Doorotii Batilar Giiliyaam: 'Ani rippoortara malee, hojjettuu manaa miti'

Dorothy working at the Washington Post

Madda suuraa, Harry Naltchayan, Washington Post

Maxxanfame

Doorotii Batilar Giiliyaam gaazexeessituu dubartii gurraattii ta'uun gaazexaa beekamaa US irratti hojii kan eegalte, hawaasa bifaan qoqqoodame keessatti ture. Gaazexeessituun kun addunyaa dhiirota adii keessatti, dubartii gurraattii ta'uun dhiibbaa akkamii akka irratti uume BBC'tti himteetti.

Gaaf kaan magaalaa Waashiingitan keessa sirna wahiitu ture. Doorotii Batilar Giiliyaam sirna kana akka gabaastu ergamte.

Sirnichi kabaja guyyaa dhaloota 100ffaa dubartii sooretti Washiingitan tokkoo ture. Doorotiin wayita karrarra geessu, namichi karra eegu, karaan hojjettoonni manaa seenan karaa boroo akka ta'e itti hime.

"Ani hojjettuu manaa miti, rippoortara gaazexaa 'Washington Post' malee," jechuun deebifteef.

Doorotiin dubartii Afrikaa-Ameerikaa gaazexaarratti gabaastuu taate kan jalqabaati. Bara 1961 eegaltee waggoota 30 oliif hanga gulaaltuu ta'uutti hojjetteetti.

Doorotiin gaazexeessummaatti kan seente tasa wayita barattuu ganna duraa kolleejii turtee fi gaazexaa gurraachotaa torbanitti bahuuf barreessituu waajjiraa taatee dalagaa turtetti.

Guyyaa tokko akka tasaa gazexeessaan tokko waan dhukkubsateef, bakka isaa buutee akka gabaastu gaafatamte. Kuni magaalaa Keentakiitti.

"Muuxannoo ija kiyya naaf bane ture. Gaazexeessummaan yoon baradhe, yoon akka itti sirnaan hojjetan baradhe, ogummaa carraa addunyaatti bahuu naaf banu akka ta'en arge," jetti.

Kolleejjii booda gaazexaa warra gurraachaa 'Jet' fi 'Ebony' jedhamaniif hojjechuu itti fufte, garuu abjuun ishii kutaa oduu guyyuurraa hojjechuu ture.

Booda Yuunivarsiitii Kolombiyaa kan Niwu Yoorki keessatti argamu seentee gaazexeessummaa barachuuf hiree argatte. Barattuun Afrikaa-Ameerikaa ykn gurraachi ishii qofa ture.

Erga yuunivarsitii irraa eebbifamtee umurii ganna 24'tti 'Washington Post' carraa hojii kenneef.

Doorotii Batilar Giiliyaam bara 1958 wayita gaazexaa Jet jedhamuuf hojjetaa turte - Chikaagootti

Madda suuraa, Dorothy Butler Gilliam

Ibsa waa'ee suuraa, Doorotii Batilar Giiliyaam bara 1958 wayita gaazexaa Jet jedhamuuf hojjetaa turte - Chikaagootti

Dubartii gurraattii jalqabaa gaazexaa 'Washington Post' ta'uun daran cimaa fi danqaawwan hedduu kan qabu akka ture himti.

Taaksiin ishiif hin dhaabbatu ture. "Buufata taaksii dhaabbadhee, saffisa isaanii xiqqeessanii erga na bira gahanii booda fuula koo wayita argan, saffisa itti dabalanii na bira kutu."

Akka waardiyyaa mana dubartii soorettii sanaa namoonni hedduun rippoortara ta'uu ishee hin amanan ture.

Bakkuma hojii isheettuu sababa bifa ishiitiin loogiin adda addaa irra gahaa akka ture himti.

"Gulaaltonni tokko tokko turan, 'du'a gurraachaa hin gabaafnu, sababni isaas duuti akkasii du'a rakasa' warra jedhantu turan," jetti Dorotiin.

Iyyitee achii fiigdee baduu akka kajeeltuu fi garuu ammoo ilaalchonni akkanaa kan jijjiiraman yoo ishiin achi hojjette qofa akka ta'e of amansiiftee itti fufuu himti.

Loogii irra gahaa tureen hedduu qoramaa akka turte kan himtu Doorotiin, amantiin Kiristaanummaa hordoftuu hedduu akka ishee gargaare himti.

"Kutaa Oduu keessa namootni tokko tokko heloo naan jedhu ykn mataa sochoosuun na dubbisu, kan na dubbisanis jiru. Bakka hojiin alatti yoo na argan garuu akka nama na hin beekneetti na bira kutu. Sun waan baay'ee nama salphisudha. Namoota adii biroo biratti, nama gurraacha waliin akka wal beekan akka irratti baramu hin fedhan."

Loogii irra gahaa ture kana garuu Doorotiin gulaaltota ishee waliin hin dubbattu turte. Sababni isaa ammoo irra deddeebiin komii yoo dhiyeessite nama gurraacha biraa qacaruu diduu laata jetteeti.

Bara 1960moota keessa laaqana argachuufillee rakkachaa akka turte himti.

Kutaa biyyaa isheen turte keessa warri adii fi gurraachaa jidduu wal-qoodinsa hamaatu ture. Seeronni bahanii, namoonni gurraachonni filachuu hin danda'an, hireen barnootaa fi hojii isaanii kan daangeffame ture akkasumas kabajaan namoomaa bu'uuraa isaanii mulqamees ture.

Doorotii Batilar Giiliyaam bara 1954 wayita gaazexaa gurraachotaa 'Louisville Defender' jedhamuuf hojjetaa turte

Madda suuraa, Dorothy Butler Gilliam

Ibsa waa'ee suuraa, Doorotii Batilar Giiliyaam bara 1954 wayita gaazexaa gurraachotaa 'Louisville Defender' jedhamuuf hojjetaa turte

Manneen nyaataa waajjira Washington Post'tti dhiyoo turan gurraachota hin keessummeessan turan. Laaqana argachuuf lafa fagoo deemti turte Doorotiin.

Boodarra odeessawwan namootni gurraachi nama guutuu akka ta'an mul'isu hojjechuurratti fuulleffachuu himti.

Odeessawwan namoota adiin waa'ee warra gurraachaa barreeffaman yoo dubbistu, namoota gurraacha akka sodaatootti kan mul'isu ture jetti. Dhugaan garuu akkas miti jechuun dubbatti.

Warraaqsawwan gurraachota gara garaa gabaasuuf hiree argachuu kan himtu Doorotiin, hoteela warra adii buluu dhorkamtee kutaa reeffaa keessa buluuf dirqamtee akka turtellee dubbatti.

Dorothy Butler Gilliam today

Madda suuraa, Dorothy Butler Gilliam

Doorotiin walakkeessa 1960mootaa keessa daa'imman sadi erga godhattee booda 'Washignton Post' gadi dhiistee, bara 1972 gulaaltuu gargaartuu ta'uun deebitee qacaramte.

Yeroo kanatti Doorotiin sadarkaa gaazexeessitoota waa'ee gurraachota barreessan qacaruu dandeessurra turte.

Bara 1979 'Washington Post' irratti fuula (column) mataa isheen dhimmoota barnootaa, siyaasa, sanyii fi kaan irratti barreessuu eegalte. Hanga bara 2003 fedha isheen gadi dhiiftuttis waggoota 19'f hojjetteetti.

Turtii ganna 50 ogummaa gaazexeessummaatiin Doorotiin heddummina faarsaa fi jajjabeessaa turte. Dura-teessuu Waldaa gaazexeessitoota gurraachotaa akkasumas Inistiitiyuutii gaazexeessummaa Roobart Sii Maayinaard hundeessituu fi miseensa boordiiti.

Dhaabbatni kun namoota sanyii warra bicuu (racial minorities) irraa ta'an kumaatama gaazexeessummaa barsiiseera.

"Odeessa tokko ija garee tokkoo qofaan himta yoo ta'e, odeessicha dhugummaan ykn ammoo guutummaan himuu hin dandeessu," jetti.

"Namoota addunyaa ija adda addaan ilaalan ykn akka adda addaatti hubatan hin qabdu taanaan, maaltu ta'aa akka jiru guutummaatti hubachuu hin dandeessu."

Doorotii Batilar Giiliyam barreessituu kitaaba 'Trailblazer, A Pioneering Journalist's fight to make the media look more like America' jedhuuti. Kitaabichi qabsoo gaazexeessitootni miidiyaan Ameerikaa biyyattii akka fakkaatu taasisan irratti fuulleffata.