Ilmi mootii Jordaan Hamzaa Biin-Huseen aangoon natti haa hafu jedhan

Mootii Hamzaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ilmi Mootiin Jordaan Hamzaa Biin-Huseen kan kanaan dura abbaa isaanii irraa aangoo mootummaa dhaalanii turan amma aangoon koo nagaheera jedhan.

Aangoo isaanii gadhiisuuf ammoo akka sababaatti kan himan, ''ilaalchi dhuunfaa kiyya maloota ammayyaa dhaabbilee keenya'' waliin kan deemu miti kan jedhuudha.

Hamzaan ilma arfaffaa Mootii Huseen kan du'aniifi obbooleessa quxusuu haadha buddeenaa mootii Abdullaahiiti.

Bara darbe wayita aanga'oonni biyyattii malaammaltummaa, hanqina dandeettiifi dararaan himatamuun hidhaa buufamanii turanitti Hamzaanis hidhamee ture.

Haata'u malee Bitootessa keessa waraqaan Hamzaan ittiin obboleessa isaa Mootii Abdullaah dhiifama gaafachuufi inni mallatteessuun himame mootummaan maxxansamee ture.

Ilmi Mootii Hamzaan barreeffama fuula tiwiitaraa isaanii gubbaatti guyyaa Dilbataa maxxansaniin, ''Waanan baroota dhiheenya keessa arge irraa ka'uun, ilaalchi kiyya dhuunfaa kan abbaan kiyyaa keessoo kootti ijaaran, kan anis jireenya kiyyatti abboomamuufiif yaalaa ture, akka adeemsaafi malawwan ammayyaa dhaabbilee keenya waliin hin deemne yaada dhumaarra gaheera.

''Yoon kallattii Waaqaaf amanamaa ta'uufi sammuutiin ilaalu, kabaja mootii ta'uu dhiisuu malee kan biraa natti hin mul'atu. Biyya jaalatamtu tiyyaa fi uummata jaalatamoo koo jireenya kootiin waggootaaf tajaajiluutti kabajatu natti dhagahama.

"Hangaan lubbuun jiruttis gara fulduraattis akkuma duraatti jaalatamtuu Yoordaanoos tiyyaaf amanamaa ta'een jiraadha,'' jedhan.

line

Ilmi Mootii Hamzaa eenyu?

Hamzaan ilma mootii Huseeniifi kan haadha warraa isaa ilma angafa giiftii duree Nuurti.

Gama barnootaatinis Mootii Hamzaa Mana Barnootaa UK Haaroow jedhamu fi Akaadaamii Loltummaa Royaal kan Sandhurst irraa eebbifamaniiru. Akkasumas Ameerikaatti Yunivarsitii Haarvaardiitti erga baratanii booda humna waraanaa Jordaan keessa tajaajilaniiru.

Bara 1999tti Mootii Jordaan taasifamuun mudaman. Inni abbaasaaa Mootii Huseeniin kan jaalatamu yoo ta'u, isaanis yeroo baayyee ''gammachu ijakoo'' jechuun adababaayiitti osoo hin hafne ibsu turan.

Haata'u malee Huseen wayita mootiin Huseen du'aniitti aangoo motummaa akka hin kennamneef baayyee ijoolleefi muxannoo akka hin qabneetti ilaalamee ture.

Kanaafu, bakka isaa obbooleessi isaa angafaa Abdullaah mootii taasifamuun mudaman. Booda ammoo aangaa mootii bara 2004'tti Hamzaaf kenname.

Sochiin kunis Giiftii Nuur kan ilmishee angafaa akka mootii ta'uuf hawwiituuf naasuu ture.

Mootii Abdulaah fi haadha warraasaa giiftii Raaniyaa (M) sirna cidha Mootii Hamzaa fi Giiftii duree Nuur (B) haadha Hamzaa Giiftii Duree Nuur (J) waliin Caamsaa 27, 2004tti Amaan Jordaan keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mootii Abdulaah fi haadha warraasaa giiftii Raaniyaa (M) sirna cidha Mootii Hamzaa fi Giiftii duree Nuur (B) haadha Hamzaa Giiftii Duree Nuur (J) waliin bara 2004tti

Hamzaan erga aanga'oonni Jordaan bara 2021tti malaammaltummaafi hanqina dandeettiin himatamaniin booda, hidhaa manaa irra jiraachu viidiyoo qoodaniin ifa taasisaniiru.

Kunis kan ta'e erga aanga'oonni motummaa olaanoo hedduun yaalii fonqolcha motummaa waliin hidhata qabu jedhaman hidhamaniin booda.

Mootii Hamzaan garuu balleessaa kamuu akka hin qabneefi daba kamu keessatti akka hirmaannaa hin qabne dubbatu.

Waraanni biyyattii garuu Hamzaan hidhaa manaa irra ta'u haaleera. Haata'u malee ammoo gochaawwan ''nageenyaafi tasgabbii'' Jordaan balaarra buusan irraa akka of qusataniif ajaja kennuuf ibseera.

Booda keessa ammoo Mootii Abudullaah TV irratti dhiyaachuun, Hamzaan ''maatii isaa waliin masaraa keessatti eegumsa kiyya jalatti argamu'' jedhan.

Haata'u malee Hamzaan isaan booda adabaabaayiitti baayinaan mul'ataniin hin beekan. Bitooteessa keessa ammoo manni murtii mootii xalayaa Hamzaan obbooleessa isaatiif barreesse ifa taasiseera.

''Biyya jaalatamtuun teenya Jordaan bara darbe keessa haalawwan rakkosoo dandamatee jirti. Seenaasheettis boqonnaa gaddisiisaa ture'' jedha xalayichi.

"Kabajamoo dogongoreera. Namni ammoo ni dogongora. Kanaafuu waggoota darban keessa balleessaafi okkoran isiniifi biyyakoorratti raawwadheen taateewwan irra gaheef ittigaafatamummaa nan fudhadha.

"Kanaafu yeroo hunadha dhiifama akka taasiftan waanan beekuufu dhiifama mootii keessanan gaafadha,'' jedhan ergaan xalayichaa.