Itoophiyaan imaammata waggaa 50 jijjiiruu kan labsan Maammoo Mihretuu eenyu? Maal gumaachan?

Obbo Maammoo Mihreetuu

Madda suuraa, National Bank of Ethiopia

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Amajjii 18, 2023 wayita Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa ta'uun muudaman ogeeyyii damee dinagdee gidduttii ni madaaluufi, hin madaalan kan jedhuun falmiin ture.

Miseensa dhaaba Badhaadhinaa fi miseensa Paarlaamaa Itoophiyaa ta'uunis walabummaa Baankii Biyyaalessaa gaaffii keessa galcha yaaddoo jedhu uume.

Turtii aangoo isaanii Baankii Biyyaalessaa waggoota sadii darban keessatti ammoo imaammatni diinagdee Itoophiyaa waggootaa 50 geeddarameera. Jijjiirama kana kan labsan bulchaa baankichaa Obbo Maammoo Mihiretuuti.

Obbo Maammoon jijjiirama imaammata diinagdee isa qeeqaa fi weedduu qaamolee adda addaa keessummeesse ifa gochuu waggaa tokko booda aangoosaanii gadhiisuu miidiyaa hawaasaa gubbaatti ibsan.

Sababni hojii gadi lakkisaniif kallattii hojiifi jireenyaa biraa irratti fuulleffachuuf akka ta'e ibsan.

Hirmaannaa mootummaa keessaa bahuu isaanii xalayaa X gubbaa maxxansaniin kan mirkaneessan Obbo Maammoon, bulchiinsa Ministira Muummee Abiy keessatti akka qooda qabaatan, Abiyyiin affeeramanii dhuufuufi kanaafasi galata akka qaban ibsan.

Aangoo gadhiisuu isaanii kana ilaalchisee garuu ibsa gabaabaa Baankii Biyyaalessaa malee MM Abiy ifatti wanti jedhan hin jiru. Qaamoleen mootummaa biroos homaa hin jenne.

Obbo Maammoon bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad keessatti waggoota torbaaf sadarkaa hooggansaa adda addaatti hirmaataniiru.

Turtii hooggansaa Obbo Maammoo waggoota torbaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Maammoon hooggansa Ministira Muummee jalatti gaafatamni olaanaa jalqaba fudhatan dhaabbata reefu hundeeffamu Ethiopian Investments Holdings jedhamu kan inveestimeentii idila-addunyaa jajjabeessuufi qabeenya horuurratti xiyyeeffate hoogganuu ture.

Garee rifoormii diinagdee ilaalcha biyya keessaarraa madde( Home grown Macro-economic reform) raawwachuufi hordofuuf Ministirri Muummee Abiy Ahimad hundeessan keessattis miseensa yeroo dheeraa turan.

Obbo Maammoon bulchaa Baankii Biyyaalessaa ta'uun mudamuu dura gorsitoota imaammata diinagdee Ministira Muummee Abiy Ahimad keessaa tokko turan.

Gumaacha isaanii waggoota torbaa wayita ibsan ''biyya jaalatamtuu kana tajaajiluuf hiree argachuun kabajaafi madda gammachuu olaanaadha'' jedhan.

Keessumaa turtii bulchaa Biyyaalessaa wayita turan hojii olaanaa hojjetan keessa ijoon yoo tarreessan "Hoj-maata imaammata maallaqaa ammayyaa ifa goonerra, sirni jijjiirraa sharafa alaa gabaa irratti akka hundaa'u goonerra, akkasumas seera haaraa qopheessuun baankichi akka of danda'u mirkaneessineerra," jedhan.

Jijjiiramni kun dhiibbaa dhaabbileen maallaqaa idila addunyaa gaggeessaniin qophii gahaa malee yeroo hin malletti fudhatame jechuun ogeeyyiin dinagdee gariin qeeqaniiru.

Tarkaanfiin fudhatame gatiin waa bituu birrii Itoophiyaa akka laafu godheera. Gama kaaniin ammoo investimentiin alaa akka dabalu kuusaan sharafa alaa biyyattiis akka ol ka'u godheera.

Obbo Maammoon gumaacha tarkaanfii kanaa yoo ibsan, ''kuufamni sharafa maallaqaa alaa keenya dachaa sadii oliin guddatee, turtii waggaa tokkoon seenaa keessatti bakka gahee hin beekne gaheera'' jedhan.

''Qaalayinsi jireenyaa waggaa torba keessatti sadarkaa isa xiqqaarra gaheera. Kaffaltiin dijitaalaa dachaa 10n dabaleera. ciminni damee faayinaansii jabaatee qabeenyi sochoosu tiriiliyoona 5 gaheera.''

Rifoormiidamee dinagdee kanaarraa kan ka'es dhaabbilee maallaqaa idila addunyaarraa deeggarsi argamuu akka bu'aatti kaasaniiru.

Haata'u malee ogeeyyiin diinagdee BBCn yeroo adda addaatti dubbise rifoormiin hojiirra ooluu duras booda bu'aa eegamu fiduu dhabuu akka malu akeekkachiisaa turan.

Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaas (IMF) ibsa ji'a Adoolessaa keessa baaseen riifoormiin dinagdee Itoophiyaan hojiirra oolchite rakkoon qunnamaa akka jiru akeekkachiiseera.

Dhaabbatichi gabaasa bal'aa baaseen murteefi hordoffii jabaa godhaniif aangawoota Itoophiyaa leelliseera ammoo gabaan sharafa maallaqa alaa baankiin alatti (gabaa gurraachaa) guddachuu, haala rakkoo nageenyaa amansiisaa hin taane fa'i akka rakkootti eereera.

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaafi gorsaa diinagdee Magaalaa kan ta'an Dr. Tashoomaa Tafarraa, murteen Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa waan buusees waan miidhes qaba jechuun raawwii murtee Obbo Maammoofaarratti amma dura BBCtti dubbatanii ture.

"Rakkoolee diinagdee keessatti fide keessaa inni guddaan jireenya harka qalleeyyii baay'ee miidhee jira.

''Kana jechuunis wantoonni namoonni fayyadaman kan biyya alaatii galan akka gatiinsaanii mi'aawu taasiseera" jedhu Dr. Tashoomaan.

Bu'aa dhufe yoo ibsan ''erga gatiin sharafa alaa gabaadhaan murtaa'uu eegalee al-ergiin bunaa doolaara biliyoona tokko caalee hinbeeku. Barana garuu ji'oota 9 ykn 10 keessatti doolaara biliyoona lama darbuuf jedha" jedhan.

Obbo Maammoon eenyu?

Obbo Maammoo Mihiratuu kanaan dura gorsaa olaanaa dhimmoota dinagdeefi daldalaa ministira muummee kan turan yoo ta'u, isaan dura ammoo Baankii Addunyaa keessatti ogeessa olaanaa ta'uun hojjetaniiru.

Barnoota Seeraan digirii jalqabaa Yunivarsiitii Finfnneerraa, Daldala Addunyaafi Invastimantiin ammoo Neezerlaandis Yunivarsiitii Amistardaam irraa dippiloomaa, akkasumas Yunvarsiitii Harvaarditti Mana-barumsaa Sirna Mootummaatii Bulchiinsa Ummataan digirii lamaffaa barataniiru.

Obbo Maammoon damee dinagdee fi seeraa keessatti muuxannoo waggoota 16 gahu qabu.

Bulchiinsa Ministira Muummee Abiy keessatti hirmaachuu dura hojiilee Bankii Addunyaa Itoophiyaa wajjin walqabatee hojjetu keessa hojjetu turan.

Barruun Financial Times Obbo Maammoon hogganoota Itoophiyaa rifoormii Itoophiyan feetu fiduuf tattaafatan keessaa tokko jehcuun beekamtii kenneeraaf.

African Leadership Magazines bara 2025 keessa hoogganoota maallaqaa Afrikaa jajjaboo 25 keessaa tokko gochuun filateera.

Obbo Maammoon filannoo biyyaalessaa darbe irratti paartii badhaadhinaa bakka bu'uun naannoo Amaaraa Gojjam Bahaa Mooxaatti dorgomuun teessoo Paarlaamaa Itoophiyaa injifataniiru.