Qawwee: Kaanadaan meeshaa dhunfaan qabachuu guutummaatti haquuf yaada dhiyeessite

Maxxanfame

Ministirri Mummee Kaanadaa bittaafi gurgurtaa meeshaa waraanaa irratti dhorkaa guutuun kaa'amu qabaata jedhan.

Mootummaan isaas seeraa haaraa dhunfaadhaan meeshaa waraanaa kamu qabachuu dhorku qopheessaa jira.

Seerichiis abbeentaa meeshaalee waraanaa (qawwee) battalaan hin dhorku garuu ammoo bittaa isaa seeraan ala taasisa.

Yaadni MM Kaanadaa kunis erga haleellaa sukkaneessaan biyya olla Ameerikaa mana barnootaa Teeksaasiitti raawwatame lubbuu namoota 21 galaafateen guyyoota muraasaan boodadha.

Seerri guyyaa Wiixataa paarlaamaa Kaanadaatti dhiyaate kuni, biyyattii keessatti eessattuu qawwee harkaa bituu, gurguuruu, daddabarsuu ykn galchuu seeraan ala taasisa.

''Qawwee hojii adamootiifi ispoortiif fayyadamuun alatti, namni Kaanaadaa keessatti sababiin qawwee jireenyasaanii guyyaa keessatti barbaachisuuf omtu hin jiru,'' jechuun ture MM biyyatii gaazexessitootatti kan himan.

"Haleellaan qawwee dabalaa dhufuu akkuma argaa jirru, kanarratti tarkaanfii fudhachuun gahee keenya'' jedhan.

Kunis yaalii mootummaa isaatiin qawwee to'achuuf fudhatamee isa cimaadha jedhameera.

Wixiineen seeraa haaraan amma dhiyaate kunis namoota qawwee isaanitiin jeequmsaafi yakka keessatti hirmaatan irraa hayyamasaanii ni mulqa.

Faallaa Ameerikaa qawwee qabachuun heera Mootummaa Kaanaadaa keessatti hin hammatamne. Haata'u malee, keessattuu naannoo baadiyyaa biyyattii keessatti qawween baayyeedha.

Kaanaadaan biyya ollaan caalaa abbeentaa qawwee irratti seerawwan cimaa waan qabduuf, taateewwan qawween walqabatan muraasatu waggaa waggaan mudata.

Fakkeenyaaf, qawween kunis itt cufamuufi osoo rasaasni tti hin naqamiin taa'uu qabaatu. Kana malees namni qawwee bitachuu barbaadu kamuu qorannoo odeeffannoo eenyummaasaa gadi fagoo keessa darbu qabaata.

Garuu ammoo kanas ta'ee keessattuu haleellaa lubbuun namootaa ittiin badan hordofuun seerri qawween ilaallatu caalaa akka cimfamuuf, gaafatamaa turan.

Ebla 2020 keessa, namtichi qawwee hidhatee akka qondaala poolisiitti of fakkeessee tokkoo Novaa Iskootiyaa keessatti haleellaa raawwateen namoota 22 ajjeesuun, taateen kunis seenaa Kaanaadaa keessatti isa sukkaneessaa jedhameera.

Guyyaadhuma keessattis, MM biyyattii qawwee sadarrkaa waraanaa gosa 1,500 ta'an irra dhorkaa kaa'an.

Seerri haaraan ammaa kunis baayyina qawwee karaa seeraan alaatiin hanga ammaatti argaman sirriin daangessa.