Koronaavaayirasii: Mallattoowwan dhibee Covid-19 haaraa sagal ifa taasifaman

Dubartii funyaan qabatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhangala'aan funyaan keessaa gadi figuun mallattoo kovid haaraa adda baafamedha.
Maxxanfame

Mallattoowwan dhibee Covid kanaan dura ka’aman alatti mallattoowwan haaraa sagal itti dabalamaniiru.

Dhaabbati eegumsa fayyaa UK, dhukkubbii qoonqoo, dhukkubbi maashaa fi garaa kaasaa dabalatee mallattoowwan dhibee kanaa hareessuun qajeelfama baaseera.

Beeksisi kun kan dhufe weerarri kun eegaluu isaa waggaa lama boodaafi erga qorannoon bilisaa Ingilaand xumuramee guyyootii muraasa boodadha.

Ta’us, NHS mallattooleen haaraa ibsaman kunneen harki caalaan, mallattoolee dhukkuba akka qorraa fi utaalloo waliin “baay'ee wal fakkaatu” jechuun akeekkachiiseera.

Mallattooleen dhibee Covid-19 jalqabaa UK keessatti beekkamtii argatan kunneenidha:

  • ho’ina qaama
  • qufaa walitti fufe
  • miira dhamdhamuu fi suunfachuu dhabuu

Jalqabumarrattiyyuu mallattooleen ibsaman sadan kunneen kan dhumaa akka hin taane ifa ture.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa fi US dabalatee biyyootiin biroo yeroof mallattoolee dhibee kanaa hedduu fayyadamaniiru.

UK keessatti garuu mallattoolee kamtu qorannoo Covid’f simatamoodha kan jedhu irratti falmiin tureera.

Mataa bowwuun mallattoo Covid kan baramedha, ta’us nama mataa bowwuu qabu hundaaf qorannoo Covid hin taasifamu, sababiinsaa dhibeewwan mallattoo kana qaban hedduun waan jiraniifi.

Mallattoowwan akka ho’iinsa qaamaa, qufaa fi miira dhamdhamuu fi suunfachuu dhabuu irratti kan waliigalame, sababa mallattooleen kun dhukkubbii Covid hamaa ykn addatti vaayirasichaan kan uumaman turaniifi.

Amma garuu mallattooleen haaraa sagal dabalaman kan armaan gadiidha:

  • rakkoo haafura baafachuu
  • miira dadhabbii
  • dhukkubbii qaamaa
  • bowwuu mataa
  • dhukkubbii qoonqoo
  • funyaan duuduu ykn furrii
  • fedhii nyaataa dhabuu
  • garaa kaasaa
  • miira dhukkubbii

UK keessatti namootni miiliyoona 4.9 ta’an dhibee Covid-19’n hubamaniiru.

Yoo mallattoolee Covid-19 fi ho’iinsa qaamaa qabaanne ykn mallattooleen dhukkubbii hammaatanii hojjachuun yoo cimaa ta’e qofa namootni mana turuu fi namoota biraarra fagaachuu qabu jedha NHS.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa