Pireezidantii Itti aantuun Arjantiinaa yaalii ajjeechaa irraa 'raajiin' oolan

Kirsitiinaa Fernaandees de Kichneer

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Pireezidantii Itti aantuun Arjantiinaa ''haala hin amanamneen'' yaalii ajjeechaa jalaa oolan.

Kirsitiinaa Fernaandees de Kichneer mana jireenyaa isaanii fuulduratti deeggartoota isaanii walitti qabaman dubbisuuf yeroo baahan namni shuggixii hidhatee ture itti dhiyaatee addatti qabee milaaccii harkisuus rasaasni dhuka'uu diduun lubbuun oolan.

Pireezidantiin Arjantiinaa Albeertoo Fernaandees shugguxicha keessa rasaasni shan kan ture ta'us namichi qaataa harkisuus rasaasni dhukaa'uu dide jedhan.

Poolisiin biyyattii namichi yaalii ajjeeechaa kana raawwate nama ganna 35 lammii Biraaziil akka ta'e ifa godheera. Sababiin yaalii ajjeechaa kun itti raawwatee qoratamaa jira.

Pireezidantiin biyyattii Fernaandeez Kamisa galgala lammiilee biyyattiif ergaa dhaamaniin itti aantuun isaanii ''Kiristiinaan lubbuun jirti, rakkoo teeknikaa amma adda hin baaneen meeshaan rasaasa shan of keessaa qabu, hin dhukaane'' jedhan.

Yaaliin ajjeechaa Fernaandeez irratti aggaamame seenaa dimookrasii biyyattii erga bara 1983 as ''isa hamaadha'' jechuun balaaleffatan.

Guyyaan Jimaataas guyyaa ayyaanaa ''mirga lubbuun jiraachuu, dimookraasiifi pireezidantii itti aantuu keenya waliin ta'uu itti agarsiisfnu ta'ee akka yaadatamu'' jechuunis labsan.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodame namichi yaalii ajjeechaa raawwate adda Fernaandeez irraa dhumdhuma xiqqoo fagaatee yaalii san raawwachuu agarsiisa.

Fernaandes mataa ishee gadi qabdus rasaasni meeshaa keessaa osoo dhuka'ee hin bahiiin hafeera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Viidiyoo biraa maxxanfameen ammoo deeggartootni ishee nama itti dhukaasuuf ture irraa ishee baraaruuf yeroo yaalan agarsiisa.

Ministirri diinagdee Arjentiinaa Sarjiyoo Maas ''yeroo jibbii fi walitti bu'iinsi yaadaan falmuurra ce'u, hawaasni ni jeeqama, haalli akkasiis ni dhalata,'' jechuun barreessan.

Fernaandeez yakka malaammaltummaan shakkamtee dhaddacha hordoftee debi'aa turte. Dhimma ittiin himatamte irraas bilisa ta'uu dubbatti.