Poolisoonni qaama miidhamaa konkolaataa keessaa harkisanii buusan qoratamaa jiru

Police bodycam footage showing officers dragging the man from his car

Madda suuraa, Dayton Police Department

Maxxanfame

Ameerikaatti namicha sanyii gurraachaa ''Qaama naafummaan qaba'' jedhee otoo iyyuu poolisoonni konkolaataa keessaa harkisanii buusan viidiyoo mul'isu qorachaa akka jiru poolisiin hime.

Viidiyoon kaameeraa qaama poolisiirra jiruun waraabame ji'a dabre keessa Dayton, Ohaayotti poolisonni nama maqaan Clifford Owensby jedhamu, gaarii(konkolaataa) keessaa akka bu'u wayita gaafatan mul'isa. Sababni isaan kennanis konkolaataa keessa qoricha sammuu hadoochu sakatta'uuf ture.

Namni ganna 39 kan tahe Owensby, miilli isaa socho'uu akka hin dandeenye yookaan naafa akka tahe itti himuun dida.

Poolisoonni kun garuu diduun bu'uu qabda jedhanii itti cichan. Achiis konkolaataa keessaa mataafi harkasaa qabanii harkisan. Wayita kana namni kun iyyachaa ture.

Waajirri Poolisii Dayton taatee Fulbaana 30 raawwate kan qorachaa akka jiru ibseera.

Aangawoonni akka jedhanitti poolisoonni nama kan dhaabsisan, wayita inni mana qoricha sammuu hadoochu keessatti argama jedhamee shakkameerraa wayita baqatu ture. Poolisoonnis gaarii nama kanaa keessaa doolaaraa 22,450 argachuusaanii himu.

Namni kun haga ammaatti qoricha sammuu hadoochu wajjiin walqabatee himanni irratti hin banamne.

Taateen kun wayita raawwatu poolisoonni akka buutu si gargaarra jedhaniinis, Owensby'n irra deddeebiin konkolaataa keessaa bu'uu dide.

Kana gidduutti namni kun poolisoota kanaan, nama isinirra jiru naa waamaa jedhee gaafate.

Poolisiinis: ''Dubbiin akkasi, dura as keessaan si baasa, achii 'alaqaa' siifan waama,'' jechuun deebiseef.

''Filannoo lama qabda: tole jettee konkolaataa keessaa bu'uu yookaan ammoo harkiseen si buusa,'' jechuun poolisichi aaree wayita dubbatus ni dhagahama.

Kantiibaan magaalaa Dayton viidiyichaan ''baay'ee yaaddessaadha,'' jechuun ibsan.

Gareeleen mirgoota siviiliis taatee kana dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu himaniiru.

Gariin namootaa tarkaanfii poolisoota kanaa deeggaraniiru. ''Seera, leenjii kennameefi immaamata itti kenname hordofan,'' jedhan Jerome Dix pireezidantiin garee 'Dayton Fraternal Order of Police Lodge 44.'

Namoonni akka Clifford Owensby rakkoo fayyaa 'paraplegic' jedhamu qaban, qaama isaanii dugdaa gadi jiru ajajuun ni rakkisaan.