Kane Tanaka: Dubartiin addunyaa kanarra hunda caalaa umurii dheeraa jiraatte jedhamte du'aan boqotte

Madda suuraa, Reuters
Addunyaa kanarratti umuriidhaan hunda caalti kan jedhamtu dubartiin Jaappaan, Kaanee Tanaakaa umriishee ganna 119tti du'aan addunyaa kanarraa boqotte.
Aadde Tanaakaan kan dhalatte bara 1903 keessa ture. Kun ammoo dubartiin kun akkoofi akaakileerra darbee abaabilee hedduu arguu dandeesseetti jechuudha.
Barri isheen dhalatte kun waraana Aduwaa waggaa 7 booda akka jechuuti.
Aadde Tanaakaan umuriin ishee saayinsaawaan kan mirkanaa'e yommuu ta'u, addunyaa irratti namni umurii hanga ishee qabu akka hin jirre galmeen mirkanaa'eeraaf ture.
Dubartiin kun dhalattee waggaa 119 irratti du'aan boqotte.
Aadde Tanaakaan ijoollee afur deesseetti.
Dubartiin umurii dheeraa jiraatte kun umurii ishee gara dhumaa wiirtuu maanguddootaa Jappaan keessatti yoo ta'u, geemiiwwan boordii taphachaa, chokolaataa ammoo nyaachuun yeroo ishee gara caalu dabarsaa turte jedhameera.
Amma du'a Tanaakaa kana booda addunyaa irratti namni umurii dheeraan beekamtu Ruusiil Raandoon kan jedhamtu ta'a jechuudha.
Raandon monoksee lammii Firaans yoo taatu, umuriin ishee amma waggaa 118 qaqqabeera. Kana jechuun umurii Tanaakaan itti duute waggaa tokko qofa hanqatti jechuudha.
Lammii Firaans kan taate Raandon kan dhalatte Tewodoor Ruuzvelt pirezidantii Ameerikaa yeroo turettidha.
Yeroo Raandon dhalattutti Ediwaard 7ffaan ammoo mootii warra Ingiliiz ture.
Seenaa biraan yeroo yaadatamu ammoo ijoolleen obbolaa lamaan (Raayit Biraazers) jedhaman bara xiyyaara hojjechuu itti yaalan jechuudha.
Dorgommiin bishkileetii beekemaa Tuur de Firaans jedhamus baruma Raandon dhalatte kana keessa jalqabame.
Lammii Jaappaan kan taate Aadde Tanaakaan maatii ijoollee sagal qaban keessaa 7ffaa turte.
Tanaakaan gaae'la kan ijaarratte ammoo yeroo umuriin ishee waggaa 19 jiru akka ture dubbattee turte.
Dubartiin Jappaan jaarraa tokkoofi saddeeta lamaa ol jiraattee boqotte kun abbaa warraa ishee yeroo jalqabaatiif kan argite gaafa cidhaa isheerratti ta'uu seenaan ishee ni mul'isa.
Abbaan warraa Tanakaan ammoo waraana Jappaan Siinoo jedhamu irratti wareegameera. Ilmi ishee ammoo Waraana Addunyaa II irratti hirmaateera.
Aadde Tanaakaan Olompika Tookiyoo ji'ootaan dura gaggeeffame irratti chubboo akka qabsiisan filatamanii kan turan ta'ullee sababa Covid-19 irraa kan ka'e kana osoo hin godhiin hafteetti.
Bara 2019 Aadde Tanaakaan haasaan saganataa addunyaa irratti nama umurii dheeraa qabaachuun mirkanaa'eef ta'uuf qophaa'erratti taasifteen, yeroo kamiyyuu caalaa gammadduu akka taate himteetti.
Haata'u malee, umurii dheeraa jiraachuun hanga ammaatti lammii Firaans Jeen Liwuus Kaalmentiin kan gitu hin jiru jedhama.
Dubartiin Firaans kun du'aan kan boqotte bara 1997 keessa ture. Haata'u malee, addunyaa kanarra kan turte waggaa 122 fi guyyoota 64 ture.
Jaappaan biyya namoonni umurii dheeraa jiraatan hedduun keessa jiraatanidha. Yeroo ammaa ummata Jaappaan keessaa nuusa kan ta'u umuriin isaa waggaa 65 olidha.
Jappaanonni uummata biraarraa haala adda ta'een umurii dheeraa jiraatu jedhamaniif sababoota ka'an keessaa: haala nyaata isaanii, tajaajila fayyaa fi dulluma keessattilee hojii itti fufuun ni eeramu.
















