Maatiiwwan kee duri kan garboomfaman ta'uu attamiin mirkaneessita?

Haadha fi daa'imman mana keessatti suuraa ka'an

Madda suuraa, Adrienne Abiodun

Maxxanfame

Mootummaan Kaaliforniiyaa, Ameerikaa jiraattota bulchiinsichaa akka maatiin isaanii durii (abuduroowwan) isaanii garboofaman ragaa dhiyeessaniif beenyaa kanfaluuf bara kana sagantaa raggaasise. Ragaa gaafachuun adeemsa ta'as jetti oggeettiin qorannoo hidda sanyii.

Adriin Abi'odun dhalattuu nama garboofameefi maqaan isaa Filiip Biraanch jedhamu tokko akka taate beekti.

Maqaan nama isa garbummaan bulchaa tures Joon Waayitaakar akka jedhamu himti.

Abaabayyuun arfaffaa ishee Aab Biraanch kan dhalatan baroota, 1795-1800tti Kaarolinaa keessatti ture. Achinis gara Misiisiippiitti fudhatame.

Maatiiwwan Biraanch guutuun maatii Waayiteekariin garboomfaman.

Aadde Abi'oduun miseensota maatii aanteeshee duraan garboomfaman irraa dhalatan hedduu Kaaliforniyaa keessaa qabdi.

Maatiiwwan akkayyaa ishees dhiibbaa garbummaan booda ture baqachuun bara 1947 keessa gara Kaaliiforniyaa kan imalan.

Ogeettii qorannoo seera hidda dhalootaa (Legal Tree Genealogists) kan taate, labsii bulchiinsichaa itti dhiheenyaan hordofaan jira jetti.

Kanaafidha Kaaliforniyaan bulchiinsa Ameerikaa duraa Ameerikaanoota gurraallee bara garboomfannaa miidhaan irra gaheef beenyaa kanfaluuf kan jalqabaa ta'e.

Bara 2020 keessa, bulchiinsichi cubbuu garboomsuu Ameerikaanoota jalqabaa jedhameef kanfaltii taasisuuf garee dhimmicha qoratu hundeesse.

Guraandhala bara kanaa keessa ammoo, lammiilee Afrikaa-Ameerikaa Kaaliforniyaa keessaa kallattiidhaan kan warra durii garboomfaman irraa dhalachusaaniif ragaa dhiyeessaniif kanfaltii raawwachuuf karoora ifa taasise.

Waxabajjii 1 irratti ammoo, taaski foorichia garboofachuun attamiin gurraachiita Ameerikaa bulchiinsicha keessatti argaman irratti dhiibbaa akka taasise ilaalchisuun gabaasa fuula 500 gadhiise. Kunis kanfaltichaaf madda bu'uraa kan kaa'eedha.

Dhimmoota gabaasicha keessatti kaa'aman keessaas miidhaa kutaalee poolisii Kaalifoorniiyaa hedduutti ta'eefi attamiin gurraaleen Ameerikaa warra adiitiin adda baafamuun naannoolee faalaman keessa akka jiraatan taasifamaa akka turan kaa'eera.

Adooleessa 2023 keessa ammoo motummaan Kaalifooriyaa dhimmicha gara seeraatti akka geedaruuf karoora kanfaltii ni dhiyeessa.

Aaddee Abi'oduun Filoriidaa keessa jiraatulleen maatiinis kanfaltichaaf ulaagaa guutu. Garuu ammoo jalqaba, isaaniifi lammiileen gurraachoonni Ameerikaa miiliyoona 2.5 Kaalifooriyaa keessaa kanneen kanfalticha gaafachuuf karoora qaban, hundi walitti dhufeenya abuduwoowwan duri garboofman waliin qaban irratti ragaa dhiyeessu qabaatu.

Abi'oduun ''firooma qabaachu agarsiisuun kan akka salphaatti ta'u miti,'' jetti. Innis baayyee kan yeroo barbaadu, kan gatii baasiisuufi miira namaa kan hubuudha jetti.

Probate record of former enslaver's estate

Madda suuraa, Adrienne Abiodun

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaaloota Adrii'en Abi'oduu maqaan saanii galmee qabeenyaa koloneeffataa Joon Waayitekara irratti tarreeffaman. Joon Waayitekar kan abuduroowwan ishee duraanii garbummaan bulcheedha. Gatiin isaani illeen maqaa jara kanaatti aansuun barraa'eera.

Nama ergama kanarratti hojjatu kamiifu, deeggarsi miseensoota maatii biraa waan barbaachisuuf 'adeemsa waliin raawwatamuudha' jetti oggeettiin tun.

Isheenis jalqaba ''miseensoota maatii, firootaafi kanneen kallattiin hidhata qabaniif gaaffii dhiyessuun barbaachisaadha'' jechuu gorsiti.

Maqaa firoottan hidda dhalootaa irratti argaman hunda waliitti qabuun akka barbaachisu himti. Kun hundinu galmaa'uu qabaata.

Tokkicha namni tokko waraqaa ragaa qabaannaan, achiin waraqaa ragaa maatiisaanii akkasumas kan akkaayyaawwan isaanii ni argatu. Yeroo tokko tokkoos galmeen dhalootaa argachuun rakkisaa ta'u danda'a. Kanaafuu carraan jiruu galmeewwan macaafa qulqulluu maatii, ibsawwan gaazexootaa, galmee qabeenyaa fi dhaamannaa du'a duraa ''maatummaa mirkanneessan'' fayyadamuun ni danda'ama.

Keeniyaataa Beerii oggeessa qorataa hidda sanyiifi qopheessaa sagantaa hidha dhalootaa PBS yoo ta'u, adeemsi abuduroowwan kee duri garboofaman barbaachuun ''baayyee cimaafi kan miira nama xuqu' ta'u danda'a jedha.

Dhimmoota motummaan barbaadu agarsiisuuf dhimmoonni haalaa galmaa'u qabaatan ni jiraatu, akka Aaddee Abi'oduun jettuutti. Maatiiwwan keessatti odeesaaleen madda gargaagaraa yoo jiraatan illeen, sanadni ragaa sun ''ofumasaatinu ni dubbata'' jetti.

Namoonni warra gurraachaa garboomsaa turan sooreessoota fi boontoota waan turaniif waa'ee namoota garboomsanii irraa dhimma sobaniif hin qaban. Kanaafu ''invasitmantii'' isaaniitiif akka inshuraansiitti isaan galmeessu turan.

Wantoota barbaachisan waliitti qabuun baayyee jabaadha. Ms Abi'oduun yeroo tokko galmee sooramaa muraasa argachuuf doolaara 90 kanfalte. Baasee kanaan alattis, galmeewwan beenyaaf barbaachisan kaan caalaa namni ta'e haalum salphaatti galmeewwan akkasii kanarratti doolaara 20 dabalu ni danda'a jetti.

Haata'u malee adeemsi abuduroowwan ofii barbaachuu kunis kan yeroo fudhatuufi baayyee jabaa ta'ulleen, ''maatii kee, maqaasaanii fi eessaa ka'aanii eessatti akka imalan barbaaddee argachuun kan araada si qabsiisuudha'' jetti.

Yeroo qorannoon taaski foorsii hundeeffamee dhagahameettis, lammiilee gurraaleen Kaaliforniiyaa keessaa hammachu dhabuun hawaasa gurraacha keessatti akka shakkii hin huumne ka'ee ture. Liisaa Holdar abbookaatoon mirgoota siviiliifi miseensi taaski foorsichaas, adeemsa hidha-irratti hundaa'ee kanarratti komii kaafte turte.

''Namni kallattii kanatti dhiheenya muraasa qabu fi namni bifaan gurraachaa kutaa kana keessatti hammatamu qabaatu. Achiin nuti ammoo eenyuutu beenyaa caalaa argata kan jedhu murteessu dandeenya. Garuu ammoo namoota moodhaman keessaa hambisuu hin dandeenyu,'' jette.

Little girl holding up old record

Madda suuraa, Adrienne Abiodun

Ibsa waa'ee suuraa, Inalli Abi'oduu galmee abuduroowwan ishee osoo bara 2017tti gara Mososoppiitti hin imaliin dura Filiipp Biraanch'n garboofamanii.

Qorattoonni hidda sanyii baayyeen, adeemsa beenyaa hidda bu'uurreeffatee irratti dhugaa bahu.

Tokkoonsaanii, Dr Holiis Gentirii, Smithsonian'tti speeshaalistiin qorannoo hidda dhalootaa, mana kitaabaa ummataafi dhuunfaa akka madda odeeffannootti kaafameera.

Abi'odun kanaan waliigalti. Hojii inni guuddaan ammoo, ''galmeewwan eessaa argamuu, galmeewwan kanneen keessaa maal akka barbaachuuf yaaltu fi galmeewwan sun amanamoo yoo ta'an dhaabbata kamirraayyuu akka maddaatti fayyadamu ni danda'ama,'' jetti.

Ms Beeriin galmeewwan muraasa gubatan, balaa umamaatiin ykn sababii biraatiin barbadaa'an sammuutti qabadhaa jette.

''Namoonni meeqa qajeelfamoota ulaagaalee isaan kaa'an kanneen guutuun akka milkaa'an arguun baayyee akka nama gammachisuun yaada,'' jetti Abi'oduun.

Gama dhimma maatii ishee ilaalatuun, ''baayyee akka fedha qabaatan'' yaaddi. Kana malees, ''hojicha hunda kan hojjatu ana qabaachuun baruun isaanii ammoo caalaa kan isaan kakaasuudha,'' jetti.