Nagaan akka bu'uuf aangookoo gadhiisuun yoo barbaachise gadhiisuuf qophiidha- Zeleniskii

Pireezidaantiin Yuukireen Volaadimiir Zeleniskii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waraanni Raashiyaa fi Yuukireen erga egalee amma waggaan 3 xumuramee, arfaffaa eegaluufi.

Pireezidaantiin Yuukireen Volaadmiir Zeleniskii jalqabbii waraanichaa waggaa 3ffaa ilaalchisee gaaffifi deebii Gaazexeessitoota waliin taasisaniin, nagaan akka dhufuuf pirezidaantummaa isaa dhiisuun yoo irra jiraate ''dhiisuuf'' fedhii akka qabu dubbateera.

"Nagaan akka bu'uuf, dhuguma hojii koo akkan dhiisu na barbaachisa taanan - dhiisuuf qophiidha. Yoo haalli akkasii jiraate, aangoo koo kana miseensummaa NATO'n jijjiruu nan danda'as" jedhan.

Zeleniskiin kana kan dubbatan yaada pirezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp jalqaba torbee kanaa Zeleniskin ''abbaa irree filannootti hin amanne'' jedhanii waamanii booda yaada kennaniidha.

Yaadicha irrattis deebii Dilbata kana kennaaniin, "Ani hin mufanne, garuu abbaan irree ni mufata" jechuun Caamsaa 2019 karaa dimokiraatawaa filatamuun aangoo fudhachuu yaadachiisan.

Itti dabaluudhaanis, ''Ani waggoota 20 booda osoo hin taane har'a nageenya Yukireen irratti xiyyeeffataa jira, waggoota kurneef miti kanan aangorra jiru'' jedhe.

Akka seera Yukireenitti, filannoon seera waraanaatiin kan addaan cite yoo ta'u, seerri waraanaa kun erga Raashiyaan Guraandhala bara 2022 weerara guutuu raawwattee kaasee hojiirra oolaa jira.

Zeleniskiin Wixata kana hoggantoota biyyoota dhihaa waliin mari'ata. Kaan isaanii qaamaan Kiiv keessatti kaan immoo toora interneetii irratti, waraana booda dhimma nageenyaa irratti bakka US hin argamnetti mari'atu.

Mata dureen Yukireen NATOtti makamuu jedhu walgahii kana irratti kan dhiyaatu ta'uu kan ibsan Zeleniskiin, mariin kun akkamitti akka ''xumuramu'' hin beeku, garuu ''qabxii jijjiiramaa'' akka ta'u abdadha jedhe.

Dhimma dubbii Tirump ilaalchisee Zeleniskiin, pirezidaantii Ameerikaa akka michuu Yukireeniif jaarsummaa Kiivifi Moskoo ta'uu caalaatti akka ilaaluu barbaadan dubbataniiru.

"Dhugumatti qoodni US jaarsummaan gidduu seenummaa qofa ta'uu hin qabu...sun qofti gahaa miti," jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waayit Haawus gargaarsa waraanaa hanga har'aatti taasise, gara fuulduraattis kennuu danda'u, albuuda uumamaa Yukireen doolaara biliyoonaan lakkaa'amu akka argatu gaafachuu isaatiin Zelenskiin gargaarsi Ameerikaa hanga ammaatti akka liqiitti osoo hin taane akka gargaarsaatti waliigalameera jedhan.

Waliigaltee nageenyaa akka jecha isaatiin – ''dhaloota dhalootatti kaffalamu'' irratti walii hin galu jedheera.

Waa'ee waliigaltee albuudaa ta'uu danda'u yeroo gaafataman Zelenskiin "waliigalterraa ga'aa jirra" jechuun qondaaltonni Yukireen fi Ameerikaa wal qunnamaa turuu eeran

Hogganaan Yukireen kun ''nuti qooduuf qophiidha,'' jedhaniyyuu garuu Waashingitan jalqaba Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ''waraana kana akka xumuru'' mirkaneessuu akka qabdu ifa godhaniiru.

Hogganaan Yukireen yaada nagaa wixinee Doonaald Tiraamp dhiyeessan irratti yoo walii hin galle ta'e, adeemsi waraanaa barame itti fufu akka danda'ullee yaadotni dhiyaataa jiru.

 Volaadimiir Zeleniskii

Madda suuraa, Getty Images

Waliigaltee nagaa ta'uu danda'u irratti waldhabdeen dippilomaasii itti fufee kan jiru yoo ta'u, Yukireen, michoota Awurooppaa fi Ameerikaan akkamitti waldhabdee kana akka xumuran yaadota adda addaa dhiyeessan.

Ameerikaa fi Raashiyaan torban kana Sa'uudii Arabiyaatti marii duraa taasisaniiru. Mariin kun Yukireen dabalatee bakka bu'oonni Awurooppaa osoo hin argamin ture. Kun ammoo hoggantoonni Awurooppaa yaa'ii ariitiin qophaa'e Paaris keessatti akka gaggeessan taasiseera.

Zeleniskiin Yukireen marii Ameerikaa fi Raashiyaa keessaa akka hin baane qeequun, Tiraamp ''bakka odeeffannoo sobaa'' Moskootiin bulfamu keessa jiraachaa jira jechuu hordofee Tiraamp ammoo, pirezidaantiin Yukireen ''abbaa irree'' jechuun deebii akka kennan taasiseera.

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon tibbana Waashingitan kan daawwatan yoo ta'u, muummichi ministeeraa UK Sir Keyir Istarmer ammoo Kamisa achitt ni argamu jedhamee eegama.

Sir Keyir ifatti Zeleniskii deeggaruun, UK'n ''deeggarsa meeshaa waraanaa '' Kiivif qabdu irra deebi'anii ibsuun, yeroo Tiraamp waliin dubbatan barbaachisummaa abbaa biyyummaa Yukireen irratti akka mari'atan dubbataniiru.