Liyonel Meesiin Aljeeriyaa irratti galchii sadii galchuun rikardii cabse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Liyonel Meesiin galchii sadii Aljeeriyaa irratti lakkoofsisuun rikardii galchii Waancaa Addunyaa qooddate.

Biyya isaaf tapha 200ffaa kan taphate Meesiin galchii sadii [haatirikii] jalqabaa Waancaa Addunyaa 2026 lakkoofsiseera.

Meesiin galchii 16 Waancaa Addunyaa irratti lakkoofsisuun rikardii taphataan Jarman Mirooslaav Kiloos qooddate.

Biyyi isaa Arjeentiinaan Waancaa Addunyaa 2022 erga mo'attee kan bara 2026 kanas injifannoon jalqabde.

Yeroo saddet Badhaasa Ballon d'Or kan mo'ate Meesiin Istaadiyeemii Kansaas irratti Aljeeriyaa mo'achuun biyya sadaffaa shaampiyoonummaa isaanii kabachiifatan taheera.

Arjeentiinaan yeroo jalqabaaf tapha Waancaa Addunyaa jalqabaa mo'atte. Bara 1982 fi 1990 shaampiyoonaa tahanii garuu taphoota jalqabaa mo'amanii ture.

Gahumsi Meesiin Aljeeriyaa irratti agarsiise adda ture. Galchiin lakkoofsise gahumsa dhuunfaa isaa kan agarsiiftu turte.

Karra eegaan Aljeeriyaa ilma Ziinadiin Ziidaan Luukaa Zidaan jedhamudha.

Meesiin jalqaba goolii galchee ture. Garuu taphaan ala jedhamee jalaa haqame. Aljeeriyaanis akkasuma galchii lakkoofsisanii ture.

Meesiin Waancaa Addunyaa jahaffaa irratti hiriiruun rikardii biraas qooddateera.

Arjeentiinaan qabxii sadii erga argattee tapha itti aanu Oostiriyaa fi Joordan waliin morkatti.

Taphataa umuriin deeme Waancaa Addunyaa irratti tapha tokkoon galchii sadii lakkoofsise tahuun rikardii Kiristaanoo Roonaaldoos cabseera.

Meesiin garee biyyaalessaa waliin itti fufuuf murtoo hedduu keessa darbe.

Kaaniis ammoo erga bara 2022 Waancaa Addunyaa mo'atee maaliif soorama hin baane kan jedhan jiru.

Meesiin garuu Ameerikaa garee isaa waliin kan jiru lakkoofsumaaf osoo hin taane gahumsa qabuun injifannoon akka bahan gochuuf akka tahe mirkaneesseera.

Gama biraan Faransaay Senegaaliin 3-1'n injifatte. Kiiliyaan Imbaappeen galchii lama lakkoofsisuun rikardii garee biyyaalessaa Faransaay Oliiveer Jiiruudiin qabamee ture cabse.

Imbaappeen galchii 58 Faransaayiif galchuun kan kana dura galchii 57 Jiiruud galmeesse cabse.

Ammallee umuriin isaa waggaa 27 waan taheef rikardii kana akkamalee fageessee galmeessuu danda'a.

Isa qofa osoo hin taane Waancaa Addunyaa irratti galchii 14 lakkoofsiseera. Kun ammoo Meesii fi Kiloosaatti aansee nama sadaffaa isa taasisa. Rikardii kanas baranuma carraa cabsuu qaba.

Ooliiveer Jiiruud baga gammadde erga isa jedhee tarii galchii 100 Faransaayiif galchuu mala jedhe.

Oduu biraan Noorweey 4-1 Iraaqiin mo'atte. Haalaand galchii lama Waancaa Addunyaa jalqabaa isaa irratti lakkoofsiseera.

Haalaandis akkasuma taphoota 51 garee biyyaalessaaf taphatee galchii 57 lakkoofsiseera.

Noorweey Waancaa Addunyaatti waggaa 28 booda deebite. Haalaandii fi gareen isaa barana sadarkaa gaarii deemuu kan danda'an fakkaatu.