BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Ayaan Hirsii Alii: Dubartii 'falmisiistuu' Somaaliyaa baqattee Awurooppaa hanga UStti mirga dubartootaaf falmaa jirtu
Ayaan Hirsii dhalattuu Somaaliyaa, lammummaa Neezarlaandifi US qabdu yoo taatu, finxaalesummaa amantaafi miidhaa dubartootarra gahu falmuun beekamti.
Vilaadmiir Puutin waliin fuulaa fuulatti wal argee mari'achuun barbaada- Zeleniskii
Volodymiir Zelenskiin waraana Raashiyaa faana gaggeessaa jiranitti xumura gochuuf fuulaa fuulatti Vilaadmiir Puutin waliin mari'achuu akka barbaadu ibse.
Seerota haaraa Waancaa Addunyaa: Rukuttaa koornaa, karra eegaan yeroo gubuufi afaan haguuganii dubbachuu
Boordiin Waldaa Kubba Miilaa Idil-Addunyaa (IFAB) Waancaa Addunyaa baranaa dursee seerota gurguddoo baaseera.
Hezbollaan haleellaa kan dhaabu taanan Israa'elifi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuf waliigalan
Istaa'elifi Libaanoos jaarsummaa Ameerikaatiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuuf waliigaluusaanii Ministeerri Dhimmsa Alaa US beeksise.
'Ajjeechaa Arsiitti tibbana mudateef mootummaafi WBOn quba walitti qaban'
Godiina Arsii aanaalee laama lama keessatti tibbana ajjeechaa namoota nagaarratti raawwate ilaalchisee mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) raawwachuu himate.
Shakiiraan baniinsa Waancaa Addunyaa irratti weellisuuf, garuu Waakaa.. Waakaa.. miti
Maqaa guutuu ishee Shakiiraa Isaabel Mebaaraak jedhama. Shakiiraa jechi jedhu afaan Arabaa yoo tahu ''Galata'' ykn Galatee akka jechuuti. Maqaan ishee Afaan Arabaan kan moggaafames sababa qaba.
Waancaa Addunyaa 2026 waan beekuu qabdan
Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti isa baayyee guddaadha jedhamee eegamu kana ilaalchisee taphoonni kunneen eessatti gaggeeffamu, tikkeettii akkamiin argachuun danda'ama, kanneen jedhaniifi odeeffannoo biroo baruu qabdan akka itti aanutti isiniif dhiyaateera.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waa'ee haadhasaa maaliif dhoksa?
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun dhimmoota icciitiin qabatan keessaa tokko waa'ee haadhasaaniiti.
Waancaa Addunyaa 2026: Ramaddii, sagantaa taphaafi qabxii kallattiin
Waancaa Addunyaa 2026 ilaalchisee: Sagantaa taphaa garee isa kamitu kam waliin akka taphatu, guyyaafi saatii isaa, akkasumas qabxiiwwan jiran kallattiin akka itti aanutti qophaa'eera.
Loltoonni mootummaa fi hidhattoonni Somaaliyaa, Moqadishoo keessatti walitti dhukaasan
Loltoonni mootummaa fi hidhattoonni mormitootaa magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqadishoo keessatti dhukaasa walirratti kan banan yoo ta'u, kunis sababni isaa yeroon filannoo barfachuurraa muddama uumamee turedha.
Gamtaan Afrikaa fi IGAD waa'ee filannoo Itoophiyaa maal jedhan?
Tajjabdoonni kunneen filannoo kana irratti qajeeltoowwan filannoo idil-addunyaa fi teeknoolooojiiwwan haaraan hojiirra ooluu hubanneerra jedhan.
Waldhabdeen Tiraampiifi Neetanyaahuu marii Iraan danqaa?
Tiraamp fi Neetaniyaahuu tarkaanfii waraanaa Israa'el Libaanos keessatti fudhatte irratti walitti bu'an. Walitti bu'iinsi kun hojii diplomaasii mootummaa Ameerikaa Iraan waliin geggeeffamaa jiru irratti rakkoo uumeera.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Maatii Leencoo Lataa fi gatii qabsoo...
Obbo Leencoo Lataa waggoottan 50 darban qabsoo keessatti dabarse, ijoolleesaafi haati warraa isaa, miidhaa qabsoon kun isaan irran ga'e himu.
Viidiyoo, Oolmaa Aadde Adaanech waliin: Gola Finfinnee daawwachaa gaaffii keessaniif deebii argattu
BBC Afaan Oromoo kantiibaa magaalaa Finfiinnee waliin oolmaa guyyaa tokkoo taasiseera. Gaaffilee ciccimoo gaafanneerra. Daawwadhaa
Viidiyoo, Adeemsa filannoo keessatti gaheen taajjabdoota alaa maalidha?
Dhaabbileen biyya keessaa fi alaa walumatti 55 ta'an taajjabdoota hanga 60,000 ta'an ni bobbaasu jedhamee eegama.
Viidiyoo, MM Abiy fi Pirof. Mararaa filannoorratti yaadni isaanii waldarbe
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa 7ffaa guyyoota muraasa booda gaggeeffama.
Viidiyoo, Guyyaa walabummaa Ertiraarratti Isaayyaas waan hin eegamne dubbatan
Guyyaan walabummaa Eertiraa bara kanaa wayita US qoqqobbii Asmaraarra jiru kaasuuf murteessitetti kabajame.
Viidiyoo, Deeggaraan Arsenaal waggoota 24 maaliif diggisii guddaa qopheesse?
Arsenaal waggaa 22 booda Shaampiyoonaa Ingiliz ta'uu booda deeggartootni kilabichaa haala garaagaraan gammachuu ibsachaa jiru.
Viidiyoo, Filattoonni waayee Filannoo Itoophiyaa maal jedhu?
Filannoon Biyyaalessaa marsaa 7ffaa Itoophiyaa gaggeeffamuuf guyyoota muraasatu hafa.
Viidiyoo, Seenaa ajaa'ibaa harmee Harargee erga takkaa daa'imman shan godhatan
Harmeen turtii waggoota 12 booda erga takkaa daa'ima shan godhatan guddoo gammaduu BBC'tti himan.
Viidiyoo, Paakistaan: Biyya Musliimaa takkattii waraana niikuleeraa hidhatte
Waraana Iraaniifi US karaa nagaa xumuruuf tattaaffii dippiloomasii gochaa jirtuun ija addunyaa keessa jirti Paakistaan.
Viidiyoo, Seenaa hakiima ijoolleen lama kansaa akka hin taane qorannoon irra gahe
Tibba kana biyyoota Afrikaa hedduu keessatti abbaa ta’uu mirkaneessuuf qorannoo DNA gaggeessuun saffisaan babal’achaa jira.
Viidiyoo, Jibbaa fi arrabsoo miidiyaa hawaasaa akkamiin ofirraa ittisu?
Tibba kana 'of ajjeesuu' Boontuu Waaqtolaan walqabatee namoonni hedduun miidiyaa hawaasaa gubbaatti itti duulamuu dubbatu.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaarraa maal haa eegnu?
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa guyyoota muraasa booda adeemsifama.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
'Akka lammii tokkotti yoo ta'e malee fedhii dhuunfaa hinqabu' - Aadde Adaanech
Godina Arsii Aanaa Asakoo keessatti dhalatanii kan guddatan Aadde Adaanach Abeebee, dubartoota dirree siyaasaa Itoophiyaa keessatti adda durummaan mul'atan keessaa tokko.
Waraanamoo araara? Wantota afur mootummaafi TPLF gidduutti uumamuu malan
Haala mootummaa federaalaafi Naannoo Tigraay gidduu jiru yoo ibsan ''waraanni eegaleera'' jedhu hayyuun heeraa siyaasa Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan Dr Adam Kaase.
Raayyaan Ittisa Biyyaa dhimma 'Tsimdoo' ilaalchisee hawaasa dippilomaasii Finfinnee jiruuf ibsa kennuu hime
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa sochii "Tsimdoo" jedhamuun wal-qabatee, yaaddoon "birmadummaa Itoophiyaa" irratti aggaamamu' yoo jiraate tarkaanfii fudhatu ilaalchisee hawaasa dippilomaasii biyya keessa jiruuf beeksisuu isaa ibse.
Itoophiyaan ulaa galaanaa akka hin arganneef Masiriin marsitee qoccolaa jirti- Ministira Dhimma Alaa
Dubbii Dhimaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Nabiyaat Geetaachoo, Masiriin fedhiin misooma biyyoota Qaxanaa Gaanfa Afrikaa akka hin milkoofne waggoota dheeraaf hojjechaa turte jedhan.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
'Maatiikootti ergan ajjefame itti himamuu wayya' - Lammiilee Itoophiyaa Sa'udiitti du'a eeggataa jiran
Himannaan isarratti dhiyaate erga mirkanaa'een booda duuti akka irratti murtaa'eeefi seera Shari'aan murtoon hojiirra akka oole eeruun ''adabbiin du'aa kuni Bitootessa 13/2028 bulchiinsa Asiir keessatti raawwatameera,'' jedha.
Waliigaltee Masirii fi Eertiraan dhimma Galaana Diimaa irratti walii mallatteessan maal qabata?
Masirii fi Eertiraan sarara buufata doonii isaanii Gaalana Diimaarra walitti hidhuuf waligaltee mallatteessan.
Ameerikaan qoqqobbii waraanaa Itoophiyaarra keessee turte kaafte
Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraanaa Itoophiyaarra keessee turte kaasuu beeksifte. Qoqqobbiin kun ka'uu kan beeksise Ministeera Dhimma Alaatti Daayirektoreetii to'annoo fi daldala meeshaa waraanaa Ameerikaati.
Ameerikaan qoqqobbii Ertiraarraa kaasuun gaaffii inni kaasu
Biyyi heera mootummaa, mana marii hin qabnee fi filannoon itti hin adeemsifamne, sirni haqaa walaba ta'e keessa hin jiraanne, Ertiraan biyyoota hoggansa abbaa irreetiin bulan keessaa adda duree akka taatetti itti fufteetti.
Abbaan ijoollee jaha haati warraa qaama saalaa irraa muran maal jedhu?
Maanguddoon ganna 43 kuni abbaa ijoollee jahaati. Osoo galgala ciisanii qaama saalaa isaanii haati warraa isaanii muruu BBC'tti himan.
Ispoortii
Jaalallee haaraa Lamiin Yamaal baafate eenyu?
Taphataan baarseloonaa Lamiin Yamaal jireenya dhuunfaa isaa kubbaan ala jiru ariifatee gara miiidyaatti fiduun isaa akka inni ajandaa tahu isa godheera.
Maanchister Yuunaayitid Paawondii miliyoona 35niin Edersan mallattessisuuf waliigale
Maayil Kaarik leenjisaa Maanchister Yuunaayitid tahee dhaabbataan erga waliigaltee mallatteessee taphataa haaraa jalqabaa mallatteesisuef waliigaltee xumure.
Viidiyoo, Waa'ee 'Kubbaa AI' Waancaa Addunyaaf qophaa'ee kana beektuu? , Turtii 0,40
Waancaa Addunyaa kanarratti kubbaan itti taphatamus adda. Kubbaan kunteeknooloojii ammayyaa fi hubannoo nam-tolchee (AI)dhaan kan dabaalamedha.
Arsenaal Kuruuppiifi Roojars mallatteessisuuf adamsuu eegale
Arsenaal aarri diimaan Dilbata dheengaddaa daandii magaalaa Landanitti gammachuun aarsaa ture osoo hin badin qophii Pirimeerliigii dhufuuf taphattoota adamsuu eegale.
Penaalitii onnee deggartoota Arsenaal cabsitee PSG'tti seenaa horte
Arsenaal Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa PSG morkatee rukuttaa penaalitiin waancicha dhabeera.
Maloota Arsenaal fayyadamee waancaa Shaampiyoons Liigii mo'achuu danda'u
Dorgommoo Shaampiyoons Liigii bara kanaa keessatti Arsenaal injifatamuu dhiisuu qofa osoo hin taane taphoota 9 irratti Deeviid Raayaa irratti galchiin hin galle.
Garee Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii xumuraa bara 2006 taphateefi kan baranaa keessaa kam filattu?
Arsenaal abbaa waancaa Piriimerliigii ta'ee baay'ee osoo hin turin waancaa Shaampiyoons Liigii dabalchuuf Caamsaa 30 Paaris Seent Jermeen waliin Budaapeestitti falmachuuf jira.
Karra eegaa Arsenaal Deeviid Raayaa: Imala milkii hanga 'filatamaa addunyaatti'
Deeviid Raayaa erga Arsenaal seenee baroota taphaa sadi walitti aansuun gooli eegaa cimaa Piriimer Liigii ta'uun badhaafameera.
Taphattoonni kubba miilaa addunyaa qabeenyaa fi galii guddaan dursan eenyu fa'i?
Erga Kiristaanoo Roonaaldoo taphataa kubba miilaa jalqabaa qabeenyi isaa biliyeenera gale tahee waggaan 10 darbeera.
Imimmaaniifi kabaja - Peep Gaardiyoolaan yeroo gaggeeffame maal jedhe?
Peep Gaardiyoolaan Maanchister Siitiif waan qabu hunda kenne. Jireenya isaa, gaa'ila isaa haga dhabutti kan geessise hojii Maanchister Siitii keessatti jalqabe haga galmaan gahutti hin bahu jechuuni.
Arsenaal shaampiyoonaa 2025-26, Tootenhaam kufaatirraa oole, West Haam injifatus hin milkoofne
Arsenaal shaampiyoonaa 2025-26, Tootenhaam kufaatirraa oole, West Haam injifatus hin milkoofne.
Tilmaama taphoota xumuraa Piriimerliigii Ingiliz Arsenaal shaampiyoonaa ta'uun mirkanaa'e
Piriimerliigiin Ingiliz bara 2025/2026 Arsenaal shaampiyoonaa ta'uun mirkanaa'e bori, Dilbata, xumurama.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.





























































































