MM Awustiraaliyaa daa’ima qaama miidhamaa waanan hin qabneef ‘eebbifamaadha’ jechuu isaaniin qeeqamaa jiru

Scott Morrison speaks while looking at Anthony Albanese

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Scott Morrison dubbii kana kan taasisan magaalaa Birisbanitti ture
Maxxanfame

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Iskoot Mooriisan ijoollee qaama miidhamoo tahan gatiin hin qabneef ‘eebbifamaa dha’ jechuu isaaniin qeeqamaa jiru.

Obbo Mooriisan kana kan dubbatan falmii filannoo Awustiraaliyaa dhufaa jiruuf taasifamurratti, haati ilma rakkoo guddina sammuu qabu qabdu, erga gaaffii gaafatteen boodadha.

Miseensonni paarlaamaa paartii mormituu waan ministirri muummee jedhan nama aarsa jechuun, ‘’daa’imman hunduu eebbadha’’ jedhan.

Miseensonni paarlaamaa mootummaa bakka bu’an ammoo, qeeqa keessatti hiikni dubbii isaan jedhanii jallateera jedhan.

Ministirri mummee kuni paartii mormituu waliin yeroo falmii taasisaa turanitti, dubartiin Kaatriin jedhamtu sagantaa deeggarsa qaama miidhamtootaaf qarshiin hangamii akka ramadame gaafatte.

''Ilma koof egeree bareedaa tahe akkan kennuuf natti himameera gatii taheef paartii mormituu (Labor party) filachuun barbaada. Mootummaan keessan egeree Sagantaa Inshuraansii Qaama Miidhamtoota Biyyaalessaaf, maal akka yaade natti himuu dandeessu?’’ jette.

Ministirri mummee maqaa mucaa Kaatriin gaafachuun eegalan, Etaan jedhama erga jetteen booda, Moorisan, ‘’Anaafi haati warraa koo Jeenii, ijoollee lama kan rakkoo akkasii keessa hin darbine qabaachuun eebbifamneerra,’’ jedhan.

‘’Kanaaf maatii ijoollee qaama miidhamaa qabaniif, ijoollee isaaniif maal akka barbaaduu danda’an hubachuuf qofadha kanin danda’u,’’ jedhan.

Achii sagantaan mootummaa akkatti qaama miidhamtoota gargaare odeessuutti ka’an, ‘’jireenya isa gaarii akka jiraataniifi gargaarreerra, garuu ammas waan sirratu jiraachuu mala,’’ jedhan.

Haa tahu malee akkaataan isaan jecha ‘’eebbfamneerra’’ jedhu fayyadaman qeeqa kaaseera. Senaatarri paartii mormituu Keetii Goolaar, daa’ima rakkoo guddina sammuu qabdu, qabdi, ‘’yeroo hunda deebii akkasii arganna,’’ jette.

‘’Daa’imni keenya yeroo hunda jireenya koofi abbaa warraa koo lalisiisti,’’ jette.

Senaatarri wiilcheerii fayyadamtu biraan immoo, ’’mootummaan kuni akkaataa ittiin qaama miidhamtoota gad-xiqqeessu arguun na gahe,’’ jette.

Obbo Mooriisan, ‘’waan hamaaf miti sana kanin dubbadhe,’’ jedhaniiru.

‘’Kan ani jechuu barbaade, miidhama kana akka keetti hin argine jechuufi. Akkuma keetti natti dhagahama jedhee fakkeessuu hin barbaadu,’’vjedhan.

Senaatarri mootummaa Hoolii Hiyuus, ‘’namoonni dubbii ijoo falmii sanarratti jedhame dhiisanii jecha tokkorratti yoo xiyyeeffatan hiikni ni jallata,’’ jedhan.

Filannoon Awustiraaliyaa Caamsaa 21 adeemsifama. Muuxannoo filannoo yeroo darbeen yaadni uummatarraa walitti qabamu amansiisaa tahuu baatus, haalli amma jiru garuu paartiin mormituu akka mo’uu danda’u agarsiisa.