Pool Ruusesabagina: Maatiin gooticha Hoteela Ruwaandaa himata $400m UStti banan

Madda suuraa, Getty Images
Maatiin Pool Ruusesabagina, abbaa fiilmii 'Hoteela Ruwaandaa' kan badhaasa Oskaariif filamee, butamuu fi dararaa mootummaan Ruwaandaa isa irraan gahe jedhaniif UStti himannaa doolaara miliyoona 400 tahu banan.
Bara darbe himnnaa shororkeessummaa mootummaan Ruwaandaa irratti baneen hidhaa waggaa 25 irratti murtaa'unsaa ni yaadatama.
Deeggartoonni isaa murtii kana waan nama qaanessu jechuun morman.
Bara 1994 yeroo haleellaan duguuggaa sanyii Ruwaandaa keessatti gaggeeffame lubbuu namoota 1,200 du'a irraa oolcheera jedhamuun beekamtii argateera.
Ibsicha keessatti, maatiin Pool Ruusesabagina mootummaa Ruwaandaa fi qondaalota olaanoon shira kana xaxuun Pool Ruusesabagina mana isaa Saan Antooniyoo, US irraa gara Ruwaandaatti akka galfamuuf ''haala mijeessaniifi ukkaamsisan'' jechuun himatan.
Ruwaandaatti Pool Ruusesabaginaaan ''dararamaa fi umurii isaa guutuu seeraan ala hidhamaa jira'' jedhan.
Beenyaan akka kaffalamuuf ittiin himatan dolaara miliyoona 400 tahu kun hammuma hidhaan isaa itti fufu guyyaadhaan dabalaa akka deemu eera ibsichi.
Himanni kun Waashingitan DCtti kan baname yoo tahu, Pool Ruusesabagina mootummaa Ruwaandaa keessatti tajaajilaa turuu eereera. Mootummaan biyyichaa garuu himata kana irratti ifatti deebiin kennes gaaffii BBC'n dhiyeessefis deebiin kenne hin jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaan duguuggaa sanyii Ruwaandaa guyyoota 100 keessatti Eebla 1994 irraa eegaluun raawwate lubbuu namoota 800,000 galaafate.
Irra caalaan isaanii gosa Tuutis irraa yoo tahu, shororkeesitoota Huutuu irraa tahantu haleellicha isaan irrati raawwate.
Pool Ruusesabagina-yeroo sana manaajera hoteelaa tahuun tajaajilaa ture. Namoota 1,200 tahan haleellicha irraa ittisuun lubbuudhaan oolcheera.
Namootni kunneenis hoteelicha keessa dhokatanii ture. Fiilmiin Hooliiwuud 'Hotel Rwanda' jedhamu bara 2004 keessa kan hojjetame yoo tahu, namni Doon Chiidil jedhamu akka taatoo Pool Ruusesabaginatti hojjette.
Waggaa isaatti Medaaliyaa Bilisummaa Pirezidaantii yeroo sana pirezidaantii US kan turan Joorji W Buush harkaa fudhateera.
Garuu imalli Pool Ruusesabagina deeggarsa namoomaa beekamaa irraa hanga diina Ruwaandaa tahuutti isa geesise yakka duguuggaa sanyii booda bulchiinsa mootummaa Ruwaandaa kan Pool Kaagaamee qeequun hordoftoota hedduu argachuu isaa hordofeeti.
Bara 2018 Pool Ruusesabagina jijjiirraan mootummaa biyyattiitti akak dhufuuf waamicha dabarse. ''Ruwaandaatti tooftaa barbaachisu kamiyyuu fayyadamuun jijjiirama fiduuf yeroon isaa amma gaheera'' jedhee ture.
Pool Ruusesabagina bara 2020 keessa akka deeggartootni isaa jedhanitti, xiyyaara dhuunfaan gara Burundii deemaa osoo jiruu xiyyaarittiin Ruwaandaatti yeroo isa buuste to'atame.
Finciltoota Ruwaandaa keessatti bara 2018 fi 2019 keessa haleellaa raawwachuun lubbuu hedduu galaafatan deeggara jedhamuun himatamee balleessaan irratti murame.
Ameerikaan himannaa isa irratti dhiyaateen yaaddahuu ibsitee ture.















