Paakistaanitti namoonni amantii arrabsite jedhanii lammi Sirilaankaa ajjeesan du’aan adabaman

Piriyantaa Diyawandaganageen ajjeeffamuun Paakistaanii fi Sirilaankaatti mormii kaase

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Piriyantaa Diyawandaganageen ajjeeffamuun Paakistaanii fi Sirilaankaatti mormii kaase
Maxxanfame

Paakistaanitti namoonni ja'a lammii Sirilaankaa tokko amantii arrabsitetta jechuun haala sukanneessaan daboodhaan ajjeesuun himataman du’aan adabaman.

Lammin Sirilaankaa umrii ganna 48 Piriyantaa Diyawadaanagee jedhamu magaalaa Sihalkot jedhamutti hogganaa warshaa tokkoo kan ture yoo ta’u, Mudde darbedha kana reebamee ajjeefamuun reeffa isaatti ibiddi qabsiifame.

Namoota biroon 88 ajjeechaa isaatiif balleessaan itti murame keessaa sagal hidhaa umrii guutuun adabamanii, kkanneen hafan hidhaa ganna lamaa hanga shaniitiin adamaniiru.

Dhimmi ajjeechaa kun biyyattii garmalee naasisee kan ture yoo ta’u, Ministirri Muummee Paakistaan yeroo sanaa Imiraan Kaan "guyyaa qaanessaadha" jedhanii ibsanii turan.

Viidiyoon ajjeechaa daboon raawwatame agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti maxxanfame akka agarsiisutti, namoonni dheekkaman Diyawadaanagee iddoo hojiisaatii harkisanii baasanii reebanii ajjeesan.

Sana booda reeffa isaalle guban; namoonni walitti qabamna hedduun isaanii reeffa isaa waliin suura of kaasaa turan.

Haati warraa isaanii Nilushii Dissanayakaa jedhamtu haleellaa irra qaqqabe kana intarneetiirratti arguu kaasuun’ akkaataa haleellaan isaarra qaqqabe gara jabummaan kan raawwatame ykn namuummaa kan of keessaa hin qabne ture,’’ jette.

Maaltu ajjeechaa daboo sanaaf ka’umsa ta’e?

Hokkarrii kan eegale Diyawadaanageen gocha amantii xiqqeessuu raawwateera hamiin jedhu hawaasa keessa tamsa’uu hordofeetu.

Diyawandaganageen poostarii maqaa Nabii Mohaammad qabu tarsaase hamii jedhutu odeeffame.

Taatullee waahila hojiisaatii lubbuu isaa baraaruuf iddoo sanatti muddamaan figaa turan yeroo Diyawadaanageen ajjeefame miidyaalee biyyattiitti akka himanitti, gamoon yeroo qulqulleeffatutti postii iddoo isaatii buqqise.

Ajjeechaan namoota hedduun irratti hirmaatan irrra deddeebiin raawwatamuun kun biyyattii rifaasisee namoota dammaqseera.

Paakistaan keessatti namni kamiyyuu amantii Islaamaa yoo arrabse adabbii du’aa isa eeggachuu mala.

Seerri Paakistaan amantii arrabsuun dhimma walqabatuuf bahe namoota dhimma amantiif walitti qabaman jeequu, iddoo awwaalchaatti eeyyama malee seenuu, waan amantii keessatti amanamu arrabsuu ykn itti yaadanii balleessuu ykn meeshaa amantii ykn iddoo amantii xureessuu dabalata.

Kana malees, namoota amantii Islaamaa biratti kabajaa qaban arrabsuun yakka, akkasumalle, ergaa addatti bara 1982 keessa seera duraan ture keessa gaaleen ‘’itti yaadanii kitaaba qulqulluu amantii Islaamaa’’Qura’aana’’xureessuun hidhaa umrii guutuun akka nama adabsiisudha.

Bara 1986 gaaleen biraa itti dabalame ammoo Nabii Mohaammad arrabsuun adabbii hordofiisuufi adabbiin gorfamus "du’a ykn hidhaa umrii guutuu" ta’uu ibsa.

Paakistaan keessatti himannaan ragaa sirrii hin qabne mormii kan hordofisiisu ui shakkamaa irratti haleellaa daboo kan hordofsiisudha.

Dhaabbileen mirga namoomaaf falman yeroo hedduu himannaa kanaan hawaasa lakkoofsaan muraasa biyyattiii keessa jiraataniirratti himannaan kun qiyyaafata jedhanii falmu.