Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoota: Miseensa poolisii kaka'umsa ofiitiin lafa hektaara jaha bosonoomsan
Komaander Tanaanyee Walduu Godina Iluu Abbaa Booritti miseensa Poolisii yoo ta'an, ijoollummaa isaanitirraa kaasuun fedhii fi jaalalli biqiltuu fi bosonaaf qaban guddaa ta'uu himan.
Fedhii keessa isaanii jiru kana gara hojii qabatamaatti jijjiiranii waan keessi isaanii hawwu kana arguuf garuu qabiyyee lafaa dhabuu fi maallaqa dhabuun abjuu isaanii kanarraa daangessee tureera.
Komaander Tanaanyeen bara 2003 yeroo aangoo argatanii gara hoggansa mana sirreessaa Godina Iluu Abbaa Booritti hojii jaalqaban daandiin abjuu isaanii ittiin milkeessan akka saaqameef kan himan.
"Biqiltuu dhaabuun waan keessakoo gammachiisuudha. Garuu ani lafa hin qabu. birriis hin qabun ture. saniif waan keessa kiyya jiru Kanaan waan uummataaf ta'u hojjechuu hin dandeenye ture. garuu yaada nan qaba yaadan qabu sana hojiitti jijjiiruuf yeroo eegachaan ture" jedhan.
"Bara 2003 gara hoggansa mana sirreessaa Godina Iluu Abbaa Bor akkan dhufeenan waanin yaadaa ture kana milkeeffachuuf karoora yeroo dheeraa qopheeffadhe. Ergasii karoora kiyya kana namoota nawaliin jiranii waajjin qoodeen hojii jalqabe," jedhan.
Ergasiis bara 2004 lafa biqiltuun homtuu irra hin jirree fi lafa onnaa ta'e jiru kanarratti biqiltuu dhaabuu akka eegalanis himu.
"Hojii kana waggaa waggaadhaan biqiltuu gosa adda addaa dhaabna. Amma gara wagga 11 ta'eera ergan jalqabee. Hanga ammaatti lafa hektaara jaha kan duraan homtuu irra hin jirre bosona akka ta'u godheera" jedhan.
Lafti isaan amma mukeen irra dhaabanii bosonoomsan kuni lafa omisha hin baasu jedhamee homtuu irratti osoo hin hojjetamin ona ta'eetuma taa'aa ture akka ta'es hiimu.
Mukkeen bosonaa gurguddataniin alattis biqiltoota nyaata namaatiif oolan hedduun waan dhaabanii jiraniif isarraa omisha gaariin argamaa jiraachuus dubbatu Komaanader Tanaanyeen.
"Kuduraa fi muduraan waan akka anaanaasii, muuzii, raafuu maraa, hundee diimaa fi kanneen biraa hedduu omishna. Keessumaa muuzii baayyinaan waan dhaabneef Magaalaa Mattuutti gabaadhaaf dhiheessaa jirraa" jedhan.
Komaander Tanaanyeen yeroo ammaa Hoggantuu mana sirreessaa Godina Iluu Abbaa Boor ta'anii hojjechaa jiru. Hojii bosonaa dhaabuu fi kunuunsuu kana kan hojjetan garuu hojii idilee isaaniitiin dabalatatti kaka'umsa isaanitiini.
Biqiltoota dhaabuu fi lafa duwwaa taa'u bosonoomsuu kana mooraa mana sirreesichaa keessatti hojjechuu akka jalqaban himu.
Dhaabbii biqiltuu fi kunuunsa isaa waggaa 11 oliif hojjetan kana irrattis sirreeffamtoota seeraa amansiisuudhaan hirmaachisanii bu'aa kana akka fidanis dubbatu.
"Namni baayyeen kan bosona mancaasuudhaan hidhaamantu jira. Isaan kan barsiisnu biqiltuu akka dhaaban gooneeti. Isaan alattis sirreeffamtoota adabbiin isaanii gadi bahanii hojii hojjechuu mirga qaban irratti hirmaachisna" jedhan.
Lafa hektaaraa jaha bosona uwwisan Kanaan alattis magalaa Maattuu keessatti lafa Hektaara 11 caalu irratti biqiltoota dhaabuun bakka bashannanaa jiraattota magaalaaf akka hojjechaa jiranis BBC'tti himaniiru.
"Bakkaa baashannanaa kana keessatti Haroo namtolchee Hektaara sadii ta'u qopheesineerra. Haroo kanatti ammoo qurxummii keessatti horsiisuudhaan gabaadhaaf dhiheessuu jalqabneerra. Tajaajila geejjiba bidiruus jalqaabneerra. Waan aadaa, galma aadaa saglan Iluu, bakka tapha daa'immaniifaas ofkeessaa qaba" jedhan.
Komaander Tanaanyeen amma umrii sooromaatti dhihaachaa akka jiranii fi hamma lubbuun jiranitti aadaa bosona dhaabuu fi kunuunsuu kana cimsanii akka iti fufanis himan.