Maariyuupool; Raashiyaan warshaa sibiilaa Azovistal kan Maariyuupool keessatti injifannoo goonfachuu labsite

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan magaalaa buufata doonii Yukireen Maaripool qabachuuf ji'ootaaf waraana irra turte amma qabachuu ishee labsite.
Loltootni xumuraa warshaa sibiilaa Azovistaal ittisuuf hafan amma harka kennachuu Mooskoon ibsite.
Ji'ootaaf loltootni kunneen warshaa guddaafi wal xaxaa tahe kana keessa buufachuun Raashiyaan guutummaan akka magaalittii hin to'anne ittisaa turan.
Jimaata loltoota hafan achii baasuun waraana hamaa magaalittii mancaasetti xumura godhe. Raashiyaan guutummaan to'annoo ishee jala oolchite.
Magaalittii fi warshaan sibiilaa Maaripool ''guutummaatti bilisa baheera'' erga loltootni Yuukireen keessatti hafan 531 achii baafamanii jedhe ministeerri ittisaa Raashiyaa.
''Buufataaleen lafa jalaa bakki loltootni kunneen buufatanii turan guutummaatti to'annoo waraana Raashiyaa jala ooleera,'' jedha ibsi kenname.
Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin humnootni waraanaa hanga xumuraatti falmaa turan akka bahan eeyyamni kennameeraaf jedhan.
''Har'a ajaja waraanaa irraa mallattoo isa tahe achii bahaun akka lubbuu isaanii oolfatan godhu argataniiru,'' jechuun televizhinii Yuukireen irratti dubbatan.
Torbanotaaf Azovistaal guutummaatti marfamtee ture.
Waraanni Raashiyaa akka deeggarsi namoomaa homtuu hin galle gochuun qilleensa irraan haleelaa turan. Loltootni hafan akka meeshaa waraanaa isaanii lafa kaa'an gochaa turan.
Namootni baay'een gidduugalicha keessatti danqamanii turan namoota nagaa, dubartootaa, jaarsolii fi ijoollee turan. Jalqaba ji'a kanaatti marii UN fi Waldaan Qaxxaamura Diimaa wlaiin taasisaniin achii baafamaniiru.
Haatahu malee, loltootni Yuukireen achi keessatti hafan harka kennuu diduun isaanii Raashiyaan akka magaalaa buufata doonii taate kana hin to'anne taasiseera.
Namoota baay'eef loltootni achitti hafuun falmataa turan akka gootatota biyyaattii mallattoo diddaa tahuun ilaalaman.
Humnootni dhibbaan lakkaa'aman achi keessatti hafan humna galaanarraa, Eegdota Biyyaalessaa, eegdota daangaa fi poolisii of keessaa qaba.
Nyaatnii fi bishaan irraa citee torbanootaaf osoo ifa aduu hin argiin lafa jala, boolla jiran keessa dhokachuun turan.
Gidduugalli warshaa sibiilaa kun iskuwer maayilii afur irratti kan ijaarame yoo tahu haleellaa misa'elii dandamachuu akka danda'utti ijaarame.
Ajajaan waraanaa Yuukireen loltootni madaa'an baasii fi anbulaansii Raashiyaan fudhataman.
Akka qondaalotni Raashiyaa jedhanitti loltootni Yuukireen 2,439 tahan harka kennaniiru. Moskoon eessa jiru kan jedhu odeeffannoo ibsite hin qabdu garuu awutoobisiidhaan fe'amuun gara bakkeewwan raashiyaan to'ateetti geeffamaniiru jedhama.
Qondaalonni Yuukireen loltoota booji'aman wal jijjiruudhaan ni gadhiifamu abdii jedhu qabu. Putin akkaataa seera idil-adunyaatti ni yaalamu jedhanii garuu yoo to'annoma Raashiyaa jala kan turan tahe maal taha kan jedhu yaaddoo taheera.
Qaamni seera baastuu Raashiyaa loltoota Azovistal ''yakkamtoota Naazii' jedhanii farrajuuf karoora baasanii isaan kunneen loltoota wal jijjiiruun gadhiisuu keessatti hin qabaman jedhan.













