Liiverpuul shaampiyoonaa Piriimer Liigii tahuun waan hafu miti, Gaardiyoolaan maal hime?

Madda suuraa, Getty Images
''Barana Waancaa Piriimer Liigii mo'achuuf jenna'' jechuun deeggartoonni Liiverpuul taa'umsa qullaa deeggartoonni Maanchister Siitii dhiisanii bahanitti siquun iyyaa turan.
Liiverpuul 2-0 Maanchister Siitii erga mo'atee garaagarummaa qabxii Arsenaal waliin qabu gara 11tti guddiseera.
Dhugumayyuu deeggartoonni Liiverpuul amma akka mo'atan yoo amanan dhugaa qabu.
Garee Yaargan Kiloop Arnee Islootiif dhiisanii bahan gahumsa addaa irratti argama. Isloot bara jalqabaa Liiverpuul keessaa kanatti injifannoo addaa argatan.
Piriimer Liigii bara kanaa tapha tokkittii Nootiingihaam Foorest 1-0 mo'ate qofa irratti injifataman.
Arsenaal dirree isaa irratti West Haamiin mo'amuun ammoo falmii eenyu waancicha injifata jedhuutti kan xumura godhe fakkaata.
Dhiyeenya Maanchister Siitin waancaa adda addaa mo'achuun Itihaad irratti gammachuu ibsataa turan.
Amma deeggartoonni Liiverpuul kan jedhan waancicha dabarsaa nutti kennaadha.
Liiverpuul yeroo waancaa Piriimer Liigii mo'ate weerara koroonaa keessa waan taheef deeggartoonni isaa dirree seenuun gammachuu isaanii isa dhugaa waliin hin dhamdhamanne.
Kubba miilaa keessatti waan hin uumamne hin jiru. Herreega taphoota hafaniin yoo ilaalle ammayyuu xumurameera jechuuf nama rakkisa. Tilmaamuunis rakkisaadha.
Taphoota 11 hafan irraa qabxii 11 dhaba jedhanii yaaduun garuu waan hin fakkaannedha.
Taphoota 11 keessaa torba dirree isaa irratti taphata. Arsenaal waliinis tapha tokko qaba.
Osooma Liiverpuul taphoota muraasa mo'ama taheeyyuu Arsenaal ammoo taphoota isa hafan hundaa mo'achuu qaba jechuudha. Kunis waan hin fakkaanne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arnee Isloot ''liigota kaan keessatti qabxii hamma kanaan caaltee yoo dursitu sitti tola. Piriimer Liigii keessatti garuu kun hin hojjetu.
''Taphni hundinuu ulfaataadha. Inumaayyuu kilabni Piliimaawoz jedhamtu 'FA Cup' keessatti hangam akka nu morkatte argineerra,'' jedhan.
Deeggartoonni ni mo'anna jedhanii akka barbaadanitti nu faarsuu danda'u. Nuyi garuu injifachuuf hojii ulfaataa baay'eetu nurraa eegama jechuunis dubbatani.
Bara 1997-98 Maanchister Yuunaayitid yeroo akka kanaatti qabxii 11'n Arsenaaliin caala ture. Haa tahu malee, taphoota shan waan mo'ameef Arsenaal dhaqabee waancaa mo'ate.
Arsenaal yeroo sana Arsen Weenger jalatti leenji'aa ture ammoo kan amma Mikel Artettaan qabuun olidha.
Gaardiyoolaan waancaa kana Liiverpuul mo'atteera jechuu dandeenyaa jedhamanii gaafatamnaan deebii kallattii hin kennine.
''Garuu qabxii meeqaan Arsenaaliin caalu? Tapha meeqamoo mo'aman? kana caalaa maalan sitti himaree?'' jechuun deebise.
Liiverpuul mo'ateera amantaa jedhu waanuma qabudha. Arnee Islootiin yeroo harka fuudhus ergaa baga gammaddee kan of keessaa qabu fakkaata.
Gaardiyoolaan garee waancaa mo'atu akkasumaan ilaalee beeka. Taphattoota Liiverpuulis tokko tokkoon harka fuudhe.
Karra eegaan duraanii Maan Siitii Jooy Harti, ''Arsenaal waancaa mo'achuuf waan danda'u hundaa haa taasisu.
''Taphoota qabu hundaayyuu haa mo'atu. Anaaf kun hundi gahaa miti'' jedhe.
Mohaammad Saalaan barana seenaa haaraa galmeessaa jira.
Taphoota Piriimer Liigii adda addaa 11 irratti walitti aansee galchii lakkoofsisuun erga Liyoonel Meesiin bara 2014-15 galmeessee as taphataa jalqabaa taheera.
Galchii Piriimer Liigii 25 fi kubba galchii taatu 16 kennuun ammoo taphataa jalqaba irra jirudha.
Teerii Heenerii Arsenaal keessa yeroo ture bara dorgommii tokkotti kubba galchii tahu 20 mijeessee kennuun seenaa hojjetee ture.
Mohaammad Saalaan rikardii kanas cabsuun galchiidhaanis badhaasa kophee warqii injifachuuf deema.
Hamma Mohaammad Saalaa taphataan garee Gaardiyoolaan leenjise irratti galchii lakkoofsises tahe kubba galchii tahu kenne hin jiru.
Saalaan yeroo hundaayyuu Gaardiyoolaaf mata bo'uudha.
Gaardiyoolaan taphattoonni isaa galchii hin lakkoofsisiiniyyuu malee akka gaariitti taphataniiru jedhan.
Garee isaanii waan hunda injifatee dulloomaa jiru haaromsuu kan jalqaban Gaardiyoolaan hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf tattaafataa jiru.
Umurii fi miidhamaan gahumsa isaa duraanii kan dhabe Keevin De Biruun, Maatiw Koovachich, Kaayil Wooker, Ikaay Gundohaan, Bernaandoo Silvaa fi karra eegaa Edersan taphattoota Maanchister Siitiin bara dhuftu gadhiisu keessaa akka tahan gabaasaaleen bahaa jiru.
Kaan kontiraata isaanii xumuranii kaan ammoo gurguruun taphattoota haaraan bakka buusuuf kilebichi hojjeta.

Oduufi xiinxala BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












