Ajajaan waraana Sudaan Jeneraal al-Burhaan herreega baankii RSF ugguran

Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ajajaa Humna Waraana Sudaan kan ta'an Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan herreegni baankii humna addaa, kan isaanin lolaa jiruu, akka hin sochoone ugguran.

Murteewwan ijoo Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan Dilbata, Caamsaa 14, murteessan keessaa tokko herreega baankii humna addaa Sudaan uggguruu yoo ta'u, waraana isaan hogganan keessaa jeneraalonni afur ajajaa humna addaa kan ta'e Jeneraal Mohaammad Hamdan Dagaloo wajjin hidhata qabu jedhanis sooramaan gaggeessaniiru.

Jeneraloota sooramaan gaggeeffaman keessaa fira Jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaloo kan ta'an Jeneraal Omar Hamdaan Ahimad tokkoodha.

Jeneraal Omar Hamdaan marii humni waraanafi humni addaa Saa'udii Arabiyaatti taasisan irratti gara humna addaa Jeneraal Mohaammaf Hamdaan Dagaloo goruun jila humna addaa dursuun kan maricharratti hirmaataniidha.

Gama biraan ammoo Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan gaggeessaa Baankii Biyyoolessaa kan ta'an Yaahiyaa Jaankol aangorraa har'uun Bora'i El Sadiiq muudaniiru.

Ajajaa humna waraanafi itti gaafatamaa mana maree walabaa Sudaan kan ta'an Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaanifi ajajaa humna addaafi mana maree walabaatti itti aanaa kan ta'an Jeneraal Mogaammad Hamdaan Dagaloo gidduutti waraanni jalqabe ji'a guutee jira.

Waraana kana dhaabsisuuf biyyoota ollaa dabalatee biyyoonni akka USfi Sa'udii Arabiyaa dhiibbaa gochaa turan.

Dhiyyeenya kana jaarsummaa USfi Sa'udii Arabiyaatin qaamoleen lachuu Jiddaatti torban tokkoof mariirra turanis waraana dhaaburratti walii galtee malee adda bahan.

Lammiilen nagaan akka socho'aniifi deeggarsi namoomaa akka qaqqabu, akkasumas bu'uuraleefi lafa namoonni nagaan jiraatan akka dahootti hin fayyadamnu kan jedhu qofarratti wal ta'anii turan.

Haa ta'u garuu bakka bu'oota humna waraana Sudaanifi humna addaa biyyattii gidduutti mariin gaggeeffamu ammayyuu itti fufeera jedhama.

Qaamoleen mariisaa jiran waraanni guyyaa 10'f akka dhaabatuuf bakka buutota Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaanifi Jeneraal Mohaammad Dagaloorratti dhiibbaa gochaa jiru.

Guyyoota muraasa kanaaf waraanni akka dhaabatuuf dhiibbaa gochuun kun waraanni itti fufiinsan akka dhaabatuuf karra bana.

Waraana kanaan lubbuun namoota nagaa heddu badeera. Namoonni miliyoona tokko ol qe'eesaanirraa buqqa'aniiru.

Waraanichi yeroon furmaata hin argatu taanan gara waraana waliinitti cehuun sadarkaa biyyattii diigutti geessuu danda'a jedhu xinxaaltonni.