Haleellaan misaa'elii Iraan-Israa'el Baha Jidduugalaa wayi jijjiiree?

Madda suuraa, Reuters
Waa'ee Baha Giddu Galeessaa waanuma xiqqaan saffisaan jijjiirama. Yeroo tokko waa'ee dhukaasa misaa'eliifi diroonii Israa'eliifi Iraan jidduu ta'a. Ittaansee ammoo mata dureen odeessaa gara waraanaafi dararaa Gaazaa keessaatti jijjiirama.
Haleellaa kanaanis kaan waraanaa addunyaa cimaa kaasuurra kan kufaatiin teknolojii ittiin hubatameedha jechuun mormu, Jamsi Laandaale, gaazexessaa gameessi BBC Baha Jidduugalaarraa.
Hangam gara fiixeetti siqaa akka jiraniifi hallayyaa fuuldurasaanii jiru hubachuun barbaachisaadha. Iraaniifi Israa'el kallattiin yoo wal haleellaan kun kan jalqabaati.
Xinxaltoonni muraasnis haleellaan Iraan raawwattee kan miisaa'elootaafi diroonota isa guddicha kan Raashiyaan Yukireen irratti raawwattee caaluudha jedhu. Dhugaattis Israa'eliif haleellaa miisaa'elii bara 1991tti Saadaam Husseen raawwateen as haleellaa balaa cimaadha Israa'eliif.
Biyyoota Lixaa keessaa muraasni ammoo haleellaa Ebla 13 fi deebii murtaa'aa Israa'el raawwatteen waan gaariin argamuu akka danda'u yaadu. Haleellaa Iraan raawwattu raaguun gahumsaa tikaa olaanaadha, akkasumas ittisni Israa'el fakkeenya walta'insa waraanaa michootaa isa addaati. Kana malees Iraaniifi Israa'eli lamaanuu attamiin akka sadarkaa mudamaarra bahu akka danda'an barataniiru.
Jalqaba opareshinii tikaa haa fudhannu. Iraan haleellaa Sambata akka raawwachuuf jirtu Ameerikaan akka barte Roobii natti himame jedhe Jamsi. Kana malees haala murteessaa ta'en fedhii Iraanis baran.
''Maddi warra xilaa olaanaan tokko, ''deebiin Iraan kan eegamuun ol akka ta'u bubbeen nu qaqabeera. Kanaafuu kun baayyee naasiisaa ture. Garuu ammoo deebiin idil-addunyaa akka kennamu gargaareera,'' jedhan.

Hunda caalaa Ameerikaan Israa'el ittisuudhaaf biyyoonni Galoo Galaanaa keessatti kan akka Jordaan fi Saawudi Arabiyaa dabalatee, akka gargaaraniif amansiisuu dandeesse. Sodaan isaanii, tokkicha erga hamma karoora Iraan baraniin booda, Israa'el deebii cimaa kennuudhaan ala filmaanni gara biraa yoo hin jiraanee gara waraanaa cimaa qaxanichaatti ce'u danda'aa kan jedhu ture. Kanaaf, gareen tikaa gaariin akka walitti qabamiiniifi mallattoon dhunfaa Iraan (kan US raawwachuu haaltu), Israa'eliifi biyyoota deeggaraniif yeroo kenneera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaheen Jordaaniifi Sawudi Arabiyaan bahan hanga ammaatti guutummaan ifa miti. Jordaan walabummaa daangeeshee ittisuuf jecha dirooniiwwan Iraan rukuttee kuffisuu himte. Jordaan daangaa qileensaashee xiyyaaroota waraanaa Israa'el muraasaaf hayyamuun hubatamaadha.
Saawudiin US'f odeeffannoo kennite jedhameen amanamuun alattis, gareewwan waraanaa Yaman keessatti Iraaniin deeggaram yaaddoo haleellaa raawwatan ni hordofti turte.
Waan guddaan hojjachuusaati. Humnoonni waraanaa Ameerikaa, UK, Faransaay, Jordaanos fi Saawudii waloon ittisa qilleensaa hojjachuu akka danda'an agarsiisaniiru.
''Opareshiin ittisaa milkaa'aa addaa ture'' jedha maddi tikaa. ''Tikni odeeffannoo walitti qabe, nutis hubannoo naannoo hundaa argannee waliin hojjanne. Addunyaarratti gareen sabootaa kamu kana raawwachuu hin danda'u.''
Kaan ammoo kun jalqabbii gamtaa haaraa faallaa Iraan ta'u danda'a jedhu.
Warra kaaniif ammoo ilaalcha waraanaafi tikaa hin baramneedha. Xinxaltoonni kaan ammoo, Iraan Israa'el irraan miidhaa cimaa qaqabsiisuu osoo barbaaddee akeekkachiisa dursaa kennuu dhiistee, qiyyeeffannaashee bal'isuun dambalii haleellaa marsaa lammaffaa eegalu dandeessi turte ykn ammoo Hezbollaan Libaanos irraa haleellaa cimaa akka irratti raawwatu ajajuu akka dandeessuu dubbatu.
Institiyuutii Qorannoo Tarsiimoo Addunyaatti qorataa kan ta'e Imiile Hokaayem, opareshinichi Israa'el of ittisuudhaaf hangam biyyoota gargaaran irratti hirkachuu akka qabdu agarsiiseera. Israa'el haleellaa cimaaf misaa'eloota ittisa qilleensaa gahaa qabaachuu yaadda'a.
''Waraana Raashiyaafi Yukireen jidduutti gaggeeffameen akka agarreetti, meeshaalee gaarii qabaachuun barbaachisaadha,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Aab Hokaayem ammoo yaada rakkoon kun jalqabbii tokkummaa waraanaa naannichaati kan jedhu hin fudhatan.
''Bara haaraa irratti hin argamnu. Biyyoonni Arabaa lolli naannichatti akka hin dhalannee oolchuuf jecha wal ta'an. Michootasaanii Lixaa waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachu agarsiisuu barbaadan. Akkasumas dhimmichi dhimma birmadummaatis. Wanti ta'e samiisaanii irra balalii'uun akka dhohu hin barbaadan.''
Namoonni ilaalcha gaarii qaban lammaffaa ammoo, Iraaniifi Israa'el haala kanarra barataniiru kan jedhuudha. Biyyoonni lamaanu kaayyoosaanii sirriitti ibsataniiru, osoo bifasaanii hin dhabne qabanneessuu akka danda'an akkasumas lamaanuu dubbiin deebii'e cimu akka danda'u sodaa qabu.
Iraan Israa'el irratti haleellaa raawwattee jirti ta'a, garuu ammoo kan yeroo tokkichaa qofa ta'u kaayyooshee michoota akeekkachiiftee jirti. Israa'elis akkasuma ittisawwan qilleensa jidduugala Iraan irratti qiyyeeffachuu fi haleellaa muraasaan dandeettii olaanaa jechunis, yeroo barbaadduufi bakka barbaadduutti Iraan haleeluu akka dandeessuu agarsiifte jirti.
Iraan tarkaanfii haaloo bahumsa Israa'el ilaalchisuun eeruun gahee ta'u akka malu natti himameera jedha oggeessi kun. Iraan battalumaan Israa'eliif deebii haaloo bahu kennuu akka hin barbaadne dubbattee turte.
Gareewwan lamaanuu dhugaatti barnoota waraanaa barataniiru. ''Haleellichi tarii Iraaniin ciminsa michootaa fi dadhabina sirna ittisa qilleensa Israa'el adda akka baaftu gargaareera'' Insititiyutiin Qorannoo Waraanaa. Israa'eliifi Ameerikaanis waa'ee tarsiimoowwan Iraan caalaa hubataniiru.
Falmiin faallaa kanaa ammoo, Israa'eliifi Iraan lamaanuu amma qaanii cabsaniiru, haleellaa kallattii raawwachuun filmaata salphaadha kan jedhudha.
Waahilli Institiyuutii Qorannoo Imaammata Dhimmoota Alaa, Afiishoon Ostovaar, bareeffama dhimma alaatiif dhiyeessaniin, hammi haleellaa Iraan ammaan booda imaammata dhorkaatti akka hin amanne kan agarsiisuudha jedhan.
''Ilaalchii Iraan ta'e jettee haleellaa dadhabaa raawwatte jedhu xinxalaaf kan ta'u miti. Iraan Israa'el irratti haleellaa ajaa'ibaa qaqabsiisuuf abdattee turte.''
Aab Hookaayem ammoo yaada Iraaniifi Israa'el wal hubachuudhaaf barataniiru jedhuun waliin hin galan. Innis Israa'el bu'aa murteen isheen qonstilaa Iraan Damaasqoo keessatti ajajjoota Garee Egdoota Waraaqsa Iraan olaanoo ajjeesuuf taasifte, bu'aa inni qabaatu hubachuu dadhabuu himan.
''Biyyoonni lamaan kunneen waliitti hin dubbatan. Kanarras, karaa tarkaanfii waraanaafi qaama sadaffaatiin mallattoo agarsiisu. Kunneenis saffiisa gara hamaatti jijjiiramuu danda'u.
Gama lamaaninuu shakkiin ittisuu deebii'e eegalee jira. Xinxalaan ittisaa Gaazeexaa Irsaa'el- Haareetiz (Haaretz), Amootsi Haareel, ''biyyoonni lamaanuu seeroota taphaa duraan ture diiganiiru. Kan murtaa'een ala... madaalliin ittisaa biyyoota lamaan jidduu jiruu hin tasgabboofne'' jedha.












