Teknoolooojii: UKn konkolaattota ofumaan konkolaatan keessatti TV ilaaluu eeyyamuufi

Konkolaataa ofii of konkolaachistu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Maxxanfame

Namoonni konkolaattoota ofiin konkolaataniin imalan iskiriinii konkolaataa isaanii keessatti tolfameerraa TV akka daawwatan wixinee dambii karaa fooyya’uuf jirurratti dhiyaate.

Teeknoloojiin konkolaattota of konkolaachisanii jalqaba kan hojiirra ooluuf yaadamu yeroo karaa guddaarratti suuta deemamu, keessattuu wayita daandiin sochiin tiraafikaan cuccufamudha.

Taatullee konkolaachisaan moobaayilitti gargaaramuun seeraan akkuma dhorkametti itti fufa.

Ammaaf garuu konkolaataan ofiin of konkolaachistu kamuu daandilee UK irraa deemuuf eeyyama hin arganne.

Haata’u malee, konkolaattonni yeroo jalqabaaf ofisaaniitiin of konkolaachisuu danda’an xumura bara kanaatti tajaajilaaf qophaa’uuf jiru jedheera Dameen Geejjibaa UK.

Fooyya’insi karoorfame ganna kanatti hojiirra oola jedhamee eegama.

Kana malees, maamiltoonni konkolaattota of konkolaachisanii balaa umamuuf akka itti hin gaafatamne gochuuf jiru.

Balaa uumamu ilaalchisee himannaa dhiyaatuuf dhaabbilee inshuraansiitu itti gaafatama malee, namoonni dhuunfaa itti hin gaafatamanii jedhe Dameen Geejjibaa UK.

Mootummaan Ebla bara darbee kana akka ibsetti, konkolaatttonni harka namaatiin hin oofamne daandii tiraafikaan dhiphateerratti teeknoloojii ‘lane-keeping’ jedhamu waliin eeyyama argatu jechuun ibsee ture.

Konkolaattoonni ofiif konkolaatan karaa dhiphaa tokkorra adeemuuf sirna teekinoolojii dandeessisu qaban sa’aatii tokko keessatti km 60 imaluu danda’u.

Qajeeltoo haaraa bahe keessatti namni konkolaaticha oofu wayita daandicha irraa maquutti dhiyaatutti sirna ofiin of ajajuuf qophaa'erraa fuudhee to’achuu ni qabaata.

Yeroo ammaatti teekinoolojiin hojiirra oolaa jiru ’deeggarsa kan kennuudha’. Kana jechuun konkolaaachistoonni to’achuu ni danda’u.

Ministeerri Geejjibaa Tirudii Haarisan akka jedhanitti, dambiin ittiin bulmaata daandii fooyyessuun konkolaattoota ofiin of konkolaachisan karaa miidhaa hin qaqqabsiifneen hojii jalqabsiisuuf bu’uura,’’ jedhan.

Haarisan akka jedhanitti, akkaataa imala keenyaa fooyyeessuun balaaf kan nama hin saaxille fi amansiisaa taasisa jedhan.

Konkolaataa ofiin of konkolaachisan tolchuun carraa hojii haaraa 38,000 kan uumu yoo ta’u, Paawundii biliyoona 41.7 dinagdee UKtti bara 2035 akka gumaachuuf jiru ibsameera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Siwizerlaand: Konkololaataa Kankolaachisaa malee adeemuu