Ameerikaa: Waayit Haawus dubbii himtuu gurraattii yeroo jalqabaaf muude

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidant Joo Baayidan pirees sekireetarii dubartii gurraattii fi jaalattuu saala wal-fakkaataa jalaqabaa Kaariin Jiin-Piiyer muudan.
Kaariin nama ganna 44 yoo taatu, erga Baayidan aangootti dhufanii pirees sekreetarii itti-aantuu tahuun tajaajilaa turte.
Dhuma torbee dhufaa irratti, pirees sekreetarii duraanii Jeen Saakii bakka bu’uun hojii jalqabdi jechuu dha.
Pirees sekreetaroonni gaazexeessitoota Waayit Haawusiif guyyaa guyyaan ibsa kennu, kana jechuun gaheen hojii kuni xiyyeeffannoo uummataa guddaa kan qabaatu taha.
Kaariin, ''kuni yeroo seen-qabeessa dha, hawaasa ani keessatti guddadheef immoo hiika guddaa qaba.
''Kanaaf wal-tajjii kana duuba akkan dhaabbadhuuf gatiin muudameef kabajni natti dhagahama, bulchiinsa pireezidantii kana bakka bu'uuf hamma dandeettii koo nan hojjedha, ummata Ameerikaas nan boonsa jedheen amana.'' jette.
Dubbii himtuun duraanii Saakiin miidiyaa MSNBC jedhamutti hojii haaraa jalqabuuf jirti.
Tiwiitar irrattis dubartii ishee bakka bu’uuf jirtu kana, ‘’dubartii jabduu, simboofi hojii bareedaa isheen dalaguuf jirtu hammaan argutti hin obsu,’’ jechuun dubartii haaraa muudamte leellisteetti.
Xiinxala - Rippoortara Kaaba Ameerikaa Antoonii Zarchariin
Pirees sekireetariin Waayit Haawus fuula bulchiinsa pireezidantii aangoo irra jiruuti. Kan miidiyaa biyya keessaa, darbees kan biyyaafi addunyaa hafaniiti.
Namni gahee hojii kanarra jiru rakkoon biyyaalessaa ykn gochi siyaasaa naamuusaan ala tahe raawwatu kan uummatatti as bahee ibsa kennu taha.
Seenaa Ameerikaa keessatti yeroo jalqabaaf fuulli bulchiinsa kanaa dubartii gurraattiifi kan ifatti jaalattuu saal-walfakkaataa tahuu himattu ta’aa jechuu dha.
Dubartii gurraattii yeroo jalqabaaf aangoo kanarra kaa’uun bulchiinsa Baayidan dubartoota gurraacha baayyee filatu garuummoo aangoowwan badaa hin mul’annerra kaa’uuf kuni tarkaanfii guddaa dha.
Pirees sekireetariin dhimma imaammataa irratti hojjechuu baatanillee, ilaalcha uummatni bulchiinsa sanaaf qabu bocuu irratti gargaaruu danda’u.
Kaariin hojii kutannoo barbaadutu ishee eeggata jechuu dha.














