Gareewwan Sudaan wal waraanaa jiran Wiixatarraa kaasee guyyaa torbaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalan

Waraanni Sudaan miliyoonni buqqa'uf madda ta'e

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Waraanni Sudaaniitti gaggeeffamu erga eegalee torbanoota jaha lakkoofsiseen qaamooleen wal waraanan, Wiixata dhufaarraa kaasee guyyoota torbaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalan.

Yaaliiwwan dhukaasa dhaabuu kanaan dura raayyaa ittisa biyyattiifi humna addaa (RSF) jidduutti taasifaman daqiiqawwan muraasa keessatti diigamaa turan.

Haata'u malee waliigaltee haaraan kun ''mala to'annoo dhukaasa dhaabutiin kan hordofamudha'' akka ibsa US fi Sawudiin baasaniitti.

Haaluma walii galtee dhukaasa dhaabuu namoomaa kanaan, qondaaltoonni Sudaanis tajaajilawwan bu'uuraa deebiisanii eegalchiisuuf waliigalaniiru.

Waraanni qaamoolee lamaan jidduutti gaggeeffamaa jirus erga baatii darbeetii as biyyatti hokkora keessa galchuun namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman buqqa'uutu yaadama.

Kuusaan nyaataa, maallaqni fi wantoonni bu'uraa battalatti hiratan. Gareewwan gargaarsaas magaala guddiitti Sudaan Kaartuma keessa bakka waraanni itti gaggeeffamaa jirutti deeggarsa gahaa dhiheessuu akka hin dandeenya himan.

Humnootiin waraana idileefi humni addaa lamaanu akka deeggarsi namoomaa raabsamu, tajaajilloonni bu'uraa deebiifamanii tajaajila kennanii fi humnootiin waraanaa hospitaaloota keessaa akka bahaniif gaafatamaa turan.

Ameerikaafi Sawudii kan marii nagaa Jiddaa keessatti qopheessan, dhukaasa dhaabuun Wiixata galgalarraa kaasee hojiirra oola jedhan.

Isteet Dippaartimantiin Ameerikaa ibsa isaa keessatti, yaaliiwwan dhukaasa dhaabuu kana duraa hojiirra akka hin oolfamne kaasuun, garuu amma garaa garummaa guddaatu jira jedhe.

''Waliigalteen amma Jiddaatti taasifame kan duraa irraa adda kan ta'u, qaamootaan mallattaa'uun USfi Saawudiin mala to'annoo dhukaasa dhaabuu idil-addunyaatiin kan deegaramu ta'usaati,'' jedheera osoo dhimmicharratti gadi fageenyaan hin dubbatiin.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan gamasaantiin tiwitara gubbaatti, ''dhukaasa dhaabuun deeggarsi namoomaa daangaa malee akka galu gochuun yeroonsaa darbeera. Qaamooleen lamaanu waliigalticha akka kabajaniif nan gaafadha. Ijji addunyaas argaa jira,'' jedhan.

Waraanni Sudaan kun raayyaa ittisaafi humna addaa (RSF) gidduutti Ebla 15 eegale.

Baqattoota Sudaan

Madda suuraa, EPA

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajajaa olaanaa raayyaa ittisa biyyattii Janaraala Abdal Fataah al-Burhaaniifi ittaanaa saanii duraanii Mohaammad Hamdaan Daagaloo kan amma humna addaa dursaa jiran jidduutti wal dhabdee aangootu jira.

Waraana kanaanis namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru. Mootummaan Gamtoome, biyyi Afrkaa duraanuu waraana keessa turteefu uummannishee deeggarsa irratti hirkatu haalli kun yoo itti hafe rakkoo caala hamaaf akkaa saaxilu akekkachiisera.

Bakka butoonni qaamoolee wal waraanan lamaan erga marii nagaatiif magaala guddoo Saawudiitti marii eegalanii torban lama ta’eera.

Caamsaa 11, 2023 irrattis deeggarsi namoomaa akka kennamuf haala mijeessuuf qaamooleen lamaanuu waliigalte mallatteessanii turan.

Garuu ammoo jalqaba torban kanaatti, hogganaan UN Maartiin Giriifitas akka madda oduu AFP’tti himaniitti, waliigaltichi cabuun ‘‘haalli jiru baayyee badaadha’’ jedhaniiru.

Biyyattii keessatti waraanni cimee itti fufuu ilaalchisee jiraattoonni kibba Omdurmaan fi Kaaba Baahrii, magaaloota Kaartum irraa qarqara Naayiliitti argaman lamaan irraa Sambata darbe himaniiru.