Kooriyaan Kaabaa namni jalqabaa Covidiin du'uu beeksiifte

Maxxanfame

Kooriyaan Kaabaa namni jalqabaa Covid-19n du'uufi kanneen kumaatama hedduun lakkaa'aman ammoo gubaa qaamaatiin dhukkubsataa jiraachuu miidiyaan mootummaa beeksiise.

Namoonni jaha gubaa qaamaatii dhukkubsataa turan yoo du'an isaan keessa nama tokko qofaatu Omikrooniin qabamuun mirkanaa'e jedheera midiyaan motummaa gabaasa isaa Jimaata har'aatiin.

Itti dabaluunis namoonni kuma 187 kanneen gubaa qaamaa qaban ''addatti baafamuu yaalamaa jiru'' jedheera.

Oggeessoonni vaayirasichi yeroo dheeraaf biyyattii keessa akka ture kan amanan yoo ta'u, aangaoonni garuu yeroo jalqabaatii Kamisa Caamsaa 13, 2022 namni tokko qabamu kan beeksiisan.

Isaanis weerarri Omiikroon magaalaa guddoo biyyattii Piiyoongyaang'tti mudachuu fi tarkaanfiiwwa ugguraa labsamu himu. Haata'u malee lakkoofsa namoota qabame sirrii hin eerre.

Garuu ammoo ejjansiin oduu KCNA Jimaata akka gabaaseetti, weerarichii magaalaa guddoon alattis babalateera. ''Gubaan qaamaa kan adda hin baafamne Ebla gara dhumaatii kaasee biyyattii guutuutti fa'eera,'' jedhe.

Hanga yoomnaattis namoonni gara 350,000 ta'an mallattoo gubaa qaamaa kan agarsiisan yoo ta'u, kanneen keessaa meeqa akka Covid irratti argame omaa hin jennee.

Kaleessa maaltu jedhame?

Kooriyaan Kaabaa biyya sagantaa talaallii Kooviid kennuu hin qabne yoo taatu, biyyoota biroo arjoomuuf gaafatan irraallee hin fudhadhu jetteetti.

Haa tahu malee, daangaa ishee cufuudhaan weeraricha to'achaa turte. Ogeeyyiin fayyaa vaayirasichi biyyattii galeera jedhanii amananillee, Kooriyaan Kaabaa garuu kana dura nama Kooviidiin qabame hin gabaasne.

Qeeqxonni uummanni biyyattii miiliyoona 25 tahu dhukkuba kanaaf saaxilamaa dha jedhu. Sababiinsaa immoo hanqina sagantaa talaallii dha, biyyattiin hawaasa addunyaarraa dhiyeessii talaallii Astraazenekaa fi Sinovaak miiliyoonaan lakkaa'amu hin fudhu jetteetti.

Sirni fayyaa Kooriyaa Kaabaa laafaa dha, yaaddoon jedhus ni dhagahama.

Miidiyaan biyyaalessaa biyyatti KCNA hogganaan biyyattii Joong-un weerara kana dhabamsiisuuf kakataniiru jedhe. Haala keessa jiran kanas, ''muddama jabaa biyyaalessaa'' jechuun ibsan.

Wal-gahii seerri dhorkaa Kooviid beeksifame kanarratti, Obbo Kiim maaskii fuulatti keewwatanii mul'ataniiru. Maaskii yeroo jalqabaaf uffatanii mul'atan jedhame kana yeroosuma immoo deebisanii baasaniiru, qondaaloti waliin turan biroo garuu akkuma keewwataniiin turaniiru.

Kooriyaan Kaabaa biyyoota Amajjii 2020, biyyoota guutummaatti daangaa isaanii cufan keessaati. Dhiyeessiiwwan garagaraa gara biyyattii akka hin galle dhorkuunis hanqinni nyaataafi diinagdee bololi'aa akka jiraatu taasiseera.

Kamisa kaleessaa KCNA, Obbo Kiim 'labsii yeroo atattamaa cimaa' uggura naannoo, naannootti taasifamuufi iddoo hojiitti walitti qabamuu dhorku baasaniiru.

Miidiyaa Kooriyaa Kaabaa namni vaayirasii Kooviid Omiikiroon jedhamuun qabame guyyaa afur dura magaala guddoo biyyattii keessatti argame.

Jiraattonni magaalaa Piyoongyaang naannoo garagaraa keessa jiran, labsii kanaan dura uggura guyyaa lamaa keessa turan.

Mootummaan Kooriyaa Kibbaa deeggarsa namoomaa Kooriyaa Kaabaaf kennu haaromsuu himus Piyoongyaang irraa hamma yoonaa waan dhagahame hin jiru.