni kuni erga darbe booda sochii kamuu yoo gootan humni biraa isin dhaabsisu jira. Kanaaf, rakkoon homtuu akka hin mudanne sochii kamuu akka hin goone'' ajaji jedhu darbuu himu.
Qajeelfamni kuni janaraalichaa, konkolaachiftootaafi namoota isaan gargaaraniif akka itti himamu ajajni kan darbe.
Ajajaan eegduu isaanii ajaja kana Lt. Janaraal erga gurra buuse booda janaraalichi ajajicha akka hin fudhanneefi ''ani ofiikoo konkolaataa ofee nan deema'' jechuu isaanii beekuun danda'ameera.
Kunis maatiifi eegduu isaaniirratti yaaddoo uumee akka ture BBC'n maddeen irraa dhagaheera.
Keessumaa maatiin isaanii ''adaraa dhiisi haala jiruun maal uumamu akka danda'u hin beekamu'' jechuun akka isaan kadhataniifi akka hin baane akka isaan hubachiisan himaniiru.
Ambaasaaddarichi Lt. Janaraal Taaddasaa waliin wal arguuf abdii godhatanii akka turan eeruun, janaraalichi gorsa maatii isaanii dhagahanii manaa osoo hin bahin akka hafan dubbataniiru.
Haala jiru Ambaasaaddar Maasingaaf bilbilanii akka hubachiisaniis ibsaniiru.
Mariin bilbilaa kuni ''daqiiqaa 20 akka fudhate'' ibsanis waan isaan irratti mari'atan maal akka ta'e beekuun hin danda'amne.
Maddi dhimmichaaf itti dhihoo jiran ''taateen kuni janaraalli naannoo tokko bulchaa turan mirgi dubbachuu isaanii, mirga nama dubbisuu isaaniifi mirgi sosso'uu isaanii akka dhorkame agarsiisa'' jechuun ibsaniiru.
''Osoo bahaniiru ta'e maal isaan qunnamuu mala ture?'' jechuunis yaadda'uun gaafatu maddi kuni.
Eegdonni isaanii ''qofaa isin hin gadhiifnu, waliin deemna malee'' jedhanii akka turan dubbatan.
Ambaasaaddar Masiingaan dura taa'aa itti aanaa TPLF Obbo Amaanu'el Asaffaafi aangawoota naannichaa kaan waliin waa'ee waliigaltee Piritooriyaafi waa'ee buqqaatotaa mari'atanii akka deebi'an gabaasonni mul'isu.

Madda suuraa, Office of the Prime Minister
Jeneraal Taaddasaan hidhaa mana keessaarra jiruu?
Letanaant Jeneraal Taaddasn yeroo aangoorra turanis tahe akka ittigaafatamaa waraanaatti dhiibbaan hojii baayyee waan irra tureef kana duras badaa alaattii bahanii akka hin sochoone.
Tahus Roobii darbeen as maatiinsaanii ''hidhaa dhaabbii irra akka jiran'' akka itti dhagahme maddeen dubbataniiru.
Ebla 30 aangoo isaaniirraa ka'anii Ittigaafatamaa TPLF Dr Dabirtsiyooniin akka bakka buufaman erga himameen as gara waajira pireezidantiitti deemanii akka hin beekneefi bulchiinsa naannichaa wajjinis hariiroo akka hin qabne dubbataniiru.
Tahus waajira dhihoo mana jireenyaa isaanii jirutti akka deemaniifi yeroo baayyee mana keessatti kitaaba dubbisuun akka dabarsan maddeen BBCtti himaniiru.
Waajira isaanii kanaafii yeroo kaan ammoo Hoteela Pilaanet jedhamutti namoota akka argataa turan himameera. Kunis kan tahu ''eeyyama qondaalota mootummaafi to'annoo tikaatiini,'' tilmaama jedhu akka qaban dubbataniiru.
Muddamni Tigraayi keessa jiru gareelen isaan yaaddessu jeneraalicha argachuu akka barbaadan kan eeran maddeen kuni qaamoti isaan argatanii turan akka jiranis ibsaniiru.
Fakkeenyaaf ''ambaasaaddarri Noorweeyi duraanii tokko Gamtaa Awurooppaan akka ergaman amanaman torbee tokko dura akka isaan dubbisan eeraniiru.
Ambaasaaddara Ameerikaa Maasingaa waliinis akka wa argan akka eeyyamamuuf tilmaamanii akka ture himuun ''akka wal hin argine waan barbaadaniif kan dhaabsisan tahuu hin oolu,'' jedhaniiru.

Madda suuraa, Office of the Prime Minister
Taatee Roobiin asitti jeneraali Taaddasaan ''ofiin waanti to'atan akka hin jirre'' eeruun gara fuulduraatti maaltu uumamuu akka danda'u maatiisaanii akka yaaddessu maddeen kunneen hubachiisaniiru.
Hamma yoonaa konkolaataafi eegdonni isaanii jiraatanillee jala jalaan eegdonni isaanii hir'isaa akka jiran eeraniiru. Konkolaataan isaanis fudhatamu akka danda'u oduun gurra isaan bu'uu maddeen kunneen himaniiru.
''Ajajni gaafa Roobii akkaan kan mufachiisuufi kan aarsu ture. Mirgi dubbachuufi socho'uu isaanii akka daangeffame agarsiisa,'' jedhaniiru.
Leetanaant Jeneraal Taaddasaan ji'a lamaa oliif mana isaaniitii badaa bahuu baatanillee tarkaanfiin gaafa Roobii garuu yaaddessaafi ''hidhaa manaa irra'' akka jiran ifatti kan agarsiisu tahuu maddeen kunneen himaniiru.
Eegdota duraan qabanirratti ''eegdonni haaraa irratti ramadaman'' akka jiran dubbi himamurratti maddeen ''odeeffannoo sirrii'' akka hin qabne himuun shakkii qabaachuu garuu hin dhoksine.
''Socho'uu hin dandeessu'' ajaji jedhu irratti darbeera taanaan haala akkamii keessa akka jiran tilmaamuun rakkisaa miti jechuun himaniiru.

Madda suuraa, Amensisa Ifa/BBC
Haala muddamni guute
Waliigaltee Piriitooriyaa ilaalchisee qaamota mallatteessan gidduu wal-dhibdeen ture Ebla 30 gara haala ''aangoorraa fonqolchuu'' fakkaatutti ce'eera.
Hoggantoonni TPLF yeroon aangoo bulchiinsa yeroo raawwateera jechuun mana maree waraanaan dura filatame iddootti deebisaniiru.
Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa tarkaanfii TPLF balaaleffachuun gara waliigaltee Piriitooriyaatti akka deebi'u gaafachaa jiru.
Mootummaan Ameerikaa qondaalota TPLF ''finxaaleyyii'' jedheen maatiisaanii waliin viizaa Ameerikaa akka hin arganne dhorkaa irra kaa'eera.
TPLF dhorkaa Ameerikaa kana ''madaalawaa kan hin taane'' jechuun fudhatama dhabsiiseera.
Manni maree Tigraayi tajaajila waraanaa dirqamaafi dambiiwwan du'aan adabsiisan labsuun raawwatamaa akka tahu ajaja dabarsuun ni yaadatama.
Dhaaboti biyya keessaafi alaa mirgaaf falman dirqamaan loltummaaf guuruun balaaleffatanillee qondaaloti TPLF ''eenyummaan biyyaalessaa keenya balaarra bu'eera,'' jechuun falmu.
Ministirri Mummee Abiy Ahimad haasaa torbee darbe paarlaamaf taasisaniin ''naannoo sanatti waraanni akka ka'u fedhiin guddaan jira, gatii waan hin qabneef lakki jenneerra,'' jedhaniiru.
Deebii miseensota mana mareerraa isaaniif ka'e yeroo deebisanitti MM Abiya ''TPLF qalbii yoo qabaate…marii'achuuf tattaaffii gochuun barbaachisa,'' jechuunis dubbataniiru.


















