KALLATTIIN, Loltoota duraa ajjeefamaniin kan mufatte US Iraanitti dhukaasa itti fufte

Waraanni US haleellaa marsaa biraa Iraanirratti dhukaasuu eegale. Kaayyoon haleellaa halkan guyyaa 10'f taasifame kanaa Iraan Ulaa Hormuuz irratti dooniiwwan akka hin rukunne ''dadhabsiisuudha.''

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaa Israaa'el Gaazatti raawwatteen maatii tokko keessaa namoota jaha dabalatee namoonni 12 ajjeefaman

    Nama reeffa daa'imaa baatee jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el haleellaa Gaazatti gaggeessiteen namoonni 12 ajjeefamuu ogeeyyiin Gaazaa keessa hojjatan ibsan.

    Namoota haleellichaan ajjeefaman keessaa jaha kan maatii tokkooti.

    Namoonni kunneen kan ajjeeffaman haleellaa Israa'el marsaa sadiin gaggeessiteen ta'uutu ibsame.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodame akka agarsiisutti Lixa magaalaa Gaazatti gamoon mana jireenyaa maatii tokkoo yeroo gubatu ni mul'ata.

    Obboleessi nama maatiin jaha haleellaa kanaan jalaa ajjeefamanii BBCtti akka himetti, namni Firas al-Masri jedhamu haadha warraasaafi ijoollee dubaraa lamaafi dhiiraa tokko wajjin bakkuma tokkotti gubatan.

    Waraanni Israa'el humnoota Hamaas irratti qiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu ibsuun, namoota nagaa ajjeefaman ilaalchisee akka qoratu ibse.

    Ji'a Onkoloolessaa keesa Israa'elifi Hamaas gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga taasifamee as haleellaa Israa'el gaggeesiteen Filisxeemonni 1,168 ajjeefamuu ministeerri Fayyaa Gaazaa, Hamaasin hogganamu, ibse.

  2. 'Iraan akka mari'annuuf jabeessitee kadhachaa jirti' - Tiraamp

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamp fi Joosef Awun

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp "waraanni akka dhaabbatu Iraan akka mari'annu jabeessitee kadhachaa jirti, kun ta'uu baannan ni barbadaawu" jechuun dhaadate.

    Pirezdantii Libaanos Jooseef Aawon waliin Waayit Haawusitti wal arguun ibsa kenneen Tiraamp, Iraanonni "abdii kutannaa keessa jiru" kan jedhu pirezdant Tiraamp, "nu waliin mariyachuu barbaadu" jedheera.

    "Akkasillee ta'u marii hiika qabu yoo hin barbaanne nu [argamuu] hin feenu" jedhe.

    Waayee Ulaa galaanaa Sa'ud Arabiyaa cufuu hidhattoota Huutii kan gaafatame Tiraamp, "Huutiiwwan buufata Sa'udi kan cufan taanan US dhimmicha ni furti" jedhe.

    Huutiiwwan Sa'udi Arabiyaarrati uggura sochii galaanaa kaawuun isaanii beeksisanii turan.

    Dooniiwwan guguddoon lama Sa'udi Arabiyaatii boba'aa fe'anii galaana diimaarraan darbaa turan akeekkachiisa hidhattoota Huutii Yamaniin kennameefiin kallattii jijjiiruu isaanii Rooytarsi gabaase.

    Pirezdantiin Libaanos turtii Waayit Haawus booda Tiraamp jajan. "Daawwannaan kun kan yeroo dheeraaf eegaa turan" ta'uu dubbatan.

    Waraanni Israa'elii fi Libaanos yeroo dhumaaf dhaabbata jedhanii abdii akka qaban dubbachuun kunis "Leegaasii" Tiraamp akka ta'u hawwii qaban ibsan.

    Tiraampis Libaanosiif deggarsa akka godhu dubbate.

  3. Tiraamp Iraanirratti haleellaa banuun gumaa loltoota US du'anii akka baasu dhaadate

    -

    Madda suuraa, US Central Command / X

    Ibsa waa'ee suuraa, US haleellaa haaraa Iraanirratti bant

    Waraanni US dandeettii dooniiwwan Ulaa Hormuuz haleeluu Iraan "irruma caalaa laamshessuudhaaf" haleellaa haaraa Iraanirratti banuu beeksise.

    Haleellaan kun halkan walitti aanu kudhaniif kan raawwatame yoo ta'u, Donaald Tiraamp Iraan loltoota US kan ajjeefte haaloo bahuuf ta'uu beeksisanii booda.

    Deebii kanaa immoo Iraan taankaroota boba'aa lama galaanarratti, buufata waraanaa US Baahireen, Kuweet, Jordaan keessaa haleeluu miidiyaan mootummaa Iraan IRNA gabaase.

    Prezidant Masuud Pezeshkiyaan Iraan amnmaan tana US waliin "lola guutuutti" seente jedhan.

    Traamp reefu US "halkan kabaja loltoota US lamaan Jordaan keessatti wareegamaniifi tokko Iraaq keessatti wareegameef Iraaniin akka malee haleelte" jedhan.

    Ajajni Giddugaleessaa US (Centcom) akka jedhetti, tarkaanfiiwwan qiyyaafannoo haaraa fudhateen "wiirtuulee ajaja waraanaa, dandeettiiwwan humna galaanaa, buufataalee misaayelootaa fi diroonii fi sirna ittisa qilleensaa" Iraan rukuteera.

    Dhohiinsi magaalaa kaaba-lixaa Tabriiz keessatti dhagahamuu fi namni tokko du'uu, namoonni dabalataa miidhamuu miidiyaan mootummaa gabaase.

    Gama biraatin, Centcom dooniiwwan daldalaa ammas Ulaa Hormuz keessa dabaraa akka jiran ibse.

  4. Doonaald Tiraamp Kanaadarra taarifa %50 kaa'e

    Doonaald Tiraamp Ministiira Muummee Kanaadaa waliin

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin US Doonaald meeshaalee garaa gara Kanaadaa irraa US seenan irra taarifa %50 kaa'uu beeksise.

    Tiraamp kana kan murteessef Kanaadaan omishaalee US kanneen akka konkolaataa, omisha aannaniifi alkooliwwan garaa garaa Kanaadaa seenan ilaalchisee Kanaadan akka ta'utti akka hin simanneedha.

    Ministiirri Muummee Kanaadaa Maark Kaarneey torbanoota dhufuu kaasee bulchiinsa Tiraamp waliin marii akka taasisan ibse.

    Taarifni haaraan Tiraamp Kanaarra kaa'e kun guyyoota 30 keessatti hojiirra ooluu akka eegale Waayit Haawus beeksise.

    Bifa haaraan taarifni Tiraamp biyya ollaa US taate Kanaadarra kaa'e kun muddama daldalaa ture kan hammeessudha jedhame.

    Tiraamp Amajjii 2025 erga aangoo qabatee kaasee Kanaadaa waliin yeroo garaa garaatti muddama taarifa daldalaa keessa galee ture. Kanaadaa qofaa osoo hin taane, biyyoota addunyaa garaa garaa irra taarifa kaa'unsaa ni yaadatama.

    Haa ta'u garuu, taarifni Tiraamp addunyaarra kaa'e seeran ala jechuun Manni Murtii Olaanaa US kufaa godhee ture.

  5. Hamaas Kaliil al-Hayyaa hoggana waliigalaa godhee filate

    -

    Madda suuraa, Turkish Foreign Ministry handout/Anadolu via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hamaas Kaliil al-Haayyaa hoggana waliigalaa godhee filate

    Gareen hidhattootaa Filisxeem Haamas, Kaliil al-Haayyaa hoggana waliigalaa godhee filachuusaa ibsa baaseen beeksise.

    Kaliil al-Haayyaa hoggana duraanii kan waraanni Israa'el Gaazaa keessatti Onkololeessa 2024 ajjeese Yaahyaa Sinwaar bakka buuse.

    Haayyaan, tanaan duras biyya alaa taa'ee hoggana mootummaa ta'ee Gaazaa bulchaa ture. Haayyaan murna mata jabeeyyii Haamaas akka bakka bu'uutti beekama. Murni kun sababa waraana waggaa sadi dura Israa'el waliini dhalates jedhama.

    Hayyaan michuu dhiyoo Yaahyaa Sinwaar ture, ilaalchi siyaasaa isaas ilaalcha siyaasaa hoggana duraanii garichaa asii dura ajjeefame Ismaa'el Hanniyyeeh waliin wal fakkaata jedhama.

    Hayyaan bakka bu'aa olaanaa idil-addunyaa kan ture yoo ta'u, jila dippilomasii garichaa sadarkaa idil-addunyaa dursuun maqaa guddaa qaba. Keessumaa marii dhukaasa dhaabuu kallattii keessatti Masrii fi Kaataar waliin dubbachuu keessatti namni hirmaataa ture tokko isa.

    Yeroo dhiyoo Hamaas keessatti gama dippilomasii fi tarsiimoo siyaasaan gaafatamummaa olaanaa fudhateera.

    Namni ganna 65, Hayyaan Fulbaana 2025 haleellaa qilleensaa Israa'el hogganoota Hamaas irratti Kaataar, Dohaa keessatti goote jalaa ooleera.

    Hoggantoonni sadarkaa gadii shanii fi ilmi isaa tokko akkasuma qaamoleen nageenyaa Kaataar ajjeefamanii turan.

    Tibba sana MM Israa'el aangawoonni Haamaas kunneen haleellaa kibba Israa'elitti Onkololeessa 07,2023 waan qindeessaniif qiyyaafanne jedhanii turan.

    Ilmaan Hayyaa lama kan biroo haleellaa Gaazaa keessatti raawwatameen ajjeefamanii turan, afraffaan immoo Caamsaa haleellaa qilleensaan ajjeefaman.

  6. Huutiin Yaman Sa'uud Arabiyaa waliin lola seenuuf jedhuu?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Hidhattooti Huutii Iraanin deeggaraman, Sa'uudii Arabiyaa irratti "uggura geejjiba galaanaarraa" labsuu isaanii beeksisan.

    Dubbi himaan isaanii akka jedhanitti, tarkaanfiin kun yeroo labsamerraaa eegalee hatattamaan hojiirra oola.

    Ministeerri Dhimma Alaa Sa'uudii labsii kana balaaleeffateera.

    Biyyi isaanii dooniiwwan isaanii tiksuufi seera idil-addunyaa irratti hundaa'uun tarkaanfii barbaachisaa hunda akka fudhattu akeekkachiise.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Kibxataa eegale.

    Dhihaadhaa!

  8. Hidhattoonni Huutii Sa'udi Arabiyaatti karra galaanaa cufuu labsan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Milishoota Huutii

    Hidhattoonni Huutii Yaman ibsa reefu baasaniin karra galaanaa Sa'ud Arabiyaatti cufuu labsan.Tarkaanfiin kunis ammumarraa hojiirra oola jedhan.

    Huutiin ibsa isaanii keessatti marsuun kun qaama imaammata "haaloo ba'uu" hojiirra oolaa jiruu akka ta'e beeksisan.

    Dubbii himaan milishoota Huutii Yaman, Yaahyaa Saarii, Sa'ud Arabiyaan walitti bu'iinsa akka hin hammeessine akeekachiisaniiru, Huutiin tarkaanfii kamiifuu qophii ta'uu isaanii hubachiisan.

    Walitti bu'iinsi gareen lamaan gidduu jiru kan jabaate, Sa'udi Arabiyaan xiyyaarri Iraan buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana'aa akka hin qubanne dhowwite erga jedhamee boodadha.

    Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Mahan Air kan Iraan buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana'aa akka hin qubanne Sa'ud Arabiyaan erga dhowwite jedhame booda muddamni daran hammaateera.

    Adoolessa 04, xiyyaarri Mahan Air Teehraan irraa gara Sana'aarraa kan ka'e ta'us, sa'aatii muraasa booda gara Iraanitti ofirra deebi'eera.

    Balalliin kun waggoottan 11 keessatti balallii kallattii Teehraan fi Sana'aa gidduutti taasifame kan jalqabaati. Balaliin kun kan taasifame, Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Yamanii fi Mahan Air gidduutti waliigalteen geejjiba qilleensaa mallatteeffamuu isaa erga ibsamee sa'aatii muraasa boodadha.

    Xiyyaarri lammaffaan torbee darbe Tehraanii ka'uun buufata xiyyaaraa Hodeidah qubate. Kunis buufatni xiyyaaraa Sana'aa xiyyaarri gara Tehraan osoo hin deebi'in boombiidhaan barbadoofnaani.

    Mootummaan Yaman kan Aden jiruu fi Sa'udi Arabiyaan deggaramu Daandiin Qilleensaa Mahan Air daangaa qilleensaa Sana'aa sarbaa jira jechuun himate.

    Iraaniin kan deegggaraman Huutiin immoo haleellaan qilleensaa Sana'aarratti raawwatame seera maleessa jedhan.

    Huutiiwwan lixa Yaman, magaalaa Sanaa, buufata Hodeedah fi irra caalaa handaara galaanaa Galaana Dimmaa to'annoo isaanii akka jiru himatu. Mootummaan Sa'udin deggaramu magaalaa Adanii fi kibba biyyattii to'ata.

    Waraana waggootaa booda Huutii fi mootummaan Yaman Sa'udin deggaramu dhukaasa dhaabuuf waliigalanii turan. Huutiiwwan garuu waliigaltichi haleellaa buufata xiyyaaraa Sanaa booda cabe jedhu.

  9. Iraan karoorri nagaa garee araarsitootaarraa dhiyaachuufii beeksifte

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baagaay

    US fi Iraan gara dhukaasa dhaabuutti akka deebi'an jaarsolii araaraa irraa irra deebiin karoorri nagaa dhiyaachuufii Teehraan beeksifte

    Waxabajjii keessa waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroo kan tolchan biyyoonni lamaan torbaan lamaa darban wal haleelaa turan. Pirezdantiin US Donaald Traamp waliigaltichi dhumateera jedhan.

    Waliigalticha irra deebiin bakkatti deebisuuf kan yaadan biyyoonni jaarsummaa keessatti qooda qaban karoora nagaa dhukaasa dhaabuu guyyoota 10 dhiyeessuu isaanii Rooytarsi gabaase.

    Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baagaay har'a ibsa kennaniin dhimma kana gaafatamaniiru. Jaarsoliin araaraa karoora nagaa Iraaniif dhiyeessuu mirkaneessan.

    "Karoorri jaarsolii araaraan dhiyaaterratti ibsi kennameera. Karoorri kunis nu gaheera. Garuu bal'inasaatti osoo seenuu baannee" jechuun ibsuurraa of qusataniiru.

    Guyyoota darban sochiin dippilomasii jiraachuu kan eeran aangawaan kun, "jaarsoliin araaraa tokko tokkoon karoorri dhiyaatan Rippaablika Islaamaa qaqqabuun mirkanaawadha" jedhan.

    Pirezdant Tiraamp mariif kan kan gaafatan yoo ta'e deebiin Iraan maal ta'a kan jedhameef deebii kan kenna dubbii himaan kun, "dippilomasii yookin waraana" qajeeltoon jedhu Iraaniif faayidaa hin qabu" jedhan.

    "Of ittisuun dippilomasiin wal hin simatan jedhanii yaaduun sababaawaa miti. Ministirri dhimma Alaa Abbaas Araagchii hojjetanii fi ministirri dhimma alaa Sayid Majiid kan hojjetan galma tokko milkeessufi" jedhan.

    Torban darbe Baha Jiddugaleessaa kan daawwatan Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Rubiyoo Waashingtanitti deebi'anii yaada miidiyaaf kennaniin "ammallee Iraan faana furmaata dippilomasiif balballi banaa dha" jedhanii turan.

    "Yoomillee dippilomasiif qophii akka taane natti dhagahama. Furmaanni garuu kan haqaa ta'uu qaba. kan bitamuufii qabnu ta'uu qaba" jedhan. Iraan waliigaltee Waxabajjii mallattaayeef hin bitamne kan jedhan Ruubiyoon Hormuz banamuu akka qabuu fi dooniiwwan haleellaaf saaxilamuu akka hin qabne himan.

    Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baagaay "US dippilomasii yoo jettu dirqisiisuu, doorsisuu, sodaachisuu fi qoqqobbii jechuu isheeti" jedhan.

  10. Andii Barnhaam waggaa 10 keessattii Ministira Muummee Biriiteen 7ffaa ta'uun muudaman

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Andii Barnhaam waggaa 10 keessattii Ministira Muummee Biriiteen 7ffaa ta'ee muudaman

    Andii Barnhaam waggaa 10 keessattii Ministira Muummee Biriiteen 7ffaa ta'ee muudame. Andii Barnhaam waggoota lamaaf UK bulchaa turanii fi dhiheenya aangoo gadhiisan Kiir Istaarmaritti booda sagalee paarlaamaa olaanaaa argachuun gara aangootti dhufan.

    Barnhaam hogganaa paartii biyya bulchuu Leebar Paartii ta'anii Jimaata darbe filataman.

    Istaarmar Mootii Chaarlas bira dhaqanii ifatti dalagaa gadhiisuu isaanii dhaammachuu dura ergaa dhumaas dabarsanii jiru.

    Barnhaam waamicha mootichaa simachuun ministira muummee ta'an. Ministirri muummee aangoo gadhiisuu fi inni haaraan aangoo fudhatu wal harkaa fuudhinsa kan raawwatan Mootii UK biratti masaraa Baakinghaam keessati. Kana booda Barnhaam aangoo fudhatee mootummaa hundeessa.

    Barnhaam bara bulchiinsa isaa dhimmoota fardii uummanni gaafatu kanneen akka qaalayiinsa jireenyaa, fi tajaajila mootummaa fooyyessuurratti xiyyeeffatu jedhamee eegama.

    Barnihaam haasawa godhaniin, "duudhaa sirrii fi sadarkaa qulqullinaasaa eeggate caasaa mootummaa keessatti dhugoomsuu" irratti akka xiyyeeffatu dubbatan.

    "Dhimmi uummataa giddugaleessa hojii koo hundaa ta'a," akkasumas "tokkummaa biyyaalessaa haarawa ijaaruf" "gahumsa koo guutuu nan kenna" jedhan.

    Uummatni fi deeggertoonni isaa na cinaa dhaabbadhaa jechuunis gaafatan, kunis yeroo "Biriiteen deebitee nutti amanuu kan eegaltu - yeroo nuyi abdii deebifnadha" jedhan. Wayita isaan haasawa godhanis simannaa olaanaan godhameef.

  11. Wal haleellaan Iraanii fi US hammaachun sochii doonii Galoogalaanaa fi dhiyeessii bishaaniirratti yaaddoo uume

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Wal haleellaan Iraanii fi US hammaachun sochii doonii Galoogalaanaa fi dhiyeessii bishaaniirratti yaaddoo uume

    US halkan saglaffaaf magaalota Iraan haleelaa buluu hordofee, Eegdonni Warraaqsaa Iraan Wixata qabeenyawwan waraana US Baha Jiddugaleessaa haleeluu beeksisan. Wal haleellaan kun haleellawwan marsaawwan biroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbe dha.

    Lola miilanaa kana hordofee sochiin dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessaa danqamuu isaatiin gatiin boba'aa barmeela tokkoo dolaara 90 caaleera.

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp haleellaa miilanaa ajjeechaa loltoota US irratti haaloo bahuuf tarkaanfiii fudhatame jechuun dhiheessan. Biyya keessaa immoo gatiin beenzilaa dabaluun dhiibbaan siyaasaa itti hammaateera.

    Walitti bu'iinsi kun buufataalee calallii bishaan dhugaatii kan biyyoota Galoogalaanaa irrattis raawwatamaa jira. Kun Baha Jiddugaleessaattii hanqina bishaan dhugaatii dhaluu danda'a jedhamaa jira.

    Miidhaan bu'uuraalee misoomaa akkasiirratti ka'u immoo adda waraana biraa akka hin dhalle yaaddoo uume.

    Waashingtanii fi Tehraan wal haleelaa jiraatanis adda addatti dhukaasa dhaabuutti deebi'uuf immoo fedhii agarsiisa.

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp 'kabaja' loltoota US ajjefamaniif - tokko Iraaq, lama Joordaan keessatti, US Iraan irratti haleellaa ''akkaan jabaa'' raawwatte jedhe.

  12. Waancaa Addunyaa bara kanaa maaltu adda godha?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Ispeen Arjantiinaa injifachuun Waancaa Addunyaa dhiirotaa yeroo lammataaf ol kaasteetti.

    Waancaa Addunyaa baranaa irratti wantoonni adda ta'an danuudha. Maali isaan?

  13. 'Kabaja' loltoota US ajjeefamaniif Iraan 'akkaan' haleele jedhe Tiraamp

    Xiyyaara waraanaa

    Madda suuraa, US Central Command

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp 'kabaja' loltoota US ajjefamaniif - tokko Iraaq, lama Joordaan keessatti, US Iraan irratti haleellaa ''akkaan jabaa'' raawwatte jedhe.

    Wiixata barii Ajajni Waraanaa Gidduugalaa Ameerikaa (Centcom) halkan sagalaffaaf Iraan haleeluu beeksise. Iraanitti dhohinsi dhagahamaa ture.

    Ameerikaan buufataalee waraanaafi saaphana koominikeeshinii irratti qiyyaafachuun humna Teehraan doonii Ulaa Hormuuzirra darbu haleeluuf fayyadamtu ''unkuteessaa jira'' jette.

    Iraan gamasheen Sooriyaatti haleellaa ''hin eegamne'', Joordaan keessatti ammoo xayyaara Ameerikaa buufata xiyyaaraa Aqaabaatti haleeluu himte.

    Kuweet dirooniiwwan Iraan ofirraa qolachaa akka turte himte.

    Miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Taasniim iddoowwan qiyyaafannoo Taabriiz, Chaabaahar,Koonaark jedhamn fa'a haleelamuu hime.

    Miidiyaan mootummaa Iraan biraan ammoo taankaroonni boba'aa lama yeroo Ulaa Hormuuz ce'uuf jedhan dhohuu hime.

    Mootummaa Warraaqsaa Iraan taankaeroonni kunneen ''sarara galaanaa balaa qaburra deemaa turan.'' Achii dhohuun booda dhaabbataniiru,'' Ajaji Waraanaa Gidduugala Ameerikaa garuu dubbiin kuni sirrii miti jedha.

  14. Taphataan lammii Kanaadaa Ali Ahimad Itoophiyaa jira

    Ali Ahimadiifi keessummoota isa simatan

    Madda suuraa, EFF

    Ibsa waa'ee suuraa, Taphataa Ali Ahimad maatii namoota Itoophiyaarraa deemanirraa dhalate

    Maatii namoota Itoophiyaarraa kan dhalate taphataan Garee Biyyaalessaa Kanaadaaf taphatu Ali Ahimad Itoophiyaa akka seene Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksise.

    Buufata xiyyaaraa Boolee yoo gahu Hojii Gaggeessaa Olaanaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Baahiruu Xilaahun, aangawoota Ministeera Aadaafi Ispoortiifi Ministira Dhimma Alaa simataniiru.

    Akka federeeshiniin ibsetti, Ministirri Dhimma Alaa, Ministeera Aadaafi Ispoortii, Ministeera Turizimii, fi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa turtiin Itoophiyaatti taasisu ''kan milkaa'u'' akka ta'u waliin hojjetaa jiru.

    Ali Ahimad Waancaa Addunyaa baranaarratti Garee Biyyaalessaa Kanaadaaf hiriiree taphateera.

    Dhalataan Oromoo lammii Kaanaadaa Alii Ahimad kilaba Ingiliz Shaampiiyoonshiippii keessa taphatu Noorwiich Siitiif taphata.

    Itoophiyaa dhaqee akka daawwatu waamicha kan taasise Embasii Itoophiyaa Kanaadaa jiru akka ta'e embaasichi beeksiseera.

  15. Dafqaan bulaa Chaayinaa badhaasa ogbarruu beekamaa mo’ate

    Waang Jibiing

    Madda suuraa, Xinhua

    Bissiin walaloo Waang Jibiing warqaa ciccittuu irratti nyaata manaa manatti otoo marmaarsuu barreesse kabaja ogbarruu Chaayinaa olaanaa mo’ateera.

    Walaloon mata duree Balalii Goodaa jedhu kan danqaa hojjettoonni nyaata marmaarsan mul’isu badhaasa barreessaa Chaayinaa ammayyaa beekamaa tahe Luu Shuuniin moggaafame mo’ateera.

    Waang nama ganna 56 yoo tahu bara 2019 walaloofi keewwata barreessuun miidiyaa hawaasummaa irratti qooduun qalbii namootaa hawwate.

    Namni kuni qaama dafqaan bultootaa ogbarruun isaanii leellifamaa jiruuti, kunis dhiibbaa diinagdeen al idilee qabu agarsiiseera.

    Waang dafqaan bulaa tahee badhaasa kabajamaa kana mo’achuun waan waggaa dheeraa booda argatedha.

    ''Hafuura koo qabadheen rom'e. Mo’achuun koo gaafa ifa baafamu, achi waan hundi tasgabbaa’e.’’

    Erga gaafa Adoolessa 15 badhaasa mo’atee booda miidiyaa isaaf gaggabuun dhiibbaa irratti uumuu fa’a dubbate.

    Namni ogbarruu badhaasa Luu Shuun mo’ate doolaara 14,800 ykn Yuwaanii 100,000 mo’ata.

    Waang bulchiinsa Jiyaansuu keessatti dhalatee sababa rakkoo diinagdeen ture manaa kan bahe.

    Kosii haruu, karaa irratti miya gurguruu, hojii ijaarsaafi kaan hojjechuun boodadha kan hojii nyaata manaa manatti marmaarsuu kan jalqabe.

    Jaalala kitaaba dubbisuu irra darbee waggoota kudhan darbaniif walaloo ofii miidiyaa maxxansaa irratti maxxansa ture.

    Bara 2022 kitaabni walaloosaa ‘’Namicha jarjaara’’ jedhu onlaayinii irratti vaayiralii bahe. Bara 2023 maqaadhuma kanaan bissii walaloo maxxansee dubbisaaf dhiyeesse.

  16. Haleellaa Iraan Iraaqitti raawwatteen loltuun Ameerikaa tokko ajjeefame, kaan madaa'e

    Haleellaa Iraan Kuweet irratti raawwateen aarri samii magaalaa Mangafitti mul'ateera

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Iraan Kuweet irratti raawwateen aarri samii magaalaa Mangafitti mul'ateera

    Waraanni US akka beeksisetti, haleellaa Iraan gaafa Sambataa kaaba Iraaqitti raawwatteen loltuun tokko ajjeefame.

    Kuni erga haleellaan biraa Jordaanitti raawwate loltoota US lama galaafatee, tokkommoo achi buuteen dhabame boodadha.

    Ajaji gidduugalaa waraana Ameerikaa loltuun kuni kan du'e diroonii Iraan rukutamerraa meeshaa waraanaa hin dhoofne dhoosuuf yeroo yaalamutti akka ta'e hime.

    Loltuu tokko lubbuun darbuun ala loltuun biraa immoo madaa'eera.

    Waa'ee haleellaa Jordaanitti dhaqqabe odeeffannoo dabalataa kan kenne Ajaji Gidduugalaa US, bakka haleellaan raawwate erga barbaacha taasise booda ''reeffi hin beekamne'' argamuu hime.

    Qaami argame kuni kan eenyu akka ta'e adda baasuuf akka qoratamaa jiru ibseera.

    Haleellaan Iraan kuni yeroo US fi Iraan guyyoota saddeetiif haleellaa walirra yeroo raawwataa jiranitti mudate.

  17. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Wiixataa eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok argachuu dandeessu.

    Nagaan oolaa!