Muudamni bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa maaliif falmisiisaa tahe?

Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaaf bulchaa haaraan mudameera – Maammoo Mihiratuu. MM Abiy Ahimadin kan muudaman Obboo Maammoon, bulchaa duraanii baankichaa Dr Yinnaagar Dassee bakka bu’aniiru.

Obboo Maammoon amma dura hoogganaa kaampaanii Ethiopian Investment Holdings, hojjetaa Baankii Addunyaa, akkasumas gorsaa olaanaa imaammataa Ministira Muummichaa fi Dhaabbata Daldala Addunyaatti Itoophiyaa bakka bu’uun kan dubbatan turan.

Bulchaan duraanii Dr Yinnaagar Dassee 2018 irraa eegalee baankicha kan hoogganan ennaa tahu, waggoota 30 keessatti bulchaan haaraan kun nama 5ffaadha.

Muudamni Obboo Maammoo ogeeyyii gidduutti yaada akka akkaa kaaseera. Gama tokkoon, walitti dhiyeenyi bulchaan haaraan kun ministira muummee wajjin qaban hojiisaanii irratti dhiibbaa uuma yaadni jedhu oggaa dhagahamu; gam kaaniin ammoo jaarmiyaan walaba erga hin taanetti, namni haaraan muudamuun waan jijjiiru hinqabu jechuun kan mormanis jiru.

Baankiin Biyyoolessaa walabaafi bilisaa?

“Bulchaan Baankii Biyyooleessaa murtee diinagdee ijoo kophaasaa murteessuu hin danda’u,” kan jedhan ogeessi diinagdee Waasihuun Balaay, garuu yaada ka’umsaa mana maree ministirootaaf dhiyeessuun murteessisuuf aangoo akka qabu kaasu.

Baankii Biyyooleessaa Itoophiyaa jaarmiyaa walabaafi bilisa tahuu qabu waan taheef, bulchaanis akkasuma tahuu qabu jedhamee yaadama jedhu.

“Fakkeenyaaf ‘maallaqa maxxansuu hinqabnu, faayidaafi miidhaan isaa kana’ jechuun hojii amansiisuu kan hojjetaniidha. Hooggantoota kanniin akka feeteen ajajuu hin dandeessu.”

Ogeessi diinagdee kun dabaluun, lojikiin oggaa ilaalamu sirrii tahus, Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduutti kun hojiirra akka hin hinoolle dubbatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hayyuun diinagdee inni biraa Abdulmannaan Mohaammad gamasaaniin: “Baankiin Biyyooleessaa Itoophiyaa jaarmiyaa dhiibbaa mootummaa jala jirudha,” jedhu.

Biyya tokko keessa hangi maallaqaa maxxanfamuu qabu guddina oomisha waliigalaa biyyattiin harka sadiifi afur caaluu akka hinqabne akka gorfamu kan himan Obboo Waasihun, Itoophiyaa keessa garuu kana caalaa maxxanfamaa akka ture qorannoon mul’isuu himan.  

Bulchaan haaraa baankichaa Ministira Muummichaafi siyaasaaf dhiyeenyi qaban, humna “hin tahu!” jedhu qabuu? Gaaffii jedhu kaasa jedhu ogeessi kun.

Abdulmannaan garuu Baankiin Biyyooleessaa Itoophiyaa erga hundaa’e kaasee walabaafi bilisa hinturre yaada jedhu qabu.

Labsii 2008tti baheen baankichi waamamni isaa Ministira Muummichaaf akka tahu godheera, kanaaf dureen biyyattii hoogganaa baankicharra aangoo dhiibbaa gochuu qabu jedhu.

Dabalataanis Baankiin kun koree imaammata maallaqaa kaayyoosaa ittin galmaan gahu qabaatus, qabatamaan garuu bulchaan baankichaa fi MM kan keessatti hirmaatan koree ‘Macro-economy’ akka qabu eeru Abdulmannaan.

Kanaafis baankichi “jaarmiyaa bilisummaa omaatuu hinqabne, mootummaan akka feeteen kan dhiibudha,” jechuun dubbatu.

Kanaafis muudamni bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa haaraan kun waan jijjiiru hinqabu jedhu ogeessi diinagdee kun.

Dhimmi kun hafee, Obboo Maammoon Baankii Addunyaa keessa hojjechaa waan turaniif, walitti dhufeenya jaarmiyaalee maallaqaa idiladdunyaa wajjin jiru ni si’eessu abdii jedhu qabu.

Gaheen Baankii Biyyoleessaa maali?

Hundeeffamuu baankii Biyyoleessaan dura, Itoophiyaatti baankiin jalqaba hundaa’e Abisiiniyaa Baank - kan bara Atsee Minilik hundeeffame ture.

Baankiin Biyyoleessaa Itoophiyaa ALA 1964 hojii akka jalqabe ragaaleen ni mul’isu.

Baankiin Biyyoleessaa Itoophiyaa amma jiru labsii bara 2008 fooyya’een kan hundaa’e oggaa tahu, “misooma diinagdee saffisaafi sharafa alaa tasgabbaa’aa tahe fiduuf” hundaa’uu Gaazexaan Nagaarit ni ibsa.

Abdulmannaan gaheen Baankii Biyyolessaa inni tokko qaala’insa gatii to’achuu akka tahe himu.

Moggaasni isaanii haa gargar tahu malee guutuu addunyaatti baankileen jiddugaleessaa jiru kan jedhan ammoo ogeessi diinagdee Waasihuuni.

Akka isaan jedhanitti diinagdeen biyya tokkoo dhaabbilee imaammata ‘fiskaal’ fi ‘monitarii’ to’ataniin hoogganama.

Imaammata fiskaalaa jechuun, jaarmiyaalee bajata mootummaa bulchan, akkasumas gibira guuran, kanneen akka ministeera maallaqaafi diinagdee tahanidha.

Imaammata ‘monitarii’ ykn maallaqaa kan dursu ammoo baankii biyyoleessaa ykn baankii jiddugaleessaati.

Ittigaafatamummaa Baankii Biyyolessaa Itoophiyaa keessaa isaa ijoon:

  • Saantimaafi nootii maxxansuu, dhiyeessa maallaqaa biyyattii to’achuu
  • Hanga dhalaafi kanfaltiiwwan maallaqaa kaan to’achuu
  • Sharafa alaa hundeessuu fi sadarkaa idiladdunyaan kuusaa biyyattiin qabdu bulchuu
  • Baankota, inshuraansii fi dhaabbilee maallaqaa kaaniif heeyyama kennuufi to’achuu
  • Mootummaa biyyaa bakka bu’uun akka baankarii, bakka bu’uu fiskaalaa fi gorsaa maallaqaa tahuun tajaajiluu
  • Dhaabbilee maallaqaa idiladdunyaa keessa Itoophiyaa bakka bu’uu

Muudamni bulchaa haaraa maaliif falmisiisaa tahe?

Kanneen muudama kana cimsanii morman keessaa ogeessi diinagdee Yonaas Birruu (PhD) isaan ijoodha.

Mana Maree gorsitoota diinagdee MM Abiy Ahimad dura taa’aa tahuun kan tajaajilan Dr Yonaas, sababoota sadii dhiyeessuun morman.

Inni jalqabaa bulchaan haaraan kun dhiyeenya MM Abiy wajjin qaban, miseensa paartii biyya bulchuufi bakka bu’aa uummataa tahuu isaanii kaasu.

Ta lammeessoo: “Hanga fedhe Maammoon ogeessa cimaa tahanis, aangoon barnootaafi muuxannoo isaanii madaalu osoo kennameefi caalaatti hojjetu jedheen amana,” jedhu.

Sadeessoo ammoo; Obboo Maammoon jaarmiyaa dhiyeenya hundaa’e Ethiopian Investment Holdings hoogganaa otoo jiraniifi dhaabbatichi osoo of danda’ee hin dhaabbatiin, bakka “barnootaafi muuxannoon gahumsa hinqabne” kanatti dhufuu hinqaban jedhu.

Waliigalaan diinagdeen Itoophiyaa balaa jala wayita jiru kanatti muudamni kun raawwachuun irra hinturre jechuun, biyyattiin muuxannoo biyyoota Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Keeniyaa fudhachuu qabdi jedhu.

Bulchaan Baankii Giddugaleessaa Keeniyaa Paatrik Njoroogee, PhD isaanii Yunivarsiitii Yale irraa kan argatan oggaa tahu, ministeera maallaqaa biyyattii keessa ogeessa diinagdee tahuun hojjetaniiru.

Kana malees Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) keessa hanga sadarkaa hoogganaa ittaanaa tahuun hojjetaniiru.

Gahee bulchaa baankii biyyoolessaa

Ogeessi diinagdee Waasihuun Balaay, Bulchaan Baankii Giddugaleessaa “imaammata monitarii hoogganuu danda’a; gahumsa qaba jedhamee waan amanamuuf, yaadni inni dhiyeessu carraa dhiibbaa uumuu argatu,” jedhu.

Kana malees hoogganaan kun biyya bakka bu’ee waltajjii idiladdunyaa irratti falmachuuf nama aangoon itti kenname tahuu eeranii, murtee mootummaan dabarsuuf akka galtee tahuu danda’u jedhu.

“Ministeerri geejjibaa ykn qonnaa ebeluun tahe oduu jedhu miidiyaalee addunyaarra argitee beektaa? Oduu bulchaan baankii biyyoleessaa geeddarame jedhu malee. Mudamuun bulchaa diinagdee biyyaarratti kallattiin dhiibbaa uuma.”

Akka ogeessi kun jedhanitti, Baankiin Biyyooleessaas tahe bulchaan isaa siyaasarraa bilisa tahuun isaanii akkuma jirutti tahee, humni bulchiinsaa hoogganaa kunis, tilmaama keessa galuu qaba.

Abdulmannaan gamasaaniin, “baankichi wallaba yogguu jedhamu, itti waamamni isaa paarlaamaafi uummataaf taha. Muudama siyaasaa tahuun hafee ogeessaan hoogganama jechuudha,” jechuun, sirni baankii walaba tahe, qaala’insa gatii to’achuuf gahee olaanaa qaba jedhu.

Dabaluun, baankichi otoo bilisa tahee jiraatee, jaarmiyaaleen maallaqaa mootummaa akka feeteen baankicharraa hin liqeeffatan ture.

“Kana jechuun akka barbaadanitti Birrii maxxansuun hin danda’amu jechaadha. Daangaan ni kaa’ama, mootummaanis akka fedhe maxxansi jedhee si hin dhiibu. Kun ammoo qaala’insa jireenyaa to’achuuf haala fooyya’aa uuma.”