Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aartii fakkii: Injinara kan fakkiin keenyaan/girgiddaa madda galii ta'eef
Yaareed Boggaala jedhama. Ogummaansaa Elektirikaal Injinara. Haata'u malee hojii fakkii keenyaan/girgiddaa (wall art) kaasuu kan eegale erguma weerarri koronaavaayirasii mudateen booda ture.
Wayita ammaa kanatti ammoo hojii damee 'Information Technology' irratti bobba'eera.
Haata'u malee ogummaa baratee ittiin eebbifameetiin ala fakkiiwwan keenyaan irratti fannifaman hojjachuu eegale.
Erga Covid-19 mudateen booda yeroo hedduu manaa akka hinbaane kan dubbatu Yaareed, yeroo itti dabarfachuuf jecha halluufi burushii bitachuun hojii fakkii kaasuu eegaluu dubbata.
Kanaanis keenyan mana isaa bakka ijji namaa irra bu'u osoo hinhafne akka fakkiin haguuge hima.
Yaareed fi Liivarpuul
Yaareed keenyaan mana isaa akka waraqaa kalaqaatti itti fayyadamuu kan jalqabe wayita umuriin isaa waggaa sagal ture ta'uu dubbata.
Yeroo sanattis waa'ee piriimiyeer liigii Ingliizii gadi fageenyaan hubannoo qabaachuu baatulleen, garee kubbaa miilaa Liivarpuuliif jaalala olaanaa akka qabu kaasa. Yeroo sanattis uffata taphataan garichaa Maayikil Owen godhatu, akka qabulleen kaasa.
Guyyaa tokko osoo TV ilaaluu namoota kudhanii ol ta'an kanneen tishartii akka inni uffatee kaawwatan argee dinqisiifate.
Namoota naannoo isaa turan yoo gaafatuus garee kubbaa miilaa Liivarpuul jedhu ta'uun itti himame. Guyyaa sanaa kaasee Yaareedi, deeggaraa garee Liivarpuul ta'e hafe.
Yeroo sana ture egaan Yaareed umuriisaa waggaa sagalitti kan inni fakkiiwwanii fi asxaa garee Liivarpuul keessatti argaman gaazexaa, barruuleefi eddoowwan adda addaa irraa walitti qabuun kutaa ciisichaa isaa keessatti maxxansuu kan eegale.
Kanaafuu kutaan cisiichaa isaa dirree garee liivarpuul malee kutaa ciisichaa hinfakkaatu jedha.
Kana malee ogummaan fakkii kaasuu waggaa tokko darbe keessatti horate caalaa xiyyeeffannoo isaa akka hawwate hima.
Yaareed fi fakkiiwwan keenyaan (wall art)
Yaareed waggaa darbee keessa haalluuwwan walitti makuun keenyaan kutaawwan akka lafa taa'umsaa, koridoriifi kutaa itti nyaanni nyaatamu bareechuu eegale.
Osoo hojii fakkii kaasuu kan hineegaliin dura garuu YouTube irraa ogummaa bu'uuraa fakkii kaasuu akka argate hima. Isaan boodas meeshaalee hojii fakkii kaasuutiif isa barbaachisan karaa hirriyaasaatiin biyya alaatii akka bitameef kaasa.
Waan barbaachisu hunda erga guutameef booda, ''kan baradhe hojiirra oolchuuf keenyaan irratti fakkii kaasuu eegale,'' jedha.
Ittaansuunis hojiiwwan isaa kana karaa Instagraamiifi Facebook irratti qooduu eegale. Kanneen isa beekanis hojiisaa qoodaniif, hedduunis akka manasaanii bareechuuf gaafachuu eegalan.
Kanaafuu guyyaa Sanbataa, Dilbataafi guyyaa boqonnaasaatti gara mana namootaa deemuun girgiddaa irratti fakkii kaasuu itti fufe.
Osoo itti hin yaadiinis oogummaan wayita mucaa waggaa 9 ture eegalee dhaabe amma madda galii akka ta'eef hima.
Ammaan tana akkoofi obboleettii isaa angafaa waliin jiraachaa akka jiru kan himu Yaareed, ''fakkiiwwan isaan waan jaalataniif osoo hinhaqiin tursiisanii jiru,'' jedha.
Yaareed hamileen maatiisaa irraa argatu yoo ibsu, ''yaadaan kana osoo akkas goote jechuu bira darbanii na gargaaraa jiru,'' jechuun maatiisaa galateeffata.
Yaareed akka jedhutti ogummaan fakkii kaasuu isaa akka warra kaanii ''muka, nama ilaalaa kaasuu hindanda'u. Fakkiiwwan gurguddaan osoo hinhafne sirreessee hojjachun danda'a. Kanaafiidha namoonni manasaaniitti kan na waamanis,'' jedha.
Kennaa oogummaa fakkii kaasuu ijoollummaan qabu kanas guutummaan dagatee akka hinturre hima Yaareed. ''Fakkeenyaaf wayita dhaabbata telekomunikeshinii Eriksan jedhamu tokkoof hojjataa tureetti, hojiif gara dirree wayita imalaniitti sa'aatii dheeraa konkolaataa keessa waan ta'aniif yeroo sanatti fakkii kaasaan ture. Garuu cimsee hinqabne ture,'' jedha.
Ammaan tanas hoteelootaafi manneen nyaataa adda addaatiif fakkii keenyaa irratti kaasa.
Yaareed haala yeroo ammaa Kooviid itti mudate kanaan walqabatees mana namootaa dhaquun wayita fakkii kaasuuttis of eegannoowwan barbaachisan akka hordofu kaasa.
Yaareed wayita bakkaa bakkatti socho'uun fakkii kaasuttis Covid alatti, jijjiramuun yaadaa namoota tokko tokko danqaa akka itti ta'u kaasa. Namoonni tokko tokko erga yaada fakkii tokkorratti waliigalanii booda yaada geeddaruun kaan ammoo fakkii hojjatame haqsiisuun kan biraa hojjachisuun akka sagantaan hojiisaa hinraawwanneef danqaa itti ta'uu hima.
Haata'u malee, ''hojiin akkasii kun wayita baramaa dhufutti namoonni waan barbaadaniifi gaaffiisaanii sirriitti adda baafachuun akka hojjachiifatan abdiin qaba,'' jedha.
Yeroo tokko tokkoos gaaffii hojii akka hojjatuuf dhiyaatuuf kan qofaasaa keessa bahu waan hintaaneef, hiriyootasaa erga 'Mechanical Engineer'n eebbiifamaniin booda hojii malee taa'aa jira leenjisuun akka isa waliin hojjatan gochuuf fedhii qabaachuu ibsa.
Waljalaan dargaggoota leenjisuun nama hojii uumu ta'uu akka barbaadu kan dubbatu Yaareed, taphattoonni garee kubbaa miilaa Liivarpuul illeen osoo kutaa ciisichaa isaa dowwachuun dinqisiifannaa isaanii isaaf qoodanii akka barbaadu dubbata.
Damee hojii kanaatiin carraawwan hedduun akka saaqaman abdii qabaachuu kan kaasu Yaareed, sababiinsaas hanga yoonaatti meeshaalee biyya alaatii galfamuun keenyaan irratti maxxanfaman malee ''akka kiyyaatti namoonni yeroo fudhatanii keenyaan faayaa hinjiran,'' jedha.
Odeessaalee walfakkaatan: