Niiwkaastil Yunaayitiid waggaa 20 booda Shaampiyoonsi Liigiitti deebi'e

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Niiwkaastiil Yunaayitiid Eddie Howe barri dorgommii liigii Ingiliiz yeroo jalqabu hirmaannaan Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa abjuu isaa hin turre.
Wiixata galgala Leester Siitii waliin morkatee qabxii kan qooddate Niiwkaastil, kilaboota afur bara dhuftu shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti hirmaatan keessaa tokko ta'uu mirkaneeffateera.
Kilabni kun amma qabxii 70'n Arsenaalitti aanee sadaffaarra kan jiru yoo ta'u, itti aanee Maanchistar Yunaayitiiditu qabxii 69 isa hordofa.
Niiwkaastil waggoota 20 booda dorgommii Awurooppaatti deebi'uu isaati.
Leenjisaa Howe Sadaasa 8, 2021 kilaba dureeyyiin arabaa dhuunfatan kana leenjisuuf yoo dhufu kilabichi liigicha keessatti sadarkaa 19ffaarra ture.
''Tilmaamni keenya gonkumaa warra gubbaa afur ta'uu hin turre'' jedhe Howe, hirmaannaa shaampiyoonsi liigii mirkaneeffachuu booda yaada Sky Sports'f kenneen.
''Isa kanaaf qophii taana jennee hin yaadne. Bara darbe liigicha keessaa bu'uu dhiisuuf falmaa waan baaneef barana yoo xiqqaate garee fooyyee qabu taana jennee yaadne ture...waan hin amanamneedha.''
''Waggaa lama dura kun akka ta'u osoo nutti himtee, si hin amannu ture'' jedha taphataan sarara gidduu garichaa Sean Longstaff.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2021 keessa ligicha keessaa gadi bu'uuf waldhaansoorra osoo jiruuti Onkololessa keessa abbaan qabeenyaa Saawdii paawundii miiliyoona 305'n kilabicha kan bite.
Torbee lama booda leenjisaan duraanii kilabichaa ka'ee, leenjisaan ammaa kun gara garee kanaa dhufe.
Fulbaana bara darbee gareen kun bittaa taphattootaa akka Kieran Trippier, Chris Wood, Bruno Guimaraes fi Dan Burn paawundii miiliyoona 85 bitachuun garicha ni cimse.
Bara dorgommii darbes sadarkaa 11'ffaarra ta'anii xumuran.
Bara dorgommii kana taphoota liigichaa shan qofarratti injifatamuu dhamdhaman.
Waggaa 20 booda yeroo jalqabaafis dorgommii shaampiyoonsi Liigii dirree isaanii St James' Park deebisuu danda'an.
''Juveentusiin 1-0'n inifannee akka turre(Shaampiyoonsi Liigiin) DVD durii irraa arguu dandeessa'' kan jedhu Longstaff ''qaama kanaa ta'uu kootti miira addaatu natti dhagaahama'' jedha.
Leenjisaa Howe bittaa taphattoota qaqqaalii garee isaa irratti odeeffamu ilaalchisee yaada kenneen akkuma yeroo kaanii bittaa irratti eeggannoon akka hojjetan dubbatan.
''Bara dhuftu dorgommiiwwan hedduun nu eeggatu , qormaata hedduudha'' kan jedhu leenjisaan Howe, yeroo boqonnaa amma fuula dura isaa jirutti garee isaa jajjabeessuurratti akka xiyyeefatu hime.
Hirmaannaa shaampiyoonsi Liigii argachuutti gammaduu duwwaa osoo hin ta'iin milkaahina dabalataa ittiin argachuuf akka hojjetus dubbate.
Niiwkaastil tapha isa xumuraa bara dorgommii kanaa Chelsii waliin Dilbata dhuftu taphata.
Injifatee jennaan qabxiin isaa 73 gaha. Kun ammoo erga bara 1996 qabxii isa olaanaa liigicha keessatti sassaabatee ta'a.
Warri Niiwkaastil bara kana hanga ammaatti goolii 67 lakkoofsisaniiru, kunis erga bara 2002 goolii baayyee bara dorgommii tokkotti lakkoofsisan ta'eera.












