Yaaddoo Raafaadhaan Ameerikaan Israa'eliif boombii fe'uu dhaabde

Ameerikaan yeroof fe'umsa boombii Israa'eliif taasiftu dhaabde

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Maxxanfame

Ameerikaan oppireeshinii Israa'el Raafaa keessatti gaggeessituun yaadda'uun boombii fe'uufii akka dhaabde qondaalli olaanaan US tokko himan.

Boombiin fe'amaafii ture 1,800 2,000lb [907Kg] fi 1,700 500lb boombi kan jedhaman yoo tahuu qondaalli kun miiltoo BBC kan tahe CBStti himeera.

Israa'el yaaddoo Ameerikaan deeggarsa namoomaa Raafaa keessaa irratti qabdu ''hin guutne'' jedhan.

Israa'el dhimma kana irratti deebii kennite hin qabdu.

Israa'el hulaa Raafaa murteessaa tahee fi daangaa Masirii irra jiru erga taankiin dabaalamuun qabachuu beeksiftees halkan edaa dhukaasni dhagahamaa ture.

Haleellaan Raafaa keessatti gaggeessaa jirtu akka malee hamaadha. Hakiimni tokko akka jedhanitti miseensotni maatii tokkoo torba haleellaa Israa'eliin ajjeefamaniiru.

Raafaan deeggarsa namoomaa galchuuf hulaa murteessituudha. Uuummata waraana baqachuun bahaniifis hulaa tokkittii jirtudha.

Israa'el gaafa Wiixataa jiraattotni Baha Raafaa ''oppireeshinii daanga'aa'' loltoota Hamaas balleessuu fi bu'uuraalee misoomaa isaanii mancaasuuf gaggeesituuf gadhiisanii akka bahan ajajje.

Akkasumas waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuuf ifaajeen godhamaa ture. Yoo Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana fudhatte namootni ukkaamfamuun butaman gadhiifamu akkasumas lammiilee Filisxeem Israa'el mana hidhaa galchite ni gadhiifamu.

Kaayirootti bakka buutonni Israa'elii fi Hamaas bakka qaamonni jaarsummaa taa'an jiranitti dhimma dhukaasa dhabauu irratti marii itti fufuuf jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchiinsi Waayit Haawus, Israa'el bakka namootni walakkaa miliyoona atahan itti baqatanii fi bakka dhaqanillee hin qabne Raafaa keessatti oppireeshinii waraanaa jabaa gaggeessuu hin qabdu jedhe.

''Haala kamiin deeggarsi namoomaa dhaqqabuu akka qabuu fi akkamiin akka akaraa adda taheen oppireshinii gaggeessuun akka danda'amu irratti Israa'el waliin mari'achaa jirra,'' jedhan qondaalli US.

Madaalli kanaan torban darbe fe'umsa boombii waraanaa tokko hanbisneerra. Keessumaa itti fayyadama boombii 2,000lb kan bakka uummatni heddumatee jiraatu keessatti fayyadamuun miidhaa guddaa qbau irratti xiyyeeffanne,'' jedhan.

Haleellaa Hamaas daangaa Israa'el darbuun Onkoloolessa 7 Israa'el irratti raawwachuun lubbuu namoota 1200 galaafate hordofee Humni Waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti oppireehsinii gaggeessaa jira.

Hamaas namoota 250 tahan ukkaamsee fudhate. Akka Waajjira Fayyaa Hamaas gaggeessuutti yoo tahe, Gaazaa keessaa namootni 34,780 tahan ajjeefamaniiru.