Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaa - Yukireen: Afrikaan dhiibbaa waraanni Yukireen irratti uume Putiin hubachiifte
Dura Taa'aa Gamtaa Afrikaa (AU) kan ta'an Pirezidantiin Senegaal Maakii Saal, hanqina nyaata sababa waraana Yukireeniin Afrikaa keessatti uumamaa jiru akka yaada keessa galchataniif Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin hubachiisan.
Pirezidantoonni lamaan kun magaalaa kibba Raashiyaatti argamtu, Sochi keessatti, marii taasisaniiru.
Pirezidant Saal, "biyyi keenya, waraanicha irraa fagoo jirtus, miidhamtoota diinagdee akka ta'an" Pirezidant Putiin hubachuu qabu jechuu isaanii AFP'n gabaaseera.
Dabaluunis dhiyeessiin nyaataa qoqqobbii biyyootiin Lixaa Raashiyaarra kaa'anirra "ala/adda" ta'uu qaba jedhaniiru.
Waraana kana dura, qamadiin Afrikaa keessatti nyaataaf oolu keessa %40 Raashiyaa ykn Yuukireen irraa dhufa ture.
Pirezidant Saal Senegaaliirraa imaluu isaaniin dura, daawwannaan isaanii qamadii fi xaa'oo buufataalee doonii Yuukireenitti ugguramanii jiran gadhiisisuu irratti kan xiyyeeffate akka ta'e ibsaniiru.
Sababa waraana Yuukireeniin qaala'iinsa uumameen biyyootiin Afrikaa addatti miidhamaniiru.
Marii isaaniin booda Pirezidant Putiin haasaa taasisaniin Raashiyaan "yeroo hundayyuu Afrikaa cina akka dhaabbattu" dubbachuu isaanii AFP eereera.
Ebla keessa Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaalany waraanni Yukireen keessa adeemaa jiru Afrikaan dhiheessii soorataan of akka dandeessu ''carraa guddaa'' akka uumu himuun isaanii ni yaadatama.
Dura taa'aa dhaabbata miti - mootummaa Alliance for a Green Revolution in Africa (AGRA) kan ta'an Obbo Haayila Maariyaam waraanni Yukireen keessa adeemaa jiru gama gatii midhaanii, boba'aafi xaa'oo irratti Afrikaa keessaa dhiibbaa uumuu dubbataniiru.
Turtii BBC waliin taasisaniin waraanicha dura tatamsa'ina koronaavaayirasiin akkasumas waldhibdee bakkeewwan Afrikaa adda addaa tureen dhiheessiin midhaaniifi kuufamni yaaddessaa ta'e ture jedhanii turani.
''Biyyoota 36 tahan keessatti ummanni miiliyoona 90 ta'u beelli qunnameera,'' jechuun yeroos dubbatan.
Durumaa biyyoota wabii nyaataa hin mirkaneessine keessatti waraanni Yukireen keessaa dhiibbaa dabalataa waan fideef rakkinichi hammaatuu himan.
''Keesumaa qamadii dabalatee biyyoonni Afrikaa gosa miidhaanii biroo alaa galchuuf eeggatan baay'eedha,'' jechuun himaniiru.
Obbo Haayilamaariyaam turtii BBC walin taasisaniin yeroo keessa Afrikaan nyaataan of danda'u akka qabdu himaniiru.
''Lafa addunyaa qotamu keessaa 60% kan ta'u Afrikaa keessa argama. Haa ta'u malee, hojiirra hin oolle. Ammatti bulchitoonni Afrikaa kutatanii ka'aniiru. Daldaltoonni Afrikaas dhimmicha hubataniiru.''
Hoggantoonni Afrikaa qonna biyya keessa ammayeessuuf yeroo xiyyeeffannoo kennan hammana hin hin mul'atu jechuun dubbataniiru.