Obbolaa dubaraa ispermii namni tokko arjoomerraa dhalatan waggaa 20 booda walbaran

Yeroo umriin keenya 20 keessa seenu kan mi'oon (Sanyiin dhiiraa) nuti ittiin dhalanne nama tokkorraa kan arjoomame ta'uu barre.

Madda suuraa, Sperm Sisters

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo umriin keenya 20 keessa seenu kan mi'oon (Sanyiin dhiiraa) nuti ittiin dhalanne nama tokkorraa kan arjoomame ta'uu barre.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Yeroo umriin keenya 20 keessa seenu kan mi'oon (Sanyiin dhiiraa) nuti ittiin dhalanne nama tokkorraa kan arjoomame ta'uu barre.

Natasha, Jemaa fi Helen abbaan isaanii eenyu akka ta'e beekaa waan guddatan se'u ture.

Waggootaan booda yeroo DNA (Qorannoo qaccee sanyii) qorataman waan hin eegne dhagahan. Sadan isaaniituu mi'oo namni tokko arjoomeen dhalatan.

Amma sadan isaanii 'Obboleewwan Mi'oo tokkoo' jedhanii walwaamu. obbolummaa isaanii dhiheenya erga baranii miira obboleettii walii ta'uu isaanii gammachuudhaan dabarsaa jiru. Guyyaa jalqaba baran inumaa imimmaan gammachuutu fuula isaanii dhiqe.

Ijoollee durbaa xixiqqoo lama

Madda suuraa, Gemma Hicks

Jemaa fi Helen Berkishayer keessatti waliin kan guddatan yoo ta'u, lamaan isaaniituu abbaan isaan guddise abbaa gudeedaa isaanii akka ta'etti amanu ture.

Erga umriin isaanii waggaa 20 dabreen booda mi'oo (ispermii) arjoomtotarraa argameen akka dhalatan kan baran.

"Saniin dura arjoommiin mi'oo akka gocha seeran hin too'atamnee waan tureef maatiin ijoollee haala Kanaan dhalatan akkuma ilmaan isaaniitti akka guddisantu gorfama. Haalli itti waan biraa jedhan hin turre" jetti Jemaan, kan umriinshee waggaa 36 taatee fi Sareey jiraattu.

Bara 1991tti dhaabbanni walhormaataa fi qoo'annoo Imbiriyoolojii UK kan seera dhimma kana ilaalu baase.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon DNA taasisan abbaan isaanii nama tokko ta'uu qofa osoo hin taane, obboleettii haadhoo biraa argachuu ofoomse.

"Miira addaatu natti dhagahame. Akkan kana dura eenyu akkan ta'e of hin beekneettan waanin dabarse hunda ofgaafachaa ture. Qaccee sanyii kiyyaa hanga dhumaatti beekun barbaade" jetti Jemaan.

Heelan ammoo umriinshee waggaa 35 yoo ta'u, Hamshaayer keessa jiraatti. Rifaatuu guddaadhaan booda deebii waan hunda ifa godheef barte.

"Miira addaa kan gammachuu guddaa qabutu naweerare. Jireenyakoo darbe keessa deebi'een ilaale. Wantootni miira addaa nattii uuman" jetti

Obbolaa sadan mi'oo nama tokko arjoomerraa dhalatan keessaa kan biraan Natashadha. Isheen umriinshee ganna 36 yoo taatu, Iseeks keessa jiraatti.

Akka Mi'oo arjoomtotarraa argameen dhalatte kan barte yeroo ganna 21 turte ta'ulleen, hanga umriinshee 31 ta'utti qorannoo DNA hin taasisne.

"qorannoo sana taasisuuf kan nakakaase walakkaan qaama ani irraa uumamee eenyu kan jedhu beekuuf hawwiin qabu irraayi. Waggaa miliyoonallee maaf hin taane, obbolaa mi'oo tokkorraa waliin dhalanne argadha jedhee yaadee hin beeku" jetti.

Dubartoota lama

Madda suuraa, Gemma Hicks

Helenii fi Jemaan Natasha bilbilaan qunnamanii ji'oota gidduutti akka qaamaan walargan walbeellaman.

"yeroo hunda akki waliin jennu nuti akka maagineettiitti walharkisne. Daqiiqaa tokko Natasha waliin teenye keessatti lamaan keenyaa akka walfakkaataatti dubbanna, waantokkorratti ilaalcha walfakkaatu akka qabnus barre. Waan raajiidha." jetti Jemaan.

Jemaa fi Natashaan kana dura walbeekuu baatanilleen waggaa 15 dura lamaan isaaniituu yunvarsiitii Liids keessatti gamoo jireenyaa tokko keessa turan.

"Hanga ammaatti osoo wal hin beekiin guddachuun keenya nama aarsa. Silaa guyyaa dhalootaa keenya waliin kabajanna. Wanta baayyee silaa waliin qabaachuu malle, garuummoo dhabne yoon yaade nama aarsa" jetti Jemaan.

Obboleettiiwan sadanuu amala walfakkataa qabu. Keessumaa waa kalaquu irratti. Jemaan aartii, Heelen Muuziqaa jaalatti,Natashan ammoo shubbisa. Sadan isaaniituu yeroo wayii barsiisota turan.

Abbaan Jemaa fi Heelen guddise Weels irraa yoo ta'u, yeroo adda addaa achi deemanii akka daawwatanii fi garee tapha Regbii Weelsi deeggaraa turuu himu.

"Weelsi ta'uun qaama guddina kiyyaa keessaa kanin ittiin boonu. Miira gammachuu guddaa keessa ta'een guddadhe" jetti Jemaan.

Akkuma carraa ta'ee ammoo qorannoon DNA isaanii namni Mi'oo arjoomeef hawaasuma Weelsi keessaa ta'uutu barame.

"Akka carraa ta'ee nuuf wanti jijjiirame baayyee miti. Osoo qacceen sanyii keenya Faransaay irraa yookan gara biraa irraa ta'ee maaltu akka natti dhagahamu hin beeku. Osoon qaama hawaasa Weelsiin ala ta'ee baayyeen aarayyu" jetti jemaan.

Natashaan ammoo qaama Hawaasa weelsi akka taate yaadaa hin guddanne. Garuummoo isaan waliin hariiroo gaarii qabdi.

"Ani umrii ijoollummaakoo Kaaba Weelsi keessattan dabarse. Iddoowwan akka Bangoor fi Jiwneditti. Kanaaf amma miirri keessummumma anatti hin dhagahamu. Namni Mi'oo arjoomee ani akka dhaladhu godhe Weelsi irraa ta'uu baruun baayyee nagammachiise" jetti.

Dubartoota sadii poodkastii waraabaa wayita jiranitti

Madda suuraa, Sperm Sisters

Helen ammoo eessaa akka argamte beekuunii fi kana gochuu danda'uu isaaniin miira nagaa fi gammachuu akka isheetti dhagahamu himti.

Obboleewan sadan abbaan dhugaa isaanii eenyu akka ta'e erga qorannoodhaan adda baafatanii booda qaaman walarganiiru. Nama garraamii fi ilaalcha gaarii qabu jedhan.

Akka abbaan taayitaa walhormaataa fi too'annoo Imbiriyoolojii UK jedhutti, erga bara 1991 seerri dhimma kana ilaallatu baheen booda biyyattii keessatti namootni kuma 85 ta'an arjoommii mi'ootiin dhalataniiru.

Seerri kuni bara 2005 erga fooyya'een booda eenyummaa ofii dhoksuudhaan Mi'oo, hanqaaquu dubartootaa fi Imbiriyoo arjoomoon dhorkameera.

Kana jechuun daa'imni arjoommii akkanaan dhalate erga waggaa 18 gaheen booda eenyummaa nama arjoommii isaanitiin dhalatan kanaa beekuu fi qunnamuu akka qabaataniifi.

Dubartoonni Obbolaa sadan mi'oo tokkorraa dhalachuu dhiheenya baran amma warra adda hin baane ta'aniiru.

Poodkaastii waliiniis banatanii hojjechaa jiru. Obbolummaa keenya karaa Poodkaastii kanaa cimsannes jedhu.

Obbolaan sadan kuni garuu ammayyuu obboleewwan dhiiraa fi dubraa biraa hangamii akka qaban hin beekan. Sababni isaas bara isaan mi'oo arjoommiitiin dhalatan sana seerri amma namni tokko maatii 10 oliif arjoomuu hin danda'u jedhu hin turre.

Qorannoon BBC weelsi tibbana baase arjoommiin mi'oo karaa miidiyaa hawaasummaa beeksifamu hangam hoo'ee akka jiru ifoomse.

Akka Jemaan jettutti, Abbaan taayitaa walhormaataa fi too'annoo Imbiriyoolojii UK namootni arjoommii mi'ootiin dhalatan eenyummaa nama irraa dhalatanii akka bekaniif hojii guddaa hojjechaa jira.

"Seerichi waan baayyee fooyyessaa jira. Wanti nama gaddisiisu garuu hojiin hanga kana itti dadhabamee hojjetamaa ture Sababa beeksisa faddaalummaa Facebook irraatiin duubatti deebi'aa jira"

"Nuti bara seerri waan kana too'atu hin bahin keessa. Ammas sanirraa wanti addaa baayyee hin jiru. Dhaloota itti aanu kanaaf sagalee ta'uu qabna jedheen yaada. Maatiin tokko tokko daa'imman arjoommii mi'ootiin dhalatan icciteessuu fi eenyummaa arjoomtotaa dhoksuu hin qaban" jetti

Helen ammoo daa'imman arjoommii mi'ootiin dhalatan sagaleen isaanii hin dhagahamu jetti. Ishee fi obboleettiiwwanshee lamaan kuni akka dhagahamuuf hojjechuu akka barbaadan himti.