Haleellaa Israa'el mana barnootaa UN Gaazaa jirutti raawwatten yoo xiqqaate 35 ajjeefamun gabaafame

Kanneen ijaan arganiifi gaazexeessitoonni misaa'elli daree mana barnootaa UN gamoo gubbaa jiru rukute

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen ijaan arganiifi gaazexeessitoonni misaa'elli daree mana barnootaa UN gamoo gubbaa jiru rukute
Maxxanfame

Haleellaa Israa'eel mana barnootaa UN Gaazaatti ijaaree amma buufata baqattoota dahachiisutti jijjiiramerratti raawwatteen yoo xiqqaate namootni 35 ta'an ajjeefaman.

Humni waraanaa Israa'el mana barnootichaa haleeluu amanee xiyyeeffannoon isaa ''garee Hamaas achitti mandheeffate'' jedhe. Hidhattoota 20-30 ta'an ajjeesus ibse.

Gazexessaan miidiyaa biyyattiif gabaasu tokko yaada BBCf kenneen xiyyaarri waraanaa Israa'el tokko misaayeloota lama darbii isa dhumaa gamoo mana barnootichaarratti dareelee argaman haleele jedhe. Amma manni barnootichaa kaampii baqattootaa Naasiraat jedhama.

Waajirri miidiyaa Hamaas, Israa'el ''ajjeechaa jumlaa cigaasisaa'' raawwatte jedhe.

Suuraa fi viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodaman, gamoo jijjigee fi reeffa marame agarsiisu.

Ambulaansiin namoota haleellaa kanaan du'aniifi madaa'an gara hospitaalaa geessuuf fiigicha gochaa turan.

''Waraanni ni gaha! Yeroo hedduu buqqaane. Ijoolleen keenya wayita rafaa jiranitti ajjeefamaniiru'' jetti haati ofii miidhaan irra gahe tokko.

Hogganaan waajira miidiyaa Hamaas Isma'eel al-Taawabtaa yaada Israa'el manni barnootichaa dahoo koomaand poostii Hamaas ture jette fudhatama dhabsiisan.

''Qubattootni...oduu dharaa ofii uumamaniin yakka hamaa namoota buqqa'an irratti raawwattaniif sababa dhiyeessu'' jechuun Rooyitarsitti himan.

Humni Ittisaa Israa'el gama isaan haleellaan xiyyaaraa xiyyeeffannoosaa eeggate mana barnootaa UNRWA keessatti bakka Hamaasa qubate haleele jedhe.

Ibsi humni ittisaa Israa'el baase akka jedhutti haleellaa kanaan shororkeessitoota Hamaasiifi Islaamiik Jihaad gaafa Onkololessaa 7 Kibba Israa'el haleelan dhamabsiise jedhe.

Haleellaa gareelee lamaanii kanana Israa'el keessatti namootni 1,200 ta'an ajjeefamaniiru. Sana hordofee haleellaa Israa'el banteen ammoo Gaazaa keessatti namootni 36,580 ta'an ajjeefamaniiru.

Haleellaa haaraa kana dursee miidhama namoota nagaa xiqqeessuuf tarkaanfii fudhachuu humni waraanaa Israa'el beeksiseera.