Oolmaa hospitaala Kotobee, dhibamtoota Covid dhalattuu hanga ganna 114 wal’aane

Maxxanfame

Waggootii lamaan darbaniif addunyaa guutuu weeraruun lubbuu namoota miiliyoona 15 ta’an kan galaafate weerarri koronaavaayirasii yeroo jalqabe keessa hojii kan eegale Hospitaalli Ekkaa Kotobee, ochii weeraricha to’achuu keessa bakka ijoo qaba.

Maalummaa fi haala weerarichaa irratti odeeeffannoon ifa ta’e yeroo hin jirretti, dhibamtoota kumaatamaan lakkaa’aman simate kan tajaajilaa ture hospitaalli kun, Kamisa darbe dhukubsataa tokkicha wal’aansa fudhachaa argachaa turan nagaa gara manaatti erguun yeroo jalqabaaf hospitaalicha keessa dhibamaan koronaavayirasii akka hin jirre beeksiseera.

Hoogganaan hospitaala Ekkaa Kotobee, Dr Yaared Aggidoo akka BBC’tti himanitti, dhibamaan kun bayyaanatanii gara mana isaanitti waan deebi’aniif, waggootii lamaan darbaniif wiirtuu wal’aansa Covid-19 biyyatti ta’ee taajajila kan keennaa ture hospitaalichi yeroo jalqabaaf dhukkubsattoota malee oolee buleera.

Hopitaalichi weerarri koronaavayirasii Itoophiyaa seenuu isaa irraa eegalee, dhukkubsattoota Covid sadarkaa kamirra jiraaniif wal’aansa isaan barbaachisu kennuun tajaajilaa tureera.

Dambaliiwwan weerara Covid-19 yeroo afuriif biyyatti keesatti umaman keessatti, waggootii lamaan darbaniif dhukkubsataan tokkoyyuu utuu hin jiraatin yeroon itti darbame akka hin turre Dr Yaared himaniiru.

Weerara afraffaa irratti dhibamtoota simatee wal’aansa keennaa ture keessa tokko kan turan oggeessi fayyaa dhibee kanaan hubaman wal’aansa argatanii waan bayyaanataniif Kamisa Bitootessa 27/2014 hospitaalicha irrraa gaggeefamaniiru.

Kanaanis hospitaalichi yeroo jalqabaf dhukkubsataa wal’aansi isa barbaachisu tokkoyyuu utuu hin qabaatiin sa’aatii 24 dabarseera.

''Wal’aansa isaa milkaa’inaan xumuree namni gaggeefame kun, weerara dhibee kanaa marsaa afraffaan dhukubsataa isa dhumaa hospitalaa kana ba’u ta’a jennee abdanna,'' jechuun Dr Yaareed hawwii isaanii BBC’tti himaniiru.

Bitootessa 04/2012 A.L.I irratti Covid-19 Itoophiyaa keessatti argamuun isaa yeroo mirkanaa’e, dhukkubsataa lammii Jappaan isa jalqabaa simachuun hojii kan eegale hospitaalli kun, waggootii lamaaf tajaajila utuu addaan hin kutuun ture, dhibamaan maqaan isaani hin ibsamne ammaaf dhukkubsataa isa dhumaa jedhamanuu danda’aan, wal’aanee gaggeessuu danda’eera.

Waggootii lama keessatti hospitaalichi dhibamtoota koronaavaayirasii 6546 kan tajaajile yoo ta’u, kanneen keessaa %86 kan ta’an wal’aansa argataniin bayyaannatanii ba’uu isaanii Dr Yaared ibsaniiru.

Dhibamtoota hospitaalicha seenan %13 ykn namootni 800 ol ta’an ammo sababa dhibee kanaan lubbuun isaani darbeera.

Hospitaalli Ekkaa Kotobee waggootii lamaan tajaajila kenne keessatti, weerarri kun oggeesota fayyaa irratti dhiibbaa adda addaa uumee akka ture kan himan Dr Yaared, ''keessuma yeroo jalqabaarra, maalummaa dhukkubichaa irratti odeeffannoon ifaa ta’e muraasaa waan tureef oggeessotni fayyaa dhibbaa xiinsammuu guddaa isaaniratti uumeera,'' jedhaniiru.

Ta’us garuu oggeessoti fayyaa kun waadaa isaanii eeguun biyyaa isaanii fi uummata isaani dursuun, yeroo sodaachiisaa fi rakkisaa sanatti waggootii lamaan darbaniif utuu addaan hin kutuun itti gaafatamummaa isaanii ba’uu danda’aniiru.

Keessumaa lakkoofsi namoota dhibee kanaan hubamanii dabalaa, dhibamtoonni baayyinaan gara hospitaalichaa dhufuu yeroo eegalanitti, kanneen maashinii aafuuraa baafachuuf gargaaru isaan barbaachisuu fi kanneen wal’aansa addaa isaan barbaachisuu dabaluun isaanii hospitaalicha irratti dhibbaa guddaa uumee ture.

Dabalataanis, oggeessota hospitaalichaa wal’aansota biroo kennaan keessa kanneen dhibee kanaan hubaman waan turaniif, itti gaafatamumaa fi hojii guddaa oggeessotni qaban yemmuu hir’atan, yeroo itti hanqinni humna namaa isaan quunname akka ture Dr Yaared ibsaniiru.

Oggeessota kunneen keessaa irra daddeebiin dhibee kanaan kan hubaman jiraatanis, hojjetaan hospitaalichaa lubbuun isaani darbe hin jiranu.

Wiirtuu wal’aansa Covid-19 isa jalqabaa kan ta’e hospitaalli Ekkaa Kotobee, weerarichi uumamuu irraa eegalee hubamtoota dhibichaa kanneen wal’aansi isaan barbaachisuu tajaajilaa kennaa tureera.

Dabalataanis kanneen koronaavayirasiin hubamanii, dhibee dabalataa waan qabataniif hordoffii ogeessaa addaa kanneen isaan barbaachisu, dubartoota ulfaa fi kanneen da’umsarra ga’an dabalatee weerara kanaan wal qabatee wal’aansota adda addaa hedduu kennaa tureera.

Waggotii lamaan darbaaniif hospitaalichatti dhibamtoonni wal’aansa argatanii fayyaan namoota umurii adda addaa keessa jiranidha.

Daa’imman hospitaalichatti dhalatani umurii guyyaa tokkitti ta’an irraa eegalee hanga maanguddoota umurii ganna 114 dhibee kanaan hubamanii hospitaalichi tajaajileera.

Daa’immaan umurii ji’a tokkoo gadii dhibee kanaan hubamuun hospitaalicha seenan hundi bayyaannatanii akka ba’an Dr Yaared BBC’f ibsaniiru.

Waggootii lama keessatti taateewwan gaarii fi gaddaa hospitaalicha keessatti akka uumaman ibsuun, taateewwan hospitaalichaa kunneenii fi seenaawwan himaman biro kitaabaan dhiyeessuuf yaada akka qaban Dr Yaared dubbataniiru.

Itoophiyaa keessatti hanga ammatti namootni kuma 470 ol koronaavayirasiin hubamanii , namootni 7500 ol ammo dhibee kanaan lubbuun isaani akka darbe odeeffannoon ministeera fayyaa biyyatti ni ibsa.