Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yakkamaan dubartoota sadii ajjeesuun hidhame mana sirreessaatti niitii fuudhuun barbaada jedhe
Ajjeechaa dubartoota sadiifi tokko irraan miidhaa qaqabsiisuun himatamee addabbiin hiidhaa umurii guutuu lama kan itti murtaa'ee mana hidhaa keessatti argamu Liiv Beelfild mana hidhaa keessatti akka fudhuuf hayyamni akka kennamuuf gaafachuun dhagahame.
Sirreeffamaan kunis haadha warraa kaadhimachuufi mana sirreessaa keessatti gaa'iila dhaabbachuu akka barbaadu gaafachuu Ministeerri Haqaa Ingiliiz beeksiise.
Gaheessii umuriin waggaa 53 Leevi gaa'ila jedhu kana dhaabbachuuf hayyama bulchiinsa magaalattii argachuu qabaata.
Sirreeffamaan kunis dubartoota Maarshaal Maakdooneel, Ameelii Delagrange fi Miilii Doowular jedhaman gara jabinaan ajjeessuun yakkamaa jedhamee hidhaan umurii guutu lama itti murtaa'e ture.
Ministirri Haqaa duraanii Roobarti Bakilaand gaazeexaa The Sun jedhamutti akka himanitti yaadni cidha godhachuusaa ''waan amanuuf nama rakkisuudha'' jedhan.
''Shamarreen waggaa 13 Miiliin osoo guyyaa gaa'ilashee hin argin ajjeesseen. Inni ammoo cidha godhachuuf yaaduunsaa sirrii natti hin fakkaatu,'' jedhan.
Yakkamaan kunis dubartii waggaa lamaan dura karaa barreeffamaatiin wal argaa turan waliin walitti dhiyaachuufi irra dedeebiin akka isa gaafattu The Sun gabaaseera.
Dhiheenya ammoo wayita isa gaafachuuf dhuftetti jilbeenfachuun akka isatti heerumtuuf gaafachusaatu gabaafame.
Dubbi himaan Ministeera Haqaa biyyattii gama isaanitiin, ''Cidha godhachuuf gaaffiin ifaan kan dhiyaate yoo ta'u, haaluma kana dura hojjannuun qoratamaa jira,'' jedhan.
Leevi Beelfildi balleessaawwan yekka garaa jabinaa kanaan dura raawwatee hordofee hidhaan umurii guutuu kan itti murtaa'e waggaa 14n dura ture.
Osoo mana sirreessaa keessa jiruu ammoo Miilaan kan umuriin waggaa 13 ajjeessuun, irra deebiin manni murtiitti dhiyaate.
Miilii Doowular osoo mana barnootaatii gara manaa galaa jirtu ture bara 2002tti butamuun eessa buuteenshee kan dhabame.
Manni murtichaas erga dhimmicha qorateen booda bara 2011tti Leevi irratti ammas balleessaa raawwateef hidhaa umurii guutuu biraa murteesse.
Leevi Beelefiildi kilabii alkanii tokkoo keessa waardiyyummaan tajaajilaa kan ture yoo ta'u, dubartoota garaa garaa 5 irraa ijoollee 11 dhalchuus The Sun gabaaseera.
Waahiillan Liivi waliin hojjataa turan kan dubbisee qorataan tokkoos, hundumtuu jalqabarratti baayyee kan tabatuufi kan nama bohaarsu akka tureefi booda keessa ammoo gara jabaafi hundaa to'achu kan barbaadu ta'u dubbachusaanii ibseera.