Konkolaataan namni keessa hin jirre Saanfiraansiskootti poolisiin dhaabe

Konkolaataa Cruise Saanfiraansiskoo keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaampaaniin 'Cruise' jedhamu konkolaattota ofumaa imalan tolchaa jira
    • Barreessaa, Kiriis Vaalaansiin
    • Gahee, Rippoortara Tekinolojii
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Qondaaltonni poolisii Saan Firaansiskoo erga konkolaataa namni keessa hin jirre dhaabsisan booda rakkoon isaan mudateera.

Poolisoonni konkolaataa kan dhaabsisan galgala keessa ifaa malee waan adeemaa turteefidha.

Taateen viidiyoon isaa waraabame kana keessa poolisiin ''namuu keessa hin jiru'' yeroo jedhu dhagahama.

Qaami konkolaataa kana sochoosu Cruise jedhama. Kaampaanichi rakkoon ifaa konkolaataatitti mudate dogongora namaarraa madde jedhe.

Kaampaaniin Cruise jedhamu qabeenyummaan isaa kan dhaabbata General Motors jedhamu yoo ta'u, konkolaataa konkolaachisaa malee adeemtu yookaan shufeer-maleessa tolche US keessatti yaalaa jira.

Erga taateen kuni mudate booda kaampaanichi 'konkolaatittiin bakka nageenya qabutti' akka dhaabattu taasifamu ibse.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Kaampaanichi akkaataa humnoonni seera kabachiisan akkasumas kaan konkolaataa AV kana itti dhihaatuu qaban viidiyoowwan qopheessee Yuutubii gubbaa gadhiiseera.

Viidiyicha keessa konkolaattonni kunneen tekinooloojiin sagalee akeekkachiisaa hubachuu danda'u jedha.

Dabaluunis, humnoonni nageenyaa konkolaataatti dhihaachuu dura lakkoofsa bilbilaa addatti kanaaf qophaa'ef akka bilbilan ibsa.

Gareen fagoodhaa taa'ee konkolaataa to'atu kuni konkolaataa kana banuu akkasumas bakka mijataatti akka dhaabbattu gochuu danda'u.

Kaampaanii dureessicha Eelan Maask tahe Teslaan, konkolaataa ofumaa deemtu tolchaa jira.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Siwizerlaand: Konkololaataa Kankolaachisaa malee adeemuu