Israa'el: Suuraan imaltootatti ergame xiyyaarri Turkii ka'uuf ture balalii akka adda kutu dirqe

Xiyyaarri Turkii imaltoota 160 qabatee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarri Turkii imaltoota 160 qabatee ture
    • Barreessaa, Raffi Berg
    • Gahee, BBC News
  • Maxxanfame

Erga imaltoonni mobaayilii isaanii gubbaa suuraalee xiyyaarri caccabuu itti ergamee booda balaliisaan Turkii buufata xiyyaaraa Israa'elitti samiitti ol ka'uf jedhee ture haqe.

Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Israa'el taateen kuni kan mudate yeroo xiyyaarichi balalii eegaluuf suuta daandii bal'aa gubbaa lafarra socho'uu eegaleettidha.

Achiis imaltoonniifi hojjeettonni AnadoluJet Boeing 73 jedhamu bu'anii shaanxaawwan irra deebiin sakatta'amani.

Dargaggoonni Israa'el hedduu shakkiin adda baafamanii qoratamaniiru. Eega hunduu qoratamee booda garuu sa'aatii shan booda xiyyaarichi balali'e.

Xiyyaarri Turkii AnadoluJet Boeing 737, kan imaltoota 160 qabatee ture yeroo ka'uuf turetti ture imaltoonni suuraan isaan dhaqqabuu hojjettoota xiyyaarichaatti kan himan.

Balaliisaan xiyyaarichaa itti himamee tarminaalatti deebi'uu murteesse.

Maddi oduu Hebrew Ynet jedhamu suuraaleen kuni karaa AirDrop jedhamuufi fayyadamtoonni mobaayilii Apple yeroo gabaabaa keessatti daataa walii qooddachuu danda'aniin dabarfame.

Suuraaleen hunduu iPhone irratti ergame jedha gabaasichi.

Suuraan qoodame kuni suuraa xiyyaara Turkii balaa bara 2009'tti Nezarlaanditti mudateefi bara 2013'tti Ameerikaatti mudaterraa kan qoodame akka ta'e maddi oduu kuni himeera.

Yeroos imaltoonni xiyyaara sakatta'ame akka seenan yookiin Israa'el keessa akka turan itti himame.

Taateen kuni yaaddoon biraa dhihoo dhagahame booda dhagahame.

Kunis buufata xiyyaaraa Ben Gurion jedhamutti lammiileen US meeshaa waraanaa akka meeshaa faayaatti qabatanii galuuf turan hojjettoota xiyyaarichaa rifaasisee ture.

Naasuudhaan namoonni yoo baqatan, tokkommoo osoo baqatuu kufee miidhamee hospitaala seenee ture.