Hoo'i Awurooppaa mudate du'a namoota 1,300 waliin hidhata akka qabu WHO hime

Madda suuraa, Reuters
Du'a namoota 1,300 ol guyyoota muraasa dura uumameef dambaliin hoo'a cimaa ardii Awurooppaa mudate sababa akka ta'e Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.
Hoo'i bonaa waqtiisaa dursee biyyoota Awurooppaa keessatti mul'ate hoo'a kanaan dura ture caalaa kan hammaatedha jedhameera.
Hoo'i Dilbata kaleessaa guutuu ardichaa keessatti galmaa'es rikardii kan cabse yemmuu ta'u, biyyoonni akka Jarmanii, Poolaand fi Cheek Ripabliik kunneen hoo'i olaanaan keessatti galmaa'e keessatti argamu.
Dambaliin hoo'aa kun gara biyyoota Baha Awurooppaatti babal'achaa akka jirus himameera.
Daayrektara Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan ta'an Dr. Tewodiroos Adihaanom, olka'uun lakkoofsa du'aa Waxabajjii 21 eegalee mul'ate "hoo'a olaanaa Awurooppaa mudateen hidhata qaba" jechuun toora miidiyaa hawaasaa Eeks (X) irratti barreessaniiru.
Dabalataan "Dhiibbaan hoo'i qaqqabsiisu 'callisee ajjeesaa' jedhama. Ta'us garuu akkaataan manneen, waajjiraaleen fi manneen barnootaa Awurooppaa keessaa itti ijaaraman bifa hoo'a kana dandamachuu isaan dandeesisuun miti" jedhan.
Ministeerri Fayyaa Faransaay akka jedhetti, Roobii darberraa eegalee hanga eegamee ol namoonni dabalataa 1,000 lubbuu dhabaniiru.
Kunneen osoo hin eegamin lubbuun darbe keessaammoo namoonni umriinsaanii waggaa 65 fi isaa ol ta'e ni argamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lakkoofsi namoota manumasaanii keessa osoo jiranuu lubbuunsaanii darbe dhibbeentaa 40'n akka dabales himameera.
"Akka addunyaatti ardiin saffisa olaanaan hoo'aa jirtu Awurooppaadha" kan jedhan Dr. Tewodiroos, "hoo'i aardii kana keessaa giddugaleessa hoo'i addunyaa itti dabalaa jiruu dachaa lamaan dabalaa jira" jedhan.
Ardii Awurooppaa keessa namoonni miliyoonaan lakka'aman hoo'a olaanaa keessa jiraachaa akka jiran kan himan Dr. Tewodiroos, "dhibbaan kan lakka'aman du'aniiru, manneen barnootaas cufamaniiru" jechuun haala jiru ibsaniiru.
Jarmanii keessa guyyaa kaleessaa eegalee dambaliin hoo'aa cimaan kan galmaa'e yemmuu ta'u, kutaa baha biyyattiitti hoo'i digirii seentigireediin 41.7 galmaa'era.
Cheek Ripabliik keessattimmoo walitti aansuun guyyoota lamaaf hoo'i cimaan rikardii cabse kan mul'ate yemmuu ta'u, hoo'i digirii seentigireedii 41.1 biyyattii keessatti galmaa'era.
Hoo'i Poolaand keessatti mul'ates rikardii kanaan dura biyyattii keessatti galmaa'e kan cabse yemmuu ta'u, magaalaa Islubaayis jedhamtu keessatti hoo'i digirii seentigireedii 40.5 galmaa'era.
Hammaachuu hoo'a kanaaf sababni jijjiirama qilleensaa akka ta'e kan himan Dr. Tewodiroos, "dambaliin hoo'aa dhaloota tokko keessatti al tokko uumamaa ture amma waggaa waggaan mul'achaa jira" jedhan.
Dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa fayyaarratti qabu dandamachuuf biyyoonni Awurooppaa "karoora hojii fayyaa hoo'a giddugaleessa godhate" hojiirra akka oolchanis hubachiisaniiru.
Biyyoonni Awurooppaas rakkoolee fayyaa hoo'aan walqabatee dhufan ittisuuf tarkaanfilee garagaraa fudhachaa kan jiran yemmuu ta'u, feestivaalli muuziqaa Neezarlaand keessatti adeemsifammuf turefi Defqon.1 jedhamu haqameera.
Faransaay magaalaa Paaris keessattimmoo feestivaalli muuziqaafi iddoowwn ummanni walitti qabamutti alkooli dhuguun dhorkamee jira.
Dambaliin hoo'a cimaa kun erga eegalee as Faransaay keessatti namoonni 74 bishaan keessa dhidhimuun lubbuunsaanii darbeera.
Namoota lubbuunsaanii darbe keessaa harki caalmaanis laggeen fi haroowwan to'annoon irratti hintaasifamne keessatti lubbuusaanii akka dhaban Ministirri Dhimmoota Biyya Keessaa Faransaay Laawurant Nuneez himaniiru.














