Waraana Yuukireen: Haleellaan hospitaala Yuukireen irratti raawwatamu guyyaa guyyaan dabaluun akka isa yaaddesse WHO hime

Maxxanfame

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) Yukireenitti hanga ammaatti haleellaawwan balaa guddaa geessisan 70 caalan hospitaalota, ambulaansiiwwan fi doktarootaa irratti raawwatameera jedhe. Haleellaa guyyuu dabalaa jiruun yaadda'uus ibseera.

Iddoowwan tajaajilli fayyaa itti kennaman haleeluun tooftaa fi tarsimoo waraanaa ta'ee jira kan jedhe dhaabbati kun, gaafa Bitootessa 8, 2022 handaara magaalaa Karkiiv, kan taate iddoo Izyum jedhamu keessatti hospitaalli dhiyeenya suphamee tajaajila eegale haleelamee barbadaa'uu ibse.

Aanga'oonni Yuukireen haleellaa kana loltoota Raashiyaatu raawwate jedhan.

Wayita hospitaalli kun haleelamu hojjettoonni daa'imman, dubartoota ulfaa fi daa'imman reefuu dhalatan sadi, akkasumas loltootaafi namoota nagaa miidhaman wal'aanaa turan jedhan Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Karkiiv Volodimiir Matsokin.

Battala haleellaan raawwatu namni hunduu jala gamochaa dhokatee waan tureef, lubbuun namaa darbe akka hin turre himan.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa Guraandhala 24, 2022 irraa kaasee hanga ammaatti haleellaawwan 72 ta'an dhaabbilee tajaajila fayyaa kennan irratti raawwatamuu fi kanaanis lubbuun namoota 71 darbee, kanneen 37 ta'an ammoo madaa'uu ibseera.

Hospitaalaa fi meeshaalee kaan haleelaman malee hojjettoonni hospitaalichaa butamuu yookiin ammoo hidhamuu akka hin oolle Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ibseera.

"Haleellaan akkanaa guyyuu dabalaa deemuun isaa akkaan nu yaaddessa,'' jedha Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti bakka bu'aan damee Yuukireen Jarno Habicht.

"Yeroo fi haala kam keessattuu iddoon tajaajilli fayyaa itti kennamu nagaa ta'uu qaba. Doktaroonni fi narsoonni, akkasumallee kanneen dhibamanii dhufan haala tasgabbii fi nagaa qabu keessatti tajaajila kennuu fi tajaajilamuu qabu.''

Waraanni Yuukireen keessatti gaggeeffamaa jiru waraana biyyoota lamaan gidduu waan ta'eef, Waliigalteen Jeneevaa hojiirra ooluu qaba.

Waliigalteen kun Waraana Addunyaa Lammaffaa booda hojiitti hiikame.

Akkaataa waliigaltee kanaatti, tibba waraanaa hawaasi fi loltoonni miidhaman yookiin madaa'an tajaajila wal'aansa fayyaa argachuuf mirga guutuu qabu, dhaabbileen fayyaafis eegumsa godhamuu qaba.

Yeroo sana Soviet Union kan jedhamtu Raashiyaan ammaa bara 1954 waliigaltee kana mallatteessiteetti.

Sanada waliigaltee kana keessaa keewwati 18, hospitaalonni siivilii,''haala kam keessattuu haleelamuu akka hin qabne, eegamuu fi kabajamuu akka qaban,'' ajaja.

Seerri kun sarbamnaan Mana Murtii Yakkamtoota Waraanaa Idil-addunyaatu qorannoo gaggeessee tarkaanfii fudhata.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa akka jedhutti biyyoonni waliigaltee Jeneevaa dagatanii, haleellaa dhaabbilee fayyaa akka tooftaa fi tarsimoo waraanaatti fayyadamaa jiraachuun baratamaa dhufeera, kun ammoo yaaddoo guddaadha.

Dhaabbilee fayyaa barbadeessuun abdii dhala namaa dukkaneessuu fi dhiittaa mirga namaa isa olaanaa raawwachuutti ilaalama jedhe dhaabbati kun.