Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bunaafi ashaboo fayyadamuun fakkii kan kaastu Galiilaa Raddaa
Wanti lafarra jiran hundi gara ogummaatti geeddaramuu danda'u yaada jedhu kan qabdu ogeettiin fakkii Galiilaa Raddaa, haalluuwwan haalaan hawwatan akkasumas fakkiiwwan bunaafi soogiddaan kaastuun beekamti.
Isheef oguma jechuun ''kennaa waaqaa kan wanta sammuu qofa keessa ture baasuun lubbuu itti horaniidha. Fakkiin ammoo gaddaafi gammachuu keessoo keetti dhagahamu,'' kan ittiin ibsattudha.
Manasaanii keessaa ishee qofa miti kan ogummaa kanaa qabu, obboleessishee angafaa amma lubbuun hinjirres fakkii kaasa ture.
Oggaa obboleessishee kaasu argaa kan guddatte Galiilaan, wayita umuriishee ganna jahatti burushii itti fakkii kaasaniin walbarte.
Fakkii obboleessishee kaase keenyaan manaafi dabtara ishee gubbaatti irra deebitee kaasuun ture kan jalaqabde.
Hodhaafi xilatiin haatishee midhaassanis faana ogummaa Galiilaan hordofte qajeelcheeraaf.
Jaalalashee kanas wayita haadhashee hojiin gargaartus, yeroo argatuun itti fufteetti.
''Waggoota dheeraaf mana nyaataa qabna turre... daa'ima ganna 12 turee maamiltootaaf nyaata hojjechaa, biddeena tolchan ture. Kana hojjechaas maddiin, fakkiin kaasan ture.''
Hojiin fakkii jaalalaaf jecha ijoollummaatti hojjechaa turte, erga guddatte booda hojiishee idilee tahe.
Akka Galiilaan jettutti, yaadota sammuushee keessa bu'ureeffaman gara fakkiitti geeddaruuf, haalluu akiriiliik, bunaafi soogiddatti dhimma baati.
Norweeyitti gosa barnootaa Infoormeshin Teeknooloojii-IT barattus, fakkii garuu ofumaan of barsiifte.
''Yeroo hedduu waan natti dhagahame, waanin argeefi kakahumsa waan natti uumeen kaasa,'' kan jettu Galiilaan, bareedinnifi ciminni dubartii fakkiiwwan ishee keessatti ni mula'tu.
Agarsiisa fakkii laga cehe
Yeroo ammaa Swiidin kan jiraattu Galiilaa Raddaa, bara 2011 irraa eegalee biyyoota garaa garaa keessa naanna'uun, egzibishinii qopheessuun hojiishee jaalattoota aartiif beeksisaa jirti.
Noorwey, Swiidin, Ameerikaa fi Beeljiyemitti Galiilaan daawwattoota fuulduratti haalluufi bunafaa fayyadamuun fakkii kaasteetti.
''Hojiikoon biyyoota garagaraa keessa jaalattoota hedduu horadheera. Kennaan kana caalu hinjiru,'' jetti.
Shamarreen kun guyyaa bunaa addunyaatti dhaabbata bunaa Norweey ''Noshk Kaafalaayik'' jedhamu wajjiin tahuun, fakkishee bunaan kaastu kan dhiyeessite oggaa tahu, carraa gaarii akka isheef uume kaasti.
''Carraafi muuxannoo guddaa naa uume. Ergasii namoota hedduu wajjiin akkan hojjedhu karaa naa saaqe.''
Fakkiiwwan ishee keessaa kanisheen buna fayyadamuun kaastu, addatti namoonni akka jaalatan himti.
''Waan hin baramneefi adda taheef, kna malees jaalala namni bunaaf qabu natti fakkaata, namoonni hedduun kan bunaan kaasu ni jaalatu.''
Kan haalluu fayyadamuun kaaste keessaa; kanisheen yeroo weerara awwaannisaatti Tigraay Raayyaa keessatti, haati tokko daa'imashee duydatti baattee awwaannisa hari'aa turte fakkiin agarsiisu guddoo jaalatame.
2021tti suuraan Malcolm X kaaste akkaan jaalatame. ''Intala Malcolm X kan taate Ilyasah Shabazz abbaashee waan in kaaseef, na dinqisafattee na galateeffatte,'' jetti Galiilaan.
Waraanni Tigraay kaaba Itoophiyaatti erga dhalatee booda ajjeechaa, buqqaatii fi rakkoo namoomaa hamaan mudateera kan jettu Galiilaan, fakkii matadureen isaa 'Madaa dhalootaa' (generational trauma) jedhuun dhiyeessiteetti.
''Fakkiin koo garri caalu miirakoo kan ibsanidha. Kanneen bara kana kaase keessaa 'generational trauma' kan jedhu, seenaa namoota hedduu waan taheef, fakkiin jaalatamedha,'' jetti.
Morkii yaada haaraa wajjiin
Galiilaan gaafa yaadni tasaa gara sammuusheetti dhufu, daddaffiin gara waan qabatamaa wiixinee tahetti (sketch) geeddaruuf bakka tasgabbii qabu filatti.
''Bakka ati hin eegneetti yadni sammuu keetti dhufuu mala. Yaada kana gara fakkiitti geeddaruuf, bakka ofii callisa qabu barbaachisa. Akka namni si jeequ, yookaan waanti tahe akka si danqu hin feetu. Yeroo akkanaa keessaa oggaa tahutti, yaadni sammuukootti dhufe turtii booda baduu waan danda'uuf, wixineesaa baasa.''
Galiilaan hanga fakkiin tokko fudhatu kana jedhanii himuun ishee rakkisa.
''Alii alii fakkiin yaadaan guutame tokko waggoota fudhachuu danda'a. Kan al tokkotti obbaafamus ni jira. Gariin ammoo guyyaa tokkottis xumuramuu dandaya. Fakkiiwwan bunaan midhaassu garuu sa'aatiiwwan gidduuttin ofirraa galcha,'' jetti.
Ogeettiin kun fakkiiwwan haga ammaa kaaste keessaa, isa Wiirtuu Festulaa Hamlin Maqaleetti argamuuf kanisheen gargaarsaan maallaqa caalbaasii wajjiin kennite miira addaa isheef qaba.
Haala jireenyaa Itoophiyaa keessa jiruun, namni hedduun aartiif bakka hin kennan kan jettu Galiilaan, yeroo ammaatti waraana Tigraayiin walqabatee hedduun jireenya isaanii rakkoo hamaa keessa dabarsaa jiru jetti. Kanaafis wiirtuu aartii namoonni itti fayyan banuu barbaaddi.
''Namni rakkoo hamaa keessa dabraa jira waan taheef namoota kaan wajjiin waltahuun; wiirtuu aartii (gallery) namoonni dararaa sammuu isaaniirraa itti fayyan, daa'immaniifi dargaggoonni itti bohaaran hundeessuun hawwii kooti. Akkasumas ogeeyyii damee keessa jiraniif meeshaalee fakkiin gargaaruun barbaada.''