Somaaliyaan 'handaara Galaana Diimaa Itoophiyaaf kenniteetti' jedhamuu waakkatte

Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahmad Mu'allim Faqii

Madda suuraa, MoF Somalia

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Somaaliyaan handaara Galaana Diimaa qabdurraa Itoophiyaaf kenniteetti jedhamuun kan odeeffame soba ta'uu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Ahmad Mu'allim Faqii ibsan.

Qondaalli Somaaliyaa kun odeeffannoon dhimma kanarratti tamsa'e ''gonkumaa bu'uura hin qabu,'' jechuun Kamisa Mudde 26, 2024 fuula X isaanii irratti barreessan.

''Somaaliyaan birmadummaashee eeguuf akkasumas dhimmoota biyyaalessaa ishee irratti iftoomina uumuuf yoomiyyuu kutannoo qabdi,'' jedhan.

Dhibdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti mudateef akka qaama furmaataatti kan taa'e, waliigaltee Ankaaraa, hordofee Somaaliyaan handaara galaanaa daldalaaf oolu qabiyyeeshee Galaana Diimaarraa qabdurraa qooddee Itoophiyaaf kenniteetti jedhamee gabaafamuu hordofeeti minsiteerichi ibsa kana kan kennan.

Guyyoota dura Masriitti imalanii kan turan Ahmad Mu'allim Faqii wayita ibsa gaazexeessitootaaf kennan ga'een Itoophiyaan handaara Galaana Diimaarraa argattu daldalarratti kan daangeffame ta'uu dubbataniiru.

Akkasumas adeemsichi bulchiinsa birmaduu mootummaa Somaaliyaa jalatti akka ta'u dubbachuusaanii miidiyaaleen tokko tokko gabaasaniiru.

Ibsa ministira dhimma alaa Somaaliyaa kanaan alatti Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatti Daarektara Itti Aanaa dhaabbata qorannoo kan ta'an Dr Abdii Zannabe waa'ee waliigaltee Ankaraa irratti akkas jedhan.

''Waliigalteen Moqadishoo waliin irra ga'ame Itoophiyaan karaa Galaana Diimaan ulaa galaanaa argachuu qofa osoo hin taane karaa Garba Hindii hanga Galoo Galaana Edanitti daandii galaanaa akka qabaattu ni dandeessisa,'' jedhan qondaalli Itoophiyaa kun.

Qondaalli mootummaa Itoophiyaa kun waltajjii paartiin biyyattii bulchaa jiru- Paartiin Badhaadhinaa mata duree ''Hariiroo dippiloomaasii Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidudutti fooyya'e'' jedhuun qopheesserratti gaaffii fi deebii dhimma kanarratti gaggeeffamerratti kan adubbatan.

Waliigalteen Ankaraa kun ''Itoophiyaan gaaffii bu'uura seera qabu qabdi'' kan jedhuuf beekamtii kan kenneedha jedhan Dr Zennebeen.

Itoophiyaan waa'ee daangaa fi naannolee qofa haasa'uu irra darbitee waa'ee handaara galaanaa fi Garba Hindii akka dubbattuf ishee dandeessiseera jechuun waliigaltee Ankaraa kana jajan.

Waldhibdeen Itoophiyaa fi Somaaliyaa biyyoota lameen irra darbee Gaanfa Afrikaa burjaajesse kan eegale waggaa tokko dura erga Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessiteeti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tarkiin waldhabdee biyyoota lamaan jiduutti mudate furuudhaaf pirezidantii dabalatee karaa aanga'oota olaanoosheetiin baatiiwwaniif yaalii taasisaa turtee waliigalteerra gahu Pirezidantiin biyyattii Rasiip Taayib Erdowaan beeksiisaniiru.

Edoowaan waliigaltichaan ''seena qabeessa'' jechuudhaan biyyoota lamaan jidduutti ''nagaafi wal ta'insa fiduudhaaf tarkaanfii jalaqabaa'' akka ta'u abdiisaanii ibsaniiru.

Dureewwan biyyota lamaanii erga waliigalteerra gahaniin booda ibsa waloo kennan irratti, pirezidantiin Tarkii waliigaltichi biyya ulaa galaanaa hin qabne Itoophiyaaf ulaa galaanaa akka argattuu kan taasisuudha jechuun amantaa saanii ibsan.

''Waliigaltee taasifneen keessattuu fedhee Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuuf qabduuf, obbooleessi koo Sheek Haasan Mohaammad Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa jedheen aman'' jedhan Erdoowaan.

Haala waligaltichaatiin, biyyoonni lamaan Itoophiyaan ''aangoo daangaa Somaaliyaa jalatti ulaa galaanaa nageenisaa eegamee fi walitti fufaa'' akka argattuuf waliigaltee daldalaa taasisuudhaan Itoophiyaa fi Somaaliyaan dhiheenyatti akka hojjatan kaasaniiru.

Kanaafis biyyoonni lamaan marii taasisuudhaan baatiiwwan keessatti xumuranii waliigalteedhaaf dhiyeessuuf waliin galan.

Ibsa gaazexessitootaaf kennamerratti kan dubbatan Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimmad mariichaan waggaa tokko darbe keessatti waldhabdeen Somaaliyaafi Itoophiyaa jidduutti mudate furamuusaa himaniiru.

''Fedhiin Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuuf qabdu yaaliin nageenyaa ollootashee mara fayyaduudha. Fedhiin kunis miira wal ta'insaatiin malee shakkiidhaan ilaalamu hin qabaatu'' jechuun fedhii biyyasaanii ibsan.

Ministirri Mummee dabaluudhaan, ''marii ijaaraa'' kan Itoophiyaa fi Somaaliyaa ''diinummaan osoo hin taane, walta'insaan, jaalalaa fi fedhii waloon hojjachuuf qabaatu waliin gara waggaa itti aanuutti ni ceesisa'' jedhan.