Guyyaan abbootii kabajamaa jira, garuu attamiin eegalee?

Madda suuraa, Getty Images
Bara kana Guyyaan Abbootii Dilbata, Waxabajjii 19 irratti kabajama.
Kun guyyaa kan namoonni abbaa ta’anii ykn akaakkayyuuwwann itti kabajamanidha.
Guyyaan Abbootii akkamiin eegale?
Waggootii dhibbaa oliif guyyaan haadholii kabajamaa tureera. Guyyaan abbootii garuu dhiheenya eegale.
Guyyaan kunis US keessatti kabajamuu eegale jedhamee tilmaamama. Attamiin jalqabe kan jedhu irratti ammoo seenaa hedduutu jira.

Madda suuraa, Getty Images
Seenaan caalatti beekamuu fi sirridha jedhamee yaadamu, Waashiingitan keessatti dubartii Sonoraa Luwiis Ismaart jedhamtuun eegalamu himama.
Harmeen ishee da’ima ishee ja’affaa yeroo deessutti erga lubbuun ishee darbee booda, abbaanshee qofaa maatii sana kunuunsuun jiraachisan.
Bara 1909’tti, waldaa keessatti Sonoraan waa’ee Guyyaa Haadholii yeroo dhageessu, abbootiinis kabajamuu qabu jettee yaadde.
Abbootiin amantaa naannichaa hedduunis yaadicha simatanii isaan booda Waxabajjiin 19, 1910 Guyyaa Abbootii jalqabaa itti kabajamedha jedhamee amanama.
Bara 1966’tti Pireezdaantiin US Laayindon B. Joonson Dilbanni sadaffaa ji’a Waxabajjii Guyyaa Abbootii jedhame akka kabajamu murteesse.
Waggaa ja’aan booda ammoo Pireezdaant Riichardi Niiksan guuyya kana seera qabeessa akka ta'uuf malatteesse.

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaa irratti guyyaan kun akkamin kabajama? -Taayilaand
Taayilaand keessatti guyyaan kun kan kabajamu Muddee 5tti.
Innis, guyyaa dhalootaa mootii duraanii biyyatti jaalatamoo ta'an Bumibool Adulyaadej, kan Abbaa Biyyaa jedhamuun yaadamu irratti kabajama.
Guyyaa kana irratti uffata keelloo uffachun aadaadha.
Duraan abbaa fi akaakayyuuf iliilliitu Canna jedhamuti kennamaaf ture. Amma garuu kun hagas mara hin beekamu.
Meeksikoo
Meeksikoo keessatti Guyyaan Abbootii ykn Dia del Padre Dilbata sadaffaa ji’a Waxabajjii irratti kabajama.
Wagga waggaan Meeksikoo Siitii keessatti dorgommiin km 20 Carrera Dia del Padre ykn Dorgommii Guyyaa Abbootii jedhamu ni gaggeeffama. Dorgommii kana irratti ijoolleen abbaa isaanii waliin fiduun irratti hirmaachuu danda’u.
Jarmanii
Meeksikoo
Meeksikoo keessatti Guyyaan Abbootii ykn Dia del Padre Dilbata sadaffaa ji’a Waxabajjii irratti kabajama.
Waggaa waggaan Meeksikoo Siitii keessatti dorgommiin figicha km 20 Carrera Dia del Padre ykn Dorgommii Guyyaa Abbootii jedhamu ni gaggeeffama.
Dorgommii kana irrattis ijoolleen abbaa isaanii waliin irratti hirmaachuu danda’u.

Madda suuraa, Getty Images
Jarmanii
Jarmanii keessatti ammoo guyyaa kana abbootiin ijoolleesaanii waliin yeroo dabarsuurra, gurmaa’anii bashannanaaf imala deemu.
Yeroo tokko tokkoo ammoo ammoo nyaataa fi dhugaatiin dabarsu.
Neeppal
Neeppal keessatti yeroo hedduu ijoolleen nyaata mi’oooftu akka kennaatti abbaa isaaniif kennu.
Abbootiinis ijoollee isaanii guyyaa kanaratti ni eebbisu.
Ijoolleen abbaan isaani jalaa du’ee ammoo, bakka amantaa deemuun shakala amantaa yaadannoo abbaasaanii ibsu shiradaa jedhamu gaggeessu.

Madda suuraa, Getty Images
Firansaayi
Firansaayii keessatti guyyaan Fête des Pères ykn guyyaan abbootii kabaja amataa Kaatolikii ta’uun beekama ture.
Ta'us, garuu bara 1900’n keessa deebi’ee uummata birratti akka beekamuuf jecha deebi’ee haarofame.
Amma guyyaa kana irratti iliillii diimaadii dabalatee wantoonni adda addaa akka kennatti abbootiif kennamu.
Firansaayi kessaatti akka barametti abbaa lubbuun jiruuf daraaraa diimaatu kennama. Yoo abbaan lubbuun hin jiru ta’e ammoo bakka awwaalcha isaa deemuun daraaraa adii ka’uunif kabajanii dabarsu.
Isin hoo abbootii keessan attamiin yaadattuu?












