Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
BioNTech laabraatooriiwwan konteenara keessatti talaallii Covid omishan Afrikaatti erguuf
- Barreessaa, Jeenii Hiil
- Gahee, BBC News Marbaargi, Jarman
- Maxxanfame
Kaampaniin Jarman talaallii Covid-19 omishu, BioNTech, laabraatooriiwwan konteenara keessatti talaallii Covid omishan Afrikaatti erguun omishni talaallichaa Afrikaatti akka babal'atu gochuuf.
Kaampaniin talaallii MRNA isa jalqabaa omishe kun konteenara keessatti laabraatorii talaallicha omishu kalaqeera. Kuniis biyyoota birootti ergamuu danda'a.
Konteenaroonni kunniin gara biyyoota kaaniittis erga dabarfamanii booda saayintistootniifi hojjettootni biroon waggaatti talaallicha doozii miiliyoona hedduu omishu jedhameera. Kun ammoo wal-hanqattee dhiyeessii talaallii kanaarratti mudate furuuf gargaara jedhame.
Dhiyeessiin wayyaa'aa jiraatus, hanga ammaatti Afrikaa keessaa uummata %11 talaallicha marsaa lamaan fudhachuu danda'e.
Akka aardiitti yoo ilaalli kan Afrikaatiin gad uummata talaalame qabu hin jiru. Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Afrikaan ammallee dhiyeessii talaallichaa wayyeessuuf waldhaansoorra jirti jedha.
Pireezidantootni Ruwaandaa, Gaanaa fi Senegaal piroojektii warra Jarman kanaarraa fedha qabaachuu kan ibsan yoo ta'u, Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi Gamtaa Afrikaa waliin ta'uun gidduugala BioNTech kan Jarman Marbarg jirutti argamuun waayee Konteenarichaafi fi rakkoowwan inni qabaachuu malu irratti mariyataniiru.
Konteenaroonni abbaa darbii lamaa qofti waggaatti doozii miiliyoona 50 omishuu danda'uu jedhu saayintiistotni.
BioNTech konteenaroota kana, galteewwan omisha talaallichaafi oogummaa hojichaaf barbaachisu tola kennuuf yaada qaba.
Biyyootni teeknoolojii kana simatan ammoo lafa omishaa, buu'uura misoomaa akka bishaan humna ibsaa fi namoota konteenaricha keessatti hojjetan dhiyeessu jedhame.
Hojiin omishaa inni xumuraas Afrikaadhuma keessatti raawwatame jedhamee yaadame.
Talaalliin adeemsa kanaan omishamu biyya itti omishamee keessatti fayidaarra kan oolu yoo ta'u tarii ammoo biyya miseensa Gamtaa Afrikaa biroof gatii irraa buufachuuf hin taanen dhiyaata jedhame.
Hoji Gaggeessaa olaanaan BioNTech Seerk Pootiing sagantaan kun rakasa miti waayee miiliyoonataan waan lakkaa'amuu haasofna. Balaa qabu fudhanneeti maallaqa kan itti baasne. Kan kan kalaqne balaa inni qabu fudhanneeti. Galmi keenya Afrikaaf dhiyeessuufi'' jedhan.
Sagantaa kanaan talaalliin inni jalqabaa bara 2024'tti Ruwaandaa, Senegaal ykn Afrikaa Kibbaatti omishamaa jedhamee eegama.
Gamtaan Awurooppaa gama isaan sagantaa kana jalatti ogeeyyii leenjisuun akka gargaaruufi Afrikaan waayee talaallii haasa'uurraa gara talaalamuu haasa'uutti akka ceetu akka hojjetu ibse.
Dr Poottiing kan yaada konteenara keessatti omishuu kan maddisiisan yaadni isaanii guddaadha.
Konteenarri kun biyya kamittuu ergamee kan hojjetu ta'us amma Afrikaatti kan hojiirra oluufi farra busaafis akka ta'u dubbatu.
Weerarri biraan yoo dhalatee adeemsi isaa maal akka fakkaatu waan argineef biyyootni ofiin akka talaallii omishatan hiree uuma jedhan.