Weerara Yuukireen: Lammiileen Yuukireen miliyoona shan biyyaa baqachuu UN hime

Lammiileen Yuukireen miliyoona shan biyyaa baqachuu UN hime

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

UN lammiileen Yuukireen miliyoona shan tahan waraana Raashiyaan Yuukireen irratti bante baqachuun biyyaa bahaniiru jedhe.

Kun ammoo erga Waraana Adunyaa Lammaffaan as rakkoo baqattummaa isa saffisaa Awurooppaa keessatti mudatedha. Garuu lammiileen Yuukireen kunneen eessa lixan?

Dubartootnii fi ijoolleen kanneen baqatan keessaa %90 tahu. Dhiirri umuriin isaa 18-60 tahu waraanaaf waan barbaadamuuf akka biyyaa bahuuf hin eeyyamamu.

Ijoolleen Yuukireen lama sadaffaa tahan jechuun harka sadii keessaa harka lama kan tahan qe'ee isaanii irraa buqqa'uuf dirqamaniiru.

Lakoofsi kuun warra biyya keessatti qe'ee isaanii irraa buqqa'uun hafan dabalateeti jedhe UN.

Baqattootni Yuukireen miliyoona 2.8 tahan Poolaandi keessa buufataniiru.

Jaarmiyaan Dhimma Baqattootaa UN, (UNHCR) lammiileen Yuukireen 645,000 tahan ji'a Guraandhalaa keessa, gara miliyoona 3.4 kan tahan ammoo ji'a Bitootessaa keessa akkasumas ji'a Eblaa kana keessas lammiileen 945,000 tahan waraanicha baqachuun biyyaa bahu hime.

Waraanni Raashiyaa fi Yuukireen gaggeessan Baha Yuukireen naannoo Donbaas jedhamuu fi Charchiiv keessatti hammaachuun itti fufeera.

Ragaa bqattoota Yuukireen agarsiisu
Ibsa waa'ee suuraa, Ragaa bqattoota Yuukireen agarsiisu

Yuukireen Kaaba baha biyyattii naannoo Donbaas keessaa loltootni Raashiyaa 70,000 tahan akka jiran himti.

Raashiyaan booji'amtoota waraanaa Yuukireen 60 tahan deebistee Yuukireeniif kennuu ishee itti aantuun ministera muummee Yuukireen himanrru.

Poolaandi ammoo loltoota Yuukireen 10,000 tahaniif yaalii kennuuf akka fedha qabdu ministirri muummee biyyattii himaniiru.

Gama biraan Komishiniin Gamtaa Awurooppaa gabaa boba'aa Raashiyaa irra qoqqobbii dabalataa kaa'uu akka hojjechaa jiran himan.