Buufata niwukilaraa: Haleellaan Raashiyaan buufata niwukilaraa Yuukireen irraan geesse balaa akkamii qaba?

Maxxanfame

Buufati niwukilaraa Zapporiizhiyaa Awurooppaa keessatti isa guddicha ta'e erga Raashiyaadhaan haleelamee booda gamoowwan mooraa buufatichaa hedduun abiddaan gubataa turan.

Haleellaan kun maal na dhibdee Raashiyaatiin raawwatamuun addunyaa danuu dheekkamsiise. Ministirri Muummee UK Boris Joonsan ''haleellaan kun nageenya guutuu Awurooppaa yaaddoo keessa kan galchuudha,'' jedhan.

Buufata niwukilaraa kana maaltu mudate?

Raashiyaan jalqaba buufata Zapporiizhiyaa haleelte, isa booda qabatte.

Yuunitiiwwan ja'a buufatichi qabu keessaa gamoon bakka tokkoo akka jirutti barbadaa'e jedhe jaarmiyaan niwukilara Yuukireen hordofu-Ukraine's nuclear inspectorate.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaan dhimma niwukilaraa hordofu- International Atomic Energy Agency (IAEA), sirna nageenya buufata niwukilaraa kana eegsisuuf dhaabbate tokko miidhameera jedhe, garuu carallaan miidhaa geessisu keessaa gadi hin dhiifamne jedhe.

Awurooppaa keessatti isa guddicha kan ta'e Buufati Niwukilaraa Zapporiizhiyaa yuunitiiwwan ja'a kan qabuudha.

Haleellicha hagam hammaataa ture?

Ogeeyyiin dhimma niwukilaraa beekan haleellichi haala akkaan nama yaaddessu uumeera jedhan.

Buufata niwukilaraa guddicha kana keessatti meeshaan anniisaa maddisiisuuf oolu- reactor jedhamu fi gamoon inni keessatti argamu osoo miidhamaniiru ta'ee silaa ho'i hamaan uumamee akka baqee badii geessisu godha ture jedhan ogeeyyiin.

Isa booda carallaan-Radiation- qilleensa naannootti dabalama.

Akkas yoo ta'emmoo miidhaansaa akkaan guddaadha jedhan.

Qilleensi faalame kun ammoo fayyaa namootaa gaaga'a, dhiibbaa yeroo dheeraa fi yeroo gabaabaa namarraan ga'a.

Dhibee akka kaansariif dhala namaa saaxila.

Buufati niwukilaraa yoo miidhame miidhaan inni fayyaa dhala namaarraan ga'u kan danaa armaan oliitiin ibsame kan bara 1986 Buufata Niwukilaraa Yuukiree, Chernobyl irra ga'eedha.

Haleellaan kun seenaa keessatti isa hamaadha jedhame.

Haleellaan kun 'Chernobyl' biraa ta'uu danda'aa?

Ogeeyyiin akka jedhanitti haleellaan kun balaafamaa ta'ullee, garuu buufataalee Chernobyl fi Zapporiizhiyaa gidduu adda addummaa guddaatu jira.

Buufati Zapporiizhiyaa eegumsi isaa akkaan cimaadha jedha Yuuniversitii Imperial College Of Landan irraa Dr Mark Wenman.

Meeshaan anniisaa atoomawaa maddisiisu kan buufata kanaa sibiila jabaadhaan kan ijaaramee fi haleellaa alarraa itti dhufu, kan uumamaas ta'e nam-tolchee, kanneen balaa xiyyaaraa yookiin dhohiinsaa dandamachuu danda'a jedhan.

Buufati Zapporiizhiyaa Meeshaa anniisaa maddisiisu- reactor keessaa albuuda salphaatti baqu, graphite jedhamu hin qabu.

Buufati Chernobyl garuuu albuuda karbonii kana waan qabuuf balaan mudannaan baqee salphaatti carallaa biyyoota Awurooppaa walga'u gadhiisa.

Buufata niwukilaaraarraa ibsaan yoo cite maaltu ta'a?

"Rakkoo uumuuf buufaticha kallattiin haleeluun dirqama miti,'' jedhe jaarmiyaa humna niwukilaraa Yuukireen Ecoaction jedhamutti daarektara itti aanaa kan ta'e Olexi Pasiuk.

Kutaan anniisaa oomishu miidhamnaan balaansaa hammaataadha jedhe ogeessii kun.

Yuukireen maddeen anniisaa atoomawaa (reactors) buufatichaa dhaamsuun eegumsa gochuufiif akka jirtu himte.

Yuunitiiwwan ja'a keessaa yeroo ammaa kan hojjetaa jiru tokko qofa jedhama.

Haata'u malee madda anniisaa niwukilaraa (reactors) akka maddeen anniisaa kaaniitti dhaamsuun hin danda'amu.

Suduudaan sa'atii 30 keessatti qabbanaa'aa deema malee altakkaan ibsaa irraa cufuun hin danda'amu, kanaaf ammoo ibsaan walitti fufiinsaan buufaticha keessa jiraachuu qaba.

Gidduutti ibsaan badnaan, yookiin adeemsi qabbaneessuu adda citnaan, carallaan miliqee naannootti dhangala'uu danda'a.

Wayita boba'aan niwukilaraa qabxii baqiinsaa caaludha haalli kun kan mudatu, wayita kana carallaan ho'aan humnaa ol ta'uun bakka itti kuufame keessaa dhohee ba'a.

Yuuniversitii Shefiilditti ogeessa meeshaalee niwukilaraa kan ta'an Prof Claire Corkhill, gama kanaan yaadannoon balaafamaan addunyaan qabdu wayita balaan Fukushimaa mudateedha jedhan.

Balaan buufata niwukilaraa Jappaan, Fukushimaa bara 2011 mudate kun, erga danbalii hamaan biyyattii mudatee booda buufata niwukilaraa guddicha kana dhaamsuuf adeemsi qabbaneessuu waan gufateef to'annoon ala ta'ee ture.

Haala kana keessatti humna ibsaa dhaabuu jechuun adeemsi qabbaneessuu ni gufata jechuudha, kunimmoo maddeen anniisaa atoomawaa sadi akka baqanii naannootti faca'an taasise.

Yuukireen buufata niwukilaraa meeqa qabdi?

Yuukireen biyya buufata niwukilaraa murteessoo ta'an qabdu ta'uusheetiin weeraramuunshee waanuma eegame hin turre.

Biyyattiin buufata niwukilaraa afur qabdi, kan amma hojiin ala ta'ee jiru Chernobyl waliin shan.

Amma Raashiyaan Zapporiizhiyaa fi Chernobyl qabattee sadaffaatti siqaa jirti.

Inni sadaffaan Raashiyaan itti adeemaa jirtu kibba Yuukireenitti argama. Buufata niwukilaraa Kibba Yuukireen jedhama.

Buufataaleen niwukilaraa biyya Yuukireen keessatti akka madda anniisaa murteessootti fayyadaa jiru.

Waraana bara 2014n kanneen Yuukireen irraa adda ba'uu filatanii fi Raashiyaadhaan deeggaraman dhaabbata oomisha cilee guddicha kutaa biyyaa Donbas keessatti argamu Yuukireen irraa fudhatan.

Buufati kun anniisaa biyyattiif harka 41 gumaacha ture.

Yuukireen erga buufata kana dhabdee booda buufataalee niwukilaraa fi maddeen haaromfaman irraa anniisaa oomishuurratti xiyyeeffattee jirti.