Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaatti balaliisaan qilleensarratti dhukkubsannaan imalaan muuxannoo hinqabne xiyyaara qubachiise
Ameerikaa Filooridaa keessatti maddeen oduu namtichi erga balaliisaan osoo qilleensarra jiruu of wallaaleen booda qofaasaa xiyyaara qubachiisee barbaadaa jiru.
Namni ammatti adda hin baafanne tokkoos wayita to'attoota balaliinsaa lafa jiranii ''attamiin xiyyaara akka qubachiifamu gonkumaa hin beeku'' jedhu waraabbiin sagalee balaliinsawwan ummataa irraa sagaleensaa ni dhagahama.
To'ataa tiraafiika qilleensaatu balaliisaa haaraaf qajeelfama kennuun akka Buufata Daandii Qilleensaa Idil-addunyaa Paalm Biichi akka qubatu taasisee. Kunis Kibxata waaree booda ture kan mudate.
Jarri lamaan taatee kanarratti wal arganis kan gammachun wal hammatan yoo ta'u, maqaa akka walitti hin himiin gabaafame.
''Haala cimaatu asitti na mudatee jira. Balaliisaan koo of wallaaleera,'' jedhe namtichi qilleensarra ol fageenya meetira 2,750 irra karaa raadiyootiin. ''Of wallaaleera'' jedhee itti dabaluun.
Akka waa beeku gaafatamnaanis, ''Ani homaa hin beeku'' jechuun kan argaa jiru qarqarri Filooridaa fuulleetti akka itti mul'atu qofa hime.
''Sadarkaa baalleesaa eeggadhuutii qarqaruma galaanaa karaa kaabaa ykn kibbaatiin hordofuu qofa yaali,'' jechuun gorse to'ataan tiraafikaa qilleensaa. ''Sitti agarsiisuu yaalla.''
''Iskiriniin ittiin abuuran mataasaa argadhee ibsu hin dandenye,'' jedhe. ''Odeeffannoowwan hundaa ofiirraa qaba. Waan kanarratti isin kan beektan jiraa?''
"Xiyyaara attamiin akka qubachiisan homaa hin beeku. Maal akka godhamus kanan beeku hin jiru.''
Roobarti Morgaan Buufata Xiyyaara Idil-Addunyaa Paalm Biichiitti to'ataan tiraafikaa, wahiilli isaa waa'ee taatee kanaan yoo itti himeetti inni boqonnaarra ture.
To'annoo tiraafika qilleensaatiin waggoota 20 oliif balaliinsa kan barsiisee, Obbo Morgaan gonkumaa gosa xiyyaara kanaa -Cessna 208 kan motara baaqqee qonkumaa balaliisee hin beeku.
Garuu maappii to'annoo xiyyaarittii fayyadamuun nama balaliisuuf qajeelfama kennuu ni danda'a.
''Xiyyaarattiin akkuma kaanii akka balaliitu nan beeka. Namticha tasgabbeesuu akkan qabu beeka. Achiinis karaa ittiin qubatuutti kallatteessuun akka humna hir'isuun gara lafaatti bu'uu eegaluuf ajaja kenneef,'' jedhe Moorgaan wayita TV WPBF'tti himaniitti.
Waraabbii sagalee keessattis Moorgaan wayita namichaan ''kan ittiin to'atan irratti gadi dhiibiitii baay'ee suuta gadi bu'aa koottu'' jechuun haala ittiin qubatu yeroo hubachiisan dhagahama.
''Osoon ani hin beekiin duras, 'Ani lafa hin turre. Waan kana attamiinan dhaamsa?''' jechuun akka yaade ture kaasa.
Boodas Moorgaaniifi imalaan erga qubatee booda wal arguun wal haammatanii waliin suuraa ka'an. Garuu gammachu isaa keessatti Mr Morgaan yoo maqaa namtichaa kaasuu gonkumaa hin dhagahmne.
Maqaan namtichaa warraabbii sagalee keessattis hin dhagahamne.
''Akkan waan iyyuuf deemuu natti dhagahamaa ture sababiin baay'ee yaadda'ee turef'' jedhee Moorgaan yoo CNN'tti himeetti.
"Yeroo baay'ee dhiphinaa ture. Innis haadha warraa isaa ulfaa bira mana gahuu qofaan barbaada jedhe... Sanuma illeen wayya ture.''
"Akka ilaalchi kootti, goota ture inni. Ani ammoo hojiidhuma kootiin hojjadhe.''
Erga xiyyaarichi qubateen booda Morgaan wayita imalaa bakka paayilatii ta'uun xiyyaaricha qubachiisee yoo akka gootaatti leellisuu dhagahama.
''Yoo imaltoonni xiyyaara qubachiisan kunoo agartee jirta'' jechuun paayilatii biraa ka'uuf turetti dubbate.
''Imaltoonni xiyyaara yoo qubachiisan agartee beektaa?'' jedhee deebisee gaafata paayilatichi. ''Yaa Rabbii, hojii dinqiidha.''
Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa xiyyaarichi bulchiinsa Konnektikattitti nama dhuunfaan kan galmaa'e akka ta'e ibsan.
Xiyyaarichi sa'aatii tokkoon dura Maarsh Harboor kan Baahaamaas keessa akka ka'e galmee hordoffii balaliinsa irraa hubatameera.
Paayilatichis garee baraartoota Kaawuntii Paalm Biichitiin gara hospitaalaatti geeffameera. Haata'u malee, haalli paayilatichi irratti argamuufi maqaansaa ifa hin taasifamne.