Ji'i diimtuu fi guddoo taatee har'aafi bor samiirraa mul'atti

Ji'a 'super blood' kan bara 2021

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Daawwiin ajaa’ibaa pilaaneetii keenyaa samiirratti mul’achuufi , ji’a diimtuu dhiiga fakkaattutu mul’achuuf jira.

Gaaddiddeessuu ji’aa guutuu waggaa kanaa al tokko qofa ta'uun, Lafti gidduu Aduufi Ji’aa buuti.

Gaaddidduun Lafaa guutummaatti ji’arra waan bu’uuf jiini suuta gurraacha’aa gara halluu akka diimaa wayiitti geeddaramti.

Awurooppaa keessatti gaafa Wiixataa subii ija uumamaan mul’atti. Ameerikaatti immoo Dilbata gara galgalaa daawwachuu danda’ama. Afrikaattis akkasuma ni mul’atti.

Ji’i kunis yeroo kaanirra guddattee kan mul’attu yoo tahu, sababiinsaas yeroo kana orbiitiishee irratti qabxii lafatti baayyee siiqxee waan argamtuufi, kanaanis maqaa ‘Super Moon’ ykn ‘Ji’a guddoo’ jedhamu argatteetti.

Ji’a guddoo diimtuu jedhamuunis waamamti. Hemisfeera Kaabaatti, jiini guutuu kuni ji’a abaaboo kan jedhamtu yoo tahu abaaboo waqtii birraa wajjinis waan walirra bu’uufi.

Ifti ji’arraa mul’atu kuni diimaa akka dhiigaa yoo tahu, ifti aduu ganamaa fi gara galgalaa lafarraa ji’arratti balaqisa jedhu Landanitti, astiroonoomara Royal Observatory kan tahan Dr Giriigoorii Biraawun.

''Aduun lafarratti yoo baatuufi lixxu al tokkotti arguun danda’ama jechuu dha. Ifti hundinuu gara ji’aatti balaqqisa,'' jechuun BBCtti himaniiru.

UK keessatti gaara ykn gamoo dheeraa irraa ilaaluu danda’ama, sababiinsaa ji’i kuni samii irratti gad siiqxee waan mul’attuufi.

UK keessaatti gaaddiddeessuun kuni yeroo jalqabu dha, kan akka gaaritti mul’atu jedhan Dr Biraawuun.

Gaaddidduun lafaa yeroo ji’a haguuguu jalqabu,hanga muraasa uffisuun jalqaba, boodarra guutummaan guutuutti irratti gaaddiddeeessa, achii ji’i lixaa adeemti, nutti mul’achuu baatus gaaddiddeessuun kuni itti fufa.

Ji'a 'Super blood'

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaatti do’iin ji’aafi lafaa kuni guutummaatti kan mul’atu yoo tahu daqiiqaa 84f tura. Yoo Ameerikaa ykn Kanaadaa jirtu taheef Dilbata garagalgala yeroo ji’i lixuuf jettu ilaaluu dandeessu.

Ija umamaan kan mul’atu yoo tahu, baayinaakulaara ykn teleskooppiidhaan xixiqqoodhaan ilaaluun immoo halluu isa diimaa sirrii ilaaluufi gargaara.

''Astiroonotii yoo taate ji’arra dhaabbattee gara duubaatti Lafa yoo ilaalte amartii diimaa ala dachee keenyaa naanna’u argita,'' jechuu ibsu Dr Biraawun.