Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan warraa barsiistuu haleellaa Teksaasiin ajjeefamtee ‘gaddaan’ lubbuunsaa darbe
Abbaan warraa barsiistuu mana barumsaa Teeksaas, Yuvooldiitti dhukaasa banameen ajjeefamtee dhukkuba onneen tasaan lubbuun darbe.
Joo Gireeshiyaan abbaa warraa barsiistuu Irmaa Gireeshiyaa ture, isheenis mana barumsaa sadarkaa tokkoffa Robb, gaafa Kibxataa dhukaasni itti banametti waggaa 23f barsiifteetti.
Gireeshiyaan barsiisota lama dargaggoo rasaasa hidhateen ajjeefaman keessaa tokko dha. Haleellaa kanaan namoonni 21 kan du’an yoo tahu 19 daa’immani.
Gireeshiyaafi abbaan warraashee erga gaa’ela dhaabanii waggaa 24 yoo tahu-ijoollee afuris godhataniiru.
Gaafa Kamisa miidiyaa hawaasaa irrattii maatii Gireeshiyaaf tattaaffii qarshii walitti qabuu taasifameera. Maallaqni funaanuuf karoorfame doolaara 10,000 tahus doolaarri miiliyoona 1.6 argameera.
Maallaqa kana karaa marsariitii qarshii deeggarsaa walitti qaban GoFundMe dhaan qindeessaa kan turte durbiin Gireeshiyaa, ‘’abbaa warraa Gireeshiyaa Joo caba lapheetu du’aaf isa saaxile,’’ jetteetti.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti Obbo Gireeshiyaan dhukkuba onnee tasaadhaan lubbuun darbe.
Haati warraafi abbaan warraa kuni ijoollee dhiiraa lamaafi dubaraa lama waggaa 12-23 tahan dhiisaniitu goodaanan.
Niiw Yoork Taayims bakka bu'aa kongireesiii Teeksaa kan tahan, Obbo Maartineez eeruun akka gabasetti, ‘’Gireeshiyaan yeroo poolisiin qaqqabu hamma hafuurrishee bahutti ijoollee ofitti qabdee hammattee turte,’’
‘’Ijoollee daree keessa jiran eeguuf jecha of wareegde,’’ ‘’Goota turte’’ jedheera.
Gireeshiyaa waliin barsiiftuun ajjeefamte biroon Evaa Maayireeles waliin wagga shan bariisaniiru.