Itoophiyaatti callaqeen geengoo aduutti marsee nama raaje 'Sun Halo' maali?

Madda suuraa, Addis Debebe
Guyyaa Kamisa har'aa kutaalee Itoophiyaa adda addaa keessatti aduun calaqqee ifaa geengoon marfamtee mul'achuun (Sun Halo) namootatti raajii ta'ee, miidiyaalee hawaasaarrattis fakkiin isaan qoodamaa jira.
Meetiriyoolojistiin BBC Kriis Faawikis Sun Halo (Aduun calaqqee ifaa kan ofii isheen marfamtee mul'chuun) kan mudatu kiristaalotni cabbii atimoosfeerii samii olii keessatti caccabanii argaman ifa aduu mataa ishee yeroo balaqqeessisan ta'ii mula'atudha jedhu.
Ta'iin kun halkanis wayita jiini guutuu taatee baatu akka mudachuu danda'u himan.
Ta'iin kun ganama har'aa magaalaa Finfinnee fi Harar dabalatee naannoo kaanittis mul'achuu namootni miidiyaalee hawaasaa irratti qoodaa turan.
Gariin namootaa ta'iin kun maali jedhanii yoo gaafatan, mallattoo waan gaarii hin taane ta'uu mala jedhanii Rabbi kadhadhaa yoo jedhanis maxxansaniiru.
Namni maqaa feesbuukii Hechman Z Adoni jedhamu qabu ammoo ta'iin kun magaalaa Harar keessatti mul'achuu suurotaan dabaalee maxxansee, ta'iin kun akkamiin akka mudatus barreesseera.
Naannoo magaalaa Finfinneetti calaqqee ifaa aduutti akka geengoo naanna'ee mul'ate halluu sabbata waaqayyoo kan qabu akka tures namootni barreessaniiru.
Ta'iin kun magaalaa Finfinneetti gara sa'aa tokkoof turuu isaa jiraattuun Finfinneerraa BBC'n dubbise tokko himteetti. Waanti argite ishee raajuus himteetti.
Ta'iin kun amma dura bara 1991, 2008 fi 2014 kutaale Itoophiyaa akka Maqalee, Baahirdaar, Jigjigaa, Finfinnee fi kaanittis mula'atee beeka.
Bara 2008 guyyaa Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa gaggeessitu ta'iin kun mul'atee kan ture yoo ta'u, sana dura 1991 bara mootummaan Dargii kufe akka mul'atee yaadachuun jijjiirama mootummaa akeeka namootni jedhan turaniiru.

Bara sana namootni gaazexessituun BBC Finfinneedhaa gabaastu Elzaabeet Bilaant dubbiste ta'iin akka kanaa mallattoo rabbii saba isaatti agarsiisudha ittiin jedhanii turan.
Bara 2008 ji'uma kana keessa guyyaa gaafa 14 ture ta'iin akka har'aa kun kan mula'te.
Guyyaa san Paatriyaarikiin Mana Kirsitaanaa Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Pheexroos paatiriyaarkii Aleksaadariyaa Pope Shenuuda kan daawwannaaf Itoophiyaa dhufan guyyaa itti simatan ture.
Amantootni keessummaa simachuuf bahanis kun raajii dha ''yoo xiqqaate mallattoo eebbaa rabbi nutti agarsiisuudha'' jedhanii turan.
Abuna Phaawuloos ammoo ''Yaa rabbi mallattoo nutti agarsiifteef galata kee'' jedhan.
Pooppiin Aleksaandariyaa Shenuudaanis akkasuma mallattoo Waaqni agarsiise jedhanii amanan.
Abuna Phaawuloos daandii sirriirra jiraachuu keenyaaf mallattoo waaqni nutti agarsiise jedhan.
Amantootattis Waaqni mallattoo waan nutti agarsiiseef haa gammadnu. Galata waaqayyoof dhiyeessinu haa daballu jedhanii ture.












