April Fool's Day: 'Intalli keessan duuteetti, reeffashee fudhadhaa nuun jedhan'

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Eliyaas Mulugeetaa
- Gahee, Gaazexeessaa, BBC Afaan Oromoo
- Maxxanfame
Qoosaan daangaa qabaa? Bakki daangaa itti dabran hoo kami?
Ebla bultii 1 [April 1] guyyaa gowwomsaa [April Fools' Day] jedhamee ooluun, namoonni qoosaa, 'piraankii' fi odeeffannoo sobaa waliif qoodaa, walitti himaa, wal gowwomsaa oolu.
Hedduun qoosaawwan kunneenii kan miidhaa qaamaas tahe qalbii kan hin qaqqabsiisne -fakkeenyaaf qodaa shukkaarri taahu keessa ashaboon bakka buusuu fa'i wal gowwomsaa ooluun bohaaru.
Gariin ammoo 'daangaa darbuun' dubbii qoosaa yookaan boohicha tahuun isaan gargar baasuun nama rakkisu walitti himuun, nama rifaasisu, miidhaallee namarraan gahu.
Ogeessaafi gorsaa diinagdee kan tahe Obboo Xilaahun Girmaa Angoo mudannoo isaa kana wayita dubbatuufi barreessu aariin guutameetu. Barreeffama Facebook gubbaa qoode arginee dubbichi dhugumaa? jennee gaafanne. Xilaahun ni kakate - akkasiin nuuf qoodeera.
Dhimmichi kan mudate waggoota hedduun dura tahus, ammallee kaaniif fakkeenya taha jedhee waan yaaduuf irra deddeebiin gama miidiyaa hawaasaa isaarratti ni qooda.
Isinitti hin dheeressinu, dubbichatu akkasi - magaalaa Bishooftuu, bakka Qurquraa jedhamudha. Xilaahun nama mana isaaf kireessuun, affeeramee sagantaa 'galateeffannaa' waggaa waggaan gaggeeffamu irratti argame.
''Guyyaa kana maaliif kabajju?'' jedhee gaafata. Akka armaan gadiitti deebisaniif:

Shamarreen obboleettii nama kanaa barnootaaf Finfinnee jiraatti. Bilbilli manaa iyyite - barrisaa bara bilbilli mobaayilii akka har'aa hunda bira jiru miti.
''Intalli balaa konkolaataa isheerra gaheen duuteetti, reeffashee Hospitaala Minilik koottaa fudhadhaa,'' jedhe sagaleen bilbila keessaa.
Gadda guddaa... bo'icha... qophii owwaalchaa... iyyaafannaa...
Namoonni filamanii reeffa akka fidan Finfinneetti ergaman. Ammas bilbilli manaa iyyite... ''Reeffi hospitaala Minilik hin jiru...''
Gadda dabalataa... boo'icha biraa... haati intalaa gadda hamaa keessa galan...
Kana gidduutti namni ollaa tokko: ''intala bira namni bilbile jiraa garuu?'' jechuun gaafatan.
Maatiinis, lakkii isheen gaafa nuu bilbiltu malee nuti bilbillee hin argannu. Kireeffattee jiraatti jedhanii deebisan.
Namni kunis maatiin akka tasgabbaa'u dhaamuun, qulqulleeffachuun akka barbaachisu hubachiisan.
Jaarroleen tasgabbaa'aa jedhan... maatiinis abdiin yoo jiraate jedhanii hawwan.
Guyyaa ittaanutti maatiin muraasa Finfinnee kolleejii isheen itti barattu dhaqe. Ajaa'iba!
Intalli duute jedhamte, akka waanti tokko hin uumamnetti, kitaabashee baattee kutaa seenuuf deemti. Obbolaan ishee waan argan amanuu dadhabanii itti maramanii hammatan.
Intallis bitaa itti galee ''harmeetu boqotee?'' jettee wajjiin bo'uu jalqabde. ''Lakkii situ du'e!'' jedhaniin.
Waan mudate itti himan... Gara Bishooftuu fidan... haati ishee arginaan naasuun of wallaalan... Ollaan ''Raajiidha!'' jedhe.
Dhangaan owwaalchaaf qophaa'es, gara gammachuutti geeddaramee namni akkaan qiliixame.
Yoona ''Gaaffii guddaa jiruuf deebisaa maaf nutti hin himtan?'' jechuu maltu - dhuguma keessani.
Gaaffiin kuma baasu - ''Eenyutu gadda intala kanaa bilbilee hime?''
Nus hin beeknu, maatiinis hin beekan - tarii haga har'aas eenyu akka tahe hin beekan taha.
Ergasii harmeen intala kanaa guyyicha yaadachuuf waggaa waggaan sagantaa galateeffannaa qopheessu - Waaqa 'du'arraa ishee oolcheef' galata galchu.
Guyyaan akkas itti tahe akka lakkoofsa Awurooppaatti Ebla 1 yookaan April 1 ture.
Ahhaa... Isa April Fools' Day isa jedhan sana - Guyyaa gowwomsaati guyyichi.

Madda suuraa, Getty Images/John Dickson

'Waanti hunduu daangaa qaba...'
Seenaa ajaa'ibaa kana kan nuuf qoode Aabba Xilaahun ''guyyichi aadaa keenya keessa waanta jiru miti,'' jedha.
''Nuti hawaasa warra adiirraa fudhachuu waan qabnu dhiisnee, waan hin taane fudhanna.''
Yeroo garagaraattis waan isaafi hiriyoota isaa mudate yaadachuun kan dubbatu Xilaahun, waanti kun walamntee hawaasa keessa jiru balleessa jedha.
Waahillisaa duraanii guyyaa kanatti 'hojiirraa hari'ame' jechuun, kiraa manaallee kanfaluu akka hindandeenye itti himuun, akka isa gargaaru kadhata.
''Guyyaa guutuu dhiphachaan oole. Maallaqa galchuufi wayitan adeemu- hiriyoonni isaa natti kolfan,'' jedha.
''Gurbaan kun amma booda waan tokkon tahe jedhee otoo natti hime, akkamiinan amana?'' jechuunis gaafata.
''Yoo lakkii aadaa kana ofitti fudhachuu barbaanna jennaanillee, haala nama hin miineen tahuu qaba.... Waan kolfinee darbuu dandeenyuun, waan tolaan dabarsuu dandeenya.''
''Aadaa ofitti simannu haala hawaasa keessa jiruun hanga danda'ame walsimsiisuu (customize gochuu) otoo dandeenye bareeda.''


Gowwomsaa guyyaa kana taasifame keessa kan hin dagatamne kan Panoraamaan bara 1957tti dalagedha.
Sagantaan BBC beekamaa Panorama qopheesse irratti sababa ganna hamaan hanqina paastaa (ispaageetii) ture qonnaan bultoonni biyya Siwizarlaand furuu isaanii gabaase.
Gabaasa kana irratti viidiyoo yeroo qonnaan bultoonni biyya Swizarlaand paastaa mukkeen irraa funaanan agarsiise.
Daawwattonni hedduun gabaasa kanaan gowwoomanii turani. Hedduun isaanii BBC'tti bilbilanii akkamiin muka paastaa guddifanna jedhanii gaaffachuu eegalan.
Gaaffii kanaaf BBC’n “paastaa qeenxee timaatima daakamaa keessa dhaabaatii abdiin eeggadhaa” jechuun deebii kenne.

Gaazexeessituun BBC Afaan Oromoo Firaafolii Dhugaasaa, guyyaa namoonni itti qoosuuf itti fayyadaman kana waan ishee mudate bara dabre akkanaan qooddee turte.














